[1] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa anaaf qopheessu of dura nan erga; dingatas gooftichi inni isin barbaaddan sun gara mana qulqullummaa isaa in dhufa; kunoo, ergamaan kakichaa inni isin hawwitan sun in dhufa” jedha.
[2] Garuu guyyaa dhufa isaatti eenyutu obsuu danda'a ree” Yeroo inni mul'atus eenyutu dhaabachuu danda'a ree” Inni akka ibidda isa sibiila qulleessuu ti, akka saamunaa isa ittiin uffata miicanii tis.
[3] Inni akka nama sibiila baqsuutti, akka nama meetii qulleessuuttis taa'ee warra Lewwootaa baqsee akka warqee fi akka meetiitti isaan in qulleessa; isaanis warra Waaqayyoof aarsaa qajeelaa dhi'eessan in ta'u.
[4] Yommus aarsaan Yihudaa fi aarsaan Yerusaalem akka baroota darbanii, akka waggoota durii sanaattis Waaqayyo duratti fudhatamaa in ta'a.
[5] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Ani firdii kennuudhaaf isinitti dhi'aadheera; warra qoricha namatti godhan irratti, warra ejjitoota irratti, warra sobaan kakatan irratti, namoota warra hojjetoota, haadha hiyyeessaa fi ijoollee abbaa fi haati irra hin jirre cunqursan irratti, warra nama galaa firdii dhowwatan irratti, warra ana hin sodaanne irrattis dafee dhugaa nan ba'a” jedha.
[6] Itti fufees,“Ani Waaqayyo waanan ta'eef, hin geddaramu; kanaaf yaa ilmaan Yaaqoob isin raawwattanii hin badne.
[7] Bara abboota keessaniitii jalqabdanii hamma ammaatti isin seerrata koo irraa gortaniittu, isa hin eegnes; ani Waaqayyo gooftaan maccaa,“Gara kootti deebi'aa! Anis gara keessanitti nan deebi'a” isiniin jedheera; isin garuu,“Attamitti deebina?” in jettu.
[8] Namni Waaqayyoon in saamaa” Isin garuu ana in saamtu,“Attamitti si saamna?” jettanii in gaafattu; isin kudhan keessaa tokkoon, aarsaadhaanis ana in saamtu;
[9] isin, sabni hundinuu ana waan saamtaniif, dhugumaan abaaramtaniittu;
[10] mana koo keessatti nyaanni akka ta'uuf kudhan keessaa tokko guutummaatti gombisaa kootti galchaa! Ani immoo ittisa bantii waaqaa banee, eebba danuu isin irratti yoon dhangalaasuu dhabaadheef qoraa ana ilaalaa!
[11] Midhaan keessan kan balleessu isin irraa nan ifadha; maasii keessan keessaa mukti waynii keessanii hin maseenu; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.
[12] Isin biyya nama gammachiisu keessa waan jiraattaniif sabni warri kaan hundinuu,“Isin warra eebbifamoo dha” isiniin in jedhu.
[13] “Isin ana irratti dubbii cimaa dubbattaniittu; kanuma keessaa immoo,“Maal si irratti dubbanne?” in jettu;
[14] isin,“Waaqayyoof hojjechuun akkasumaan; akka warra gaddaniitti fuula Waaqayyo gooftaa maccaa dura utuu deddeebi'aa jirruu, wanta inni abboome eeguun keenya maal waa'ee baasa”
[15] Warri of gurguddisan kan eebbifamanii dha, warri hamaa hojjetan in guddatu, Waaqayyoon qoraniis isa jalaa in ba'u” in jettu” jedha.
[16] Amma immoo warri Waaqayyoon sodaatan walii wajjin utuu dudubbatanii Waaqayyo isaan dhaggeeffatee, waan isaan dubbatan in dhaga'e; macaafni seenaa waa'ee warra isa sodaatanii fi warra maqaa isaatiif ulfina kennanii, fuula isaa duratti caafameera.
[17] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Guyyaa ani murtoo godhe sanatti isaan qabeenya dhuunfaa koo in ta'u; akkuma abbaan ilma isaaf hojjetuuf oo'u akkasuma anis isaaniif nan oo'a;
[18] yommus isin garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jal'oota gidduu jiru, warra ana Waaqayyoof hojjetuu fi warra anaaf hin hojjenne gidduu jirus dabaltanii in argitu” jedha.