[1] “Namni tokko qalma araaraatiif karra sa'aa keessaa korma yookiis dhalaa yoo dhi'eesse, horii mudaa hin qabne fuula ana Waaqayyo duratti haa dhi'eessu!
[2] Inni harka isaa mataa isa qalmaaf dhi'eesse sana irra haa kaa'u! Isa balbala dunkaana itti wal ga'anii duratti haa gorra'u! Ilmaan Aaron warri luboonni dhiiga isaa iddoo aarsaatti naannessanii haa facaasan!
[3] Qalma araaraa kana irraa, qalma gubamee ana Waaqayyoof dhi'aatuuf, moora mi'a garaatti uffisu, moora mi'a garaa irra jiru hundumaa,
[4] kalee lamaan, moora isaan irra jiru isa mudhii irraa, moora tiruu isa kalee wajjin ba'us haa dhi'eessu!
[5] Ilmaan Aaron akka qalma ana Waaqayyoof ibiddaan gubamee, fooliin isaa garaa ciibsu godhanii, qoraan iddoo aarsaa irratti qalma gubuuf boba'u sana irratti haa guban!
[6] “Kennaan namichi qalma araaraaf ana Waaqayyoof dhi'eessu kun karra bushaayee keessaa korbeessa yoo ta'e yookiis dhaltuu yoo taate, horii mudaa hin qabne haa ta'u!
[7] Kennaan inni dhi'eessu kun xobbaallaa hoolaa yoo ta'e, fuula ana Waaqayyo duratti haa dhi'eessu!
[8] Inni harka isaa mataa isa qalmaaf dhi'eesse sana irra haa kaa'u, dunkaana itti wal ga'an sana duratti isa haa gorra'u! Ilmaan Aaron dhiiga horii qalame sanaa iddoo aarsaatti naannessanii haa facaasan!
[9] Qalma araaraa kana irraa, qalma gubamee ana Waaqayyoof dhi'aatuuf, cooma xobbaallaa sanaa, cooma duboo isaas guutummaatti hamma lafee dugdaatti itti baasee, moora mi'a garaatti uffisu, moora mi'a garaa irra jiru hundumaa,
[10] kalee lamaan, moora isaan irra jiru isa mudhii irraa, moora tiruu isa kalee wajjin ba'us haa dhi'eessu!
[11] Akka aarsaa midhaanii ibiddaan gubamee ana Waaqayyoof dhi'aatutti lubichi iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu!
[12] “Kennaan namichi dhi'eessu kun reettii yoo ta'e, fuula koo duratti haa dhi'eessu!
[13] Inni harka isaa mataa isa qalmaaf dhi'eesse sana irra haa kaa'u, dunkaana itti wal ga'an sana duratti isa haa gorra'u! Ilmaan Aaron dhiiga horii qalame sanaa iddoo aarsaatti naannessanii haa facaasan!
[14] Isa irraa qalma ibiddaan gubame ana Waaqayyoof dhi'aatuuf, moora mi'a garaatti uffisu, moora mi'a garaa irra jiru hundumaa,
[15] kalee lamaan, moora isaan irra jiru isa mudhii irraa, moora tiruu isa kalee wajjin ba'us haa dhi'eessu!
[16] Moorri hundinuu kan koo waan ta'eef, akka aarsaa midhaanii isa ibiddaan gubamee fooliin isaa garaa ciibsutti lubichi iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu!
[17] Isin moora hundumaa, dhiiga hundumaas, hin nyaatinaa! Kun iddoo jiraattan hundumaatti dhaloota keessan hundumaa keessattis seerrata bara baraan dhaabataa ta'ee hafu isiniif haa ta'u!” jedhe.