[1] Waaqayyo ammas Museetti dubbatee,
[2] “Ati namoota Israa'elitti dubbadhuu isaaniin,“Waaqayyo akkana jedha:- Namni tokko namoota ana Waaqayyoof addaan baasuudhaaf wareegee, shallagaa keetti yoo fide,
[3] dhiirri waggaa digdamaa hamma jaatamaatti jiru, meetii akka madaalii godoo qulqullaa'aatti sheeqelii shantama haa ta'u!
[4] Dubartii yoo ta'e immoo, shallagaan kee sheeqelii soddoma haa ta'u!
[5] Nama waggaa shanii hamma waggaa digdamaaf immoo shallagaan kee dhiiraaf sheeqelii digdama, durbaaf sheeqelii kudhan haa ta'u!
[6] Mucaa ji'a tokko hamma waggaa shaniitiif, shallagaan kee dhiiraaf meetii sheeqelii shan, durbaaf meetii sheeqelii sadii haa ta'u!
[7] Nama waggaa jaatamaaf kan isa gara irraaf immoo, shallagaan kee dhiiraaf sheeqelii kudha shan, dubartiif sheeqelii kudhan haa ta'u!
[8] Namichi wareege sun hiyyeessa ta'ee shallagaa kee kana yoo baasuu dadhabe garuu, nama wareegame sana fuula lubaa duratti haa dhi'eessu! Lubichi isa haa shallagu! Innis akka humna namicha wareege sanaatti haa shallagu!
[9] “ ‘Wareegichi horii akka aarsaatti ana Waaqayyoof dhi'eessan yoo ta'e immoo, horii qulqullaa'aa isa namni anaaf aarsaa godhee dhi'eessuu danda'u haa ta'u!
[10] Namichi wareege sun qooda isa gaarii isa gadhee, qooda isa gadhees isa gaarii iddoo hin buusin yookiis hin geddarin! Horii horiidhaan yoo geddare garuu, inni geddaramu, inni iddoo isaa bu'us lachanuu kan koo haa ta'an!
[11] Horii qullaa'aa hin ta'in isa namni ana Waaqayyoof aarsaa godhee dhi'eessuu hin dandeenye yoo ta'e immoo namichi horii sana lubicha duratti haa dhi'eessu!
[12] Lubichi immoo horichi gaarii yookiis gadhee ta'uu isaa ilaalee haa shallagu! Akkuma lubichi itti shallages haa ta'u!
[13] Namichi furachuu yoo barbaade garuu, gatii inni itti shallagame sanatti harka shan keessaa horii harka tokko itti haa dabalu!
[14] “ ‘Namni tokko manni isaa ana Waaqayyoof qulqulluu akka ta'utti addaan yoo baase, manichi gaarii yookiis gadhee ta'uu isaa lubichi ilaalee haa shallagu!
[15] Inni addaan baase sun mana isaa furachuu yoo barbaade, gatii inni itti shallagame sanatti harka shan keessaa horii harka tokko itti dabalee, haa deebifatu!
[16] “ ‘Namni tokko maasii dhaala isaatii irraa gar tokko ana Waaqayyoof addaan yoo baase, humna sanyii itti faca'uutiin isa in shallagda; sanyiin itti faca'u garbuun safartuu omeer tokko yoo ta'e, meetii sheeqelii shantamatti in shallagama.
[17] Namichi maasii isaa ayyaana waggaa shantammaffaatii jalqabee addaan baase yoo ta'e, gatiin itti shallagame guutummaatti dhaabataa in ta'a.
[18] Maasicha anaaf addaan baasuun isaa ayyaana waggaa shantammaffaa booddee yoo ta'e garuu, lubichi hamma ayyaana waggaa shantammaffaa isa itti aanee dhufuutti waggoonni meeqa akka hafan ilaalee, humna horii waggoota sanaatti itti in shallaga; akkasitti isa dura guutummaatti shallagame irraa in caba.
[19] Inni maasicha ana Waaqayyoof addaan baase sun isa furachuu yoo barbaade, horii isatti shallagame sanatti harka shan keessaa harka tokko dabalee, maasicha haa deebifatu!
[20] Namichi maasicha yoo furachuu dhabaate yookiis maasicha nama biraatti yoo gurgure garuu, maasichi deebi'ee furamuu hin danda'u!
[21] Haa ta'u iyyuu malee, maasichi ayyaana waggaa shantammaffaatti yeroo gad dhiifamu, akka maasii addaan baafameetti, ana Waaqayyoof haa qulqullaa'u! Qabeenya lubichaas haa ta'u!
[22] Namichi maasii dhaalaan qabeenya isaa ta'e keessaa utuu hin ta'in, maasii bitate anaaf addaan baase yoo ta'e immoo,
[23] lubichi hamma ayyaana waggaa shantammaffaatti lakkaa'ee haa shallagu; namichis hamma itti shallagame sana wanta ana Waaqayyoof qulqullaa'e godhe gaafasuma haa kennu!
[24] Ayyaana waggaa shantammaffaatti maasichi namicha isa duraan dhaalaan qabate erga turee booddee irraa bitame sanaaf haa deebi'u!
[25] Shallagaan kee hundinuu akka madaalii godoo qulqullaa'aatti haa ta'u! Akkasitti sheeqel tokko geraa digdama in ta'a.
[26] “ ‘Haa ta'u iyyuu malee, angafni kan koo waan ta'eef, horii keessaa angafa ta'ee kan dhalatu namni tokko iyyuu addaan hin baasu; kan sa'aas, kan hoolaas yoo ta'e inni kan koo ti.
[27] Angafa horii isa hin qullaa'inii yoo ta'e immoo gatii ati itti shallagdeen deebisee haa furatu! Harka shanan gatii isaa keessaa harka tokko itti haa dabalu! Inni yoo furachuu dhabaates gatii ati shallagdetti haa gurguramu!
[28] “ ‘Wanti namni waanuma qabu keessaa akka hin tuqamne godhee ana Waaqayyoof addaan baasu, nama, horii, maasii dhaala isaa keessaas yoo ta'e tokko illee hin gurguramin, hin furaminis! Wanti akka hin tuqamne godhamee kenname hundinuu waan hundumaa irra ana Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha.
[29] Akka hin tuqamnetti namoota gidduudhaa anaaf kan addaan baafame tokko illee hin furamin! Inni haa ajjeefamu!
[30] “ ‘Midhaan biyyichaa keessaa, ija mukkeetii keessaas yoo ta'e, kudhan keessaa tokko kan baafamu hundinuu kan koo ti; inni ana Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha.
[31] Kudhan keessaa tokko isaa sana furachuu namni barbaade harka shanan gatii isaa keessaa harka tokko itti haa dabalu!
[32] Karra sa'aa keessaa, karra bushaayee keessaa guutummaa horii ulee tiksituu jala jiru keessaa harki kurnaffaan hundinuu ana Waaqayyoof qulqullaa'aa haa ta'u!
[33] Harki kurnaffaan kun gaariis gadhees yoo ta'e, namni isa hin barbaadin! Isa hin geddarinis! Yoo geddare immoo inni geddaramu, inni iddoo isaa bu'us lachanuu qulqullaa'oo haa ta'an! Inni hin furamin!” jedhi!” jedhe.
[34] Isaan kun abboommota Waaqayyo namoota Israa'eliif tulluu Siinaa irratti Museetti kennee dha.