[1] Waaqayyo ammas Museedhaa fi Aaroniin,
[2] “Namni gogaa dhagna isaa irratti iiti yookiis xof-xofiin yookiis roobbiin ba'e, gogaa isaa irratti dirmammuu lamxii yoo ta'e, gara Aaron lubichaatti yookiis ilmaan isaa keessaa gara isa luba ta'e tokkootti haa dhi'eeffamu!
[3] Lubichi dirmammuu gogaa dhagna namichaa irratti ba'e sana ilaalee in qora; rifeensi dirmammuu sana irra jiru adiitti yoo diddiirame, dirmammuun sunis gogaa keessa darbee hamma fooniitti kan adeeme yoo ta'e, inni dirmammuu lamxii ta'uu isaa ti; lubichi erga qoree bira ga'ee booddee, namichi xuraa'aa ta'uu isaa haa beeksisu!
[4] Garuu roobbiin gogaa namichaa irratti ba'e sun adii yoo ta'e iyyuu dirmammuun isaa hamma fooniitti keessa lixee hin adeemne yoo ta'e, rifeensi isa irra jirus adiitti hin diddiiramne yoo ta'eef, lubichi isa dhukkubsatu sana guyyaa torbaaf iddoo kophaa haa teessisu!
[5] Guyyaa torbaffaatti lubichi ammas isa qoree haa ilaalu! Dirmammuun dhukkubaa sun bifa hin geddaranne, bal'achaas hin adeemne yoo ta'e, ammas lubichi itti dabalee guyyaa torbaaf iddoo kophaa isa haa teessisu!
[6] Lubichi ammas guyyaa torbaffaatti isa qoree haa ilaalu! Dirmammuun dhukkubaa sun bal'achaa adeemuu dhiise daammii ta'aa adeemeera yoo ta'e, dhukkubichi xof-xofii duwwaa dha waan ta'eef, namichi qullaa'aa ta'uu isaa lubichi haa beeksisu! Namichis uffata isaa haa miiccatu, qullaa'aas haa ta'u!
[7] Garuu qullaa'uun isaa lubichaan erga ilaalamee booddee xof-xofiin sun gogaa dhagna isaa irratti guddatee bal'achaa yoo adeeme, inni ammas lubicha of haa ilaalchisu!
[8] Lubichis isa qoree haa ilaalu! Xof-xofiin sun gogaa isaa irratti bal'achaa kan adeemu yoo ta'e, dhukkubichi lamxii ta'uu isaa ti; kanaaf namichi sun xuraa'aa ta'uu isaa lubichi haa beeksisu!
[9] “Namni dhukkuba lamxii yoo qabaate, gara lubaatti haa geeffamu!
[10] Lubichis isa qoree haa ilaalu! Iiti sun gogaa irratti addaatee mul'ata yoo ta'e, rifeensas addeesseera yoo ta'e, foon diimaanis iita sana keessaan yoo ol ba'e,
[11] inni dhukkuba lamxii gogaa dhagna isaa keessa turee dha; kanaaf namichi sun xuraa'aa akka ta'e lubichi haa beeksisu! Inni xuraa'aa ta'uun isaa waan beekameef, lubichi iddoo kophaa isa teessisuun barbaachisaa miti.
[12] Dhukkubni lamxii kun guddatee gogaa namaa irratti yoo ba'e, lubichi yommuu qoree ilaalu, lamxichi mataa namichaatii hamma miilla isaatti guutummaa gogaa isaa isa ija lubichaatti mul'atutti yoo uffise,
[13] lubichi ammas qoree ilaalee, dhukkubni lamxii sun guutummaa dhagna namichaatti uffiseera yoo ta'e, namichi qullaa'aa ta'uu isaa haa beeksisu! Inni irra-keessaan guutummaa gogaa isaatii adiitti waan diddiireef qullaa'aa in ta'a.
