Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:38

[1] Hiriyoonni ishee, “Yaa ishee dubartoota hundumaa keessaa baay'ee miidhagduu! Michuun kee eessa dhaqe” Karaa kam irras ba'e” Mee ka'i, nuyis sii wajjin dhaqnee isa in barbaanna!” jedhan.

[2] “Michuun koo gara iddoo daabaa isaatiitti gad bu'e, gara madabii biqiltuun urgooftuu irratti guddifamuu dhaqe; inni horii isaa achi in tiksa, daraaraas in cirata.

[3] Michuun koo kan koo ti, anis kan michuu kootii ti; inni daraaraa keessa horii isaa in tiksa” jette.

[4] “Yaa hiriyee ko, ati akka Tiirzaa miidhagduu dha, akka mandara Yerusaalem nama in mararta, akka loltoota faajjii baataniis nama in sodaachifta;

[5] akka inni ana hin hawwannetti, ija kee ana irraa buqqisi! Rifeensi mataa kee re'oota tulluu Giil'aad irraa gad yaa'an fakkaata;

[6] ilkaan kees akka hoolota dhagni isaanii dhiqamee bishaan keessaa ba'anii ti; hoolonni kun hundinuu lakkuu dhalu malee, isaan keessa maseenni tokko illee hin jiru;

[7] maddiin kee rumaanii baqaqfame fakkaata, innis shaashii ati haguuggattu keessaan in mul'ata.

[8] Mootuuwwan jaatamni, saajjatoonni saddeettamni, durboonni lakkoobsi isaanii dhuma hin qabne yoo jiraatan illee,

[9] gugeen koo isheen mudaa hin qabne, isheen haadha isheetiif tokkittii, isheen deesse ishee marartu, anaaf tokkittii koo ti; durboonni ishee arganii “Eebbifamtuu” jedhaniin; mootuuwwanii fi saajjatoonni ishee in jajan” jedhe.

[10] “Isheen akka boruu ganamaa ol baatu, akka ji'aa miidhagdu, akka aduu iftu, akka loltoota faajjii baatanii nama sodaachiftu kun eenyu?” jedhan.

[11] Inni immoo,“Ija mukkeetii dachaa sana keessa jiranii ilaaluudhaaf, mukti waynii daraaree, rumaaniinis hudheera yoo ta'e hubachuudhaaf, gara dachaa dhaabaa muka meexxii nan dhaqe.

[12] Utuma ani hin beekin yaadni koo na butee, konkolaataa gurguddoota saba kootii irra na kaa'e” jedhe.

Macaafa Weedduu Weedduu Caalu — Chapters