[1] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Yaa lubootaa! Abboommiin kun isiniif ba'e;
[2] isin yoo anaaf dhaga'uu diddan, maqaa kootiif ulfina kennuudhaaf yoo itti yaaduu dhiiftan, ani immoo abaarsa isin irratti nan erga, eebba keessanis abaarsatti nan geddara; sababii isin ulfina anaaf kennuudhaaf itti yaaduu dhiiftaniif, dhuguma ani ammuma iyyuu abaareera.
[3] Kunoo ani sababii keessaniif jedhee, sanyii keessan nan ifadha, fuula keessanitti dhoqqee nan diba; dhoqqee horii isa yeroo ayyaanaa qaltanii aarsaa dhi'eessitan keessaa ba'u wajjinis diidatti in gatamtu.
[4] Yommus kakuun koo inni ani Lewwiidhaaf gale akka itti fufuuf jedhee, abboommii kana akkan kenne in beektu; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.
[5] Kakuun koo inni isaa wajjin ture sun kakuu jireenyaa fi kakuu nagaa ti; kanas akka inni ana safeeffatuufan isaaf kenne; innis ana sodaatee maqaa kootiif ulfina kenneera.
[6] Barsiisa dhugaa in barsiisa ture, dubbiin jal'aanis afaan isaa keessaa hin baane, nagaadhaa fi qajeelummaadhaan anaa wajjin jiraateera, namoota baay'ees yakkattii deebiseera.
[7] “Lubni beekumsa isa dhugaa in eega; inni ergamaa Waaqayyo gooftaa maccaa waan ta'eef, namni afaan isaa keessaa barumsa in barbaada.
[8] Isin garuu karaa irraa jal'attanii namoota baay'ees barsiisa keessaniin gufachiiftaniittu, kakuu ani Lewwiidhaaf gales cabsitaniittu; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.
[9] Sababii isin abboommii koo eeguu diddanii seera koo yommuu barsiiftanis nama wal caalsiftaniif, ani immoo saba hundumaa duratti akka tuffatamtaniif akka gad deebitan nan godha” jedha.
[10] Hundumti keenya abbaa tokkicha qabna mitii ree” Waaqayyo isa tokkichatu hunduma keenya uume mitii ree” Maaliif nuyi walii walii keenyaaf amanamuu dhabnee, wal irratti ka'uudhaan kakuu abboota keenyaa cabsina ree”
[11] Namoonni Yihudaa amanamummaa in dhaban; Israa'elii fi Yerusaalem keessattis wanta ciiggaasisaatu hojjetame; namoonni Yihudaa durboota waaqayyolii ormaa fuudhuudhaan iddoo qulqullaa'aa isa Waaqayyo jaallatu sana in xureessan.
[12] Waaqayyo nama wanta xuraa'aa akkasii hojjetu, nama isaaf aarsaa dhi'eessu illee yoo ta'e sanyii Yaaqoob keessaa raawwatee isa haa balleessu!
[13] Wanti lammaffaan isin gootan immoo, isa isin imimmaaniin iddoo aarsaa Waaqayyoo dhiqxanii dha; sababii Waaqayyo gara aara aarsaa keessanii ilaaluu didee, gammachuudhaan isin harkaa fudhachuu dhiiseef isin in iyyitu, in wawwaattus.
[14] Isin,“Kun maaliif ta'e?” jettanii in gaafattu; Waaqayyo isiniif haadha manaa isin qerrummaadhaan fuutan gidduutti dhuga-baatuu dha; isheen hidhata keessan, haadha manaa kakuu keessanii taatee utuma jirtuu, isin isheedhaaf amanamuu dhiiftanii ishee in gowwoomsitan.
[15] Waaqayyo foonitti, lubbuuttis tokko isaan hin goonee ree” Maaliifis tokko isaan godhe” Sanyii ofii isaatiif kaafachuudhaaf kana godhe; kanaafis jireenya keessan eeggadhaa! Haadha manaa qerrummaa keessan irraas amanamummaa hin dhabinaa!
[16] Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el,“Namni haadha manaa isaa gad dhiisuun humnaan ishee irratti ka'uu akka uffataatti uffachuu isaa waan ta'uuf, wanta akkasii baay'isee nan jibba; kanaafis isin jireenya keessan eeggadhaa, amanamummaas hin dhabinaa!” jedha.
[17] Isin dubbii keessanin Waaqayyoon dadhabsiiftaniittu; garuu,“Attamitti isa dadhabsiifne?” jettanii in gaafattu; isin,“Warri wanta hamaa hojjetan hundinuu fuula Waaqayyoo duratti gaarii dha, innis isaanitti in gammada; yookiis immoo Waaqayyo abbaan firdii dhugaa eessa jira?” jettanii gaafachuudhaan isa in dadhabsiiftu.