[14] Yeroodhuma foon diimaan isa irratti argamu immoo inni xuraa'aa in ta'a;
[15] lubichi qoree ilaalee foon diimaa yommuu irratti argu, namichi xuraa'aa ta'uu isaa haa beeksisu! Foon diimaan xuraa'aa waan ta'eef, namichi dhukkuba lamxii qaba;
[16] yommuu foon diimaan sun geddaramee addaatu immoo namichi gara lubichaa dhaquun irra jira;
[17] lubichi isa qoree haa ilaalu! Iddoon dhukkubu sun addaateera yoo ta'e, yommus namichi qullaa'aa ta'uu isaa lubichi haa beeksisu!
[18] “Gogaa nama tokkoo irratti iitoon ba'ee yoo fayye,
[19] godaannisa iitoo sana irratti immoo iiti adiin calalaqaan yookiis adii borrajjiin yoo itti ba'e, gara lubichaatti dhi'aatee of haa ilaalchisu!
[20] Lubichi qoree isa ilaalee iiti sun gogaa keessa darbee foon bira ga'ee, rifeensi isaas addaateera yoo ta'e, dhukkubni kun dhukkuba lamxii isa iita irratti ba'e ta'uu isaa ti; kanaaf namichi xuraa'aa akka ta'e lubichi haa beeksisu!
[21] Garuu lubichi yommuu qoree ilaalu rifeensi adiin iddoo sana irratti hin argamne ta'ee, dhukkubichis gogaa keessa darbee hamma fooniitti hin adeemne ta'e, bifni isaas daammii ta'aa yoo adeeme, namchicha guyyaa torbaaf iddoo kophaatti haa baasu!
[22] Dhukkubichi gogaa irratti guddatee bal'achaa yoo adeeme lamxii ta'uu isaa ti; kanaaf namichi xuraa'aa akka ta'e lubichi haa beeksisu!
[23] Garuu inni addaate sun achumatti hafee, iddoo biraattis bal'achaa hin adeemne yoo ta'e, inni godaannisa iitichaa duwwaa ta'uu isaa ti; kanaaf namichi qullaa'aa ta'uu isaa lubichi haa beeksisu!
[24] “Namni tokko gogaan isaa gubatee yoo madaa'e, madaan iddoo gubate sanaas addaatee yoo calalaqe yookiis daammii yoo ta'e,
[25] lubichi iddoo gubate sana qoree haa ilaalu! Rifeensi iddoo calalaqe sana irra jiru addaatee dhukkubichis gogaa keessa darbee hamma fooniitti adeemeera yoo ta'e, dhukkubni kun lamxii iddoo gubate sana keessaan cabsatee ba'e ta'uu isaa ti; dhukkubichi lamxii waan ta'eef, namichi sun xuraa'aa ta'uu isaa lubichi haa beeksisu!
[26] Garuu lubichi qoree ilaalee iddoo calalaqe sana irraa rifeensa adii yoo dhabe, dhukkubichi gogaa keessa darbee hamma fooniitti hin adeemne ta'ee, bifni iddoo calalaqqaa sun daammii ta'aa yoo adeeme, namicha guyyaa torbaaf iddoo kophaatti haa baasu!
[27] Lubichi ammas guyyaa torbaffaatti qoree isa haa ilaalu! Dhukkubichi gogaa isaa irratti bal'achaa adeemeera yoo ta'e, lamxii ta'uu isaa ti; kanaaf namichi sun xuraa'aa ta'uu isaa lubichi haa beeksisu!
[28] Haa ta'u iyyuu malee, inni addaate sun achumatti hafee, iddoo biraattis bal'achaa hin adeemne yoo ta'e, bifni isaa immoo daammii ta'aa yoo adeeme, inni godaannisa iita iddoo isa gubate sanaa duwwaa ta'uu isaa ti; kanaaf namichi sun qullaa'aa ta'uu isaa lubichi haa beeksisu!
[29] “Dhiirri yookiis dubartiin mataa irraa yookiis areeda irraa madaa yoo qabaate,
[30] lubichi madaa sana qoree haa ilaalu! Madichi gogaa keessa darbee hamma fooniitti adeemeera yoo ta'e, rifeensi isaas qaqal'atee daraaraa kelloo yoo fakkaate, cittoodhaa fi dhukkuba lamxii isa areeda irratti yookiis mataa irratti ba'u ta'uu isaa ti; kanaaf namni akkasii xuraa'aa ta'uu isaa lubichi haa beeksisu!
[31] Garuu lubichi dhukkuba cittoo akkasii kana qoree ilaalee akka inni gogaa keessa darbee foon hin lixin jiru, rifeensi gurraachis keessa akka hin jirre yommuu argu nama akkasii guyyaa torbaaf kophaa haa baasu!
[32] Lubichi ammas guyyaa torbaffaatti dhukkuba sana qoree haa ilaalu! Dhukkubni cittoo sun bal'achaa hin adeemne, rifeensi daraaraa kelloo fakkaatu irratti hin argamne, gogaa keessa darbee hamma fooniittis hin adeemne yoo ta'e,
[33] iddoo dhukkubni cittoo irratti argame sana duwwaa dhiisee rifeensa isaa haa haaddatu! Lubichi itti dabalee guyyaa torbaaf kophaatti isa haa baasu!
[34] Lubichi ammas guyyaa torbaffaatti qoree ilaalee, dhukkubni cittoo sun gogaa isaa irratti bal'achaa, gogaa keessa darbees hamma fooniitti hin adeemne yoo ta'e, namichi sun qullaa'aa ta'uu isaa lubichi haa beeksisu! Namichis uffata isaa haa miiccatu, qullaa'aas haa ta'u!
[35] Haa ta'u iyyuu malee, erguma qullaa'uun isaa beeksifame iyyuu dhukkubni cittoo sun gogaa namichaa irratti bal'achaa adeemuun isaa yoo beekame,
[36] lubichi qoree isa haa ilaalu! Dhukkubni cittoo sun gogaa irratti bal'achaa adeemeera yoo ta'e, namichi xuraa'aa ta'uu isaa ti; lubichis bifni rifeensichaa daraaraa kelloo fakkaatee fi hin fakkaannee isaa qoruu iyyuu hin barbaachisu.
[37] Garuu akka lubichi ilaalutti dhukkubni cittoo sun achumatti hafee, rifeensi gurraachis irratti yoo biqile namichi qullaa'uu isaa ti, dhukkuba cittoo isaattiis fayyuu isaa ti; lubichis qullaa'aa ta'uu namichaa haa beeksisu!
[38] Gogaa nama tokkoo irratti kan dhiiraa yookiis kan dubartii irratti wanti gogaa adeesu tokko yoo argame,
[39] lubichi isa qoree haa ilaalu! Iddoon addaate sun addeenyi isaa daalachaa'aa yoo ta'e, xof-xofii gogaa irratti ba'uu dha malee wanta miidhu miti; namichi sunis qullaa'aa dha.
[40] “Rifeensi mataa namaa karaa duubaa haphatee molachuun xuraa'aa nama hin godhu.
[41] Rifeensi mataa namaa karaa fuula duraa haphatee molachuunis xuraa'aa nama hin godhu.
[42] Garuu isa karaa duubaa molate sana irratti yookiis isa karaa fuula duraa molate sana irratti wanti akka dirmammuu adii borrajjiin yoo ba'e, inni akkasii lamxii isa moluu gara duubaa irratti yookiis isa gara fuula duraa irratti ba'uu dha.
[43] Lubichi qoree isa haa ilaalu! Inni mataa isaa irratti karaa duubaa yookiis karaa fuula duraa ba'e sun adii borrajjii akka lamxii ta'ee yoo mul'ate,
[44] namichi sun lamxii qaba, xuraa'aa dhas; namichi dirmammuu akkasii mataa isaatii waan qabuuf xuraa'aa ta'uu isaa lubichi haa beeksisu!
[45] “Namni dhukkuba lamxii akkasii kana qabu uffata tarsa'aa haa uffatu! Rifeensa mataa isaa marata irraa fuudhee akkasumatti gad haa dhiisu! Wayyaa afaanitti qabatee,“Ani xuraa'aa dha! Ani xuraa'aa dha!” jedhee haa labsu!
[46] Egaa inni hamma lamxichi isa irra jirutti dhuguma xuraa'ee in hafa; iddoon inni jiraatu, kophaatti iddoo safaraa duuba haa ta'u!
[47] “Uffata rifeensa irraa yookiis quncee talbaa irraa hojjetame tokko irratti dhukkubni lamxii yoo argame,
[48] uffata dha'ame yookiis harkaan wal keessa naqamee hojjetame irratti, quncee talbaa irratti, uffata rifeensa irraa hojjetame irratti, gogaa irratti, waan gogaa irraa hojjetame hundumaa irratti,
[49] uffata irratti, gogaa irratti, uffata dha'ame irratti, isa harkaan wal keessa naqame irratti, mi'a gogaa irraa hojjetame irrattis akka margaa ta'ee yookiis diimatee yoo mul'ate, inni akkasii kun dhukkuba lamxii waan ta'eef, lubichatti haa argisiifamu!
[50] Lubichis dhukkuba sana qoree ilaalee, mi'icha dhukkubichaan tuqame sana guyyaa torbaaf kophaatti haa baasu!
[51] Guyyaa torbaffaattis akkasuma qoree haa ilaalu! Dhukkubni sun uffaticha keessa, uffata dha'ame yookiis harkaan wal keessa naqamee hojjetame, gogaa, mi'a gogaa irraa hojjetame hundumaa keessa tamsa'ee yoo argame, egaa inni dhukkuba lamxii isa hamaa dha; mi'i sunis xuraa'aa dha;
[52] lubichi uffaticha isa dha'ame yookiis isa harkaan wal keessa naqamee hojjetame, uffata rifeensa irraa hojjetame yookiis quncee talbaa irraa hojjetame yookiis mi'a gogaa irraa hojjetamee dhukkubni kun tuqe hundumaa ibiddaan haa gubu! Inni dhukkuba lamxii isa hamaa waan ta'eef, mi'i sun haa gubatu!
[53] “Garuu lubichi qoree yommuu ilaalu, dhukkubni sun uffaticha keessa yookiis uffata dha'ame, isa harkaan wal keessa naqamee hojjetame, mi'a gogaa irraa hojjetame keessas hin tamsaane yoo ta'e,
[54] wanti tuqame sun akka miicamuuf lubichi haa abboomu! Ammas guyyaa torbaaf iddoo kophaatti isa haa baasu!
[55] Wanti tuqame sun erga miicamee booddee lubichi ammas qoree haa ilaalu! Dhukkubni sun bifa isaa hin geddarre yoo ta'e mi'icha keessa hin tamsaane yoo ta'e iyyuu mi'ichi xuraa'aa dha; dhukkubni sun uffaticha keessaan yookiis duubaan yoo nyaate iyyuu akkuma jirutti ibiddaan gubi!
[56] Lubichi qoree yommuu ilaalu mi'i sun erga miicamee booddee iddoon dhukkubichi tuqe heefii yoo ta'e, iddoo dhukkubichaan tuqame sana uffata, gogaa, uffata dha'ame yookiis uffata harkaan wal keessa naqamee hojjetame sanattii haa baqaqsu!
[57] Garuu dhukkubichi ammas uffaticha irratti, uffata dha'ame irratti, uffata harkaan wal keessa naqamee hojjetame irratti yookiis mi'a gogaa irraa hojjetame sana irratti yoo mul'ate, inni dhukkuba tamsa'u ta'uu isaa ti; wanti dhukkubichaan tuqame hundinuu ibiddaan haa gubamu!
[58] Uffanni, wanti dha'ame, wanti harkaan wal keessa naqamee hojjetame yookiis mi'i gogaa irraa hojjetame hundinuu erga miicamee dhukkubicha irraa qullaa'e ammas deebi'ee haa miicamu! Kana booddee qullaa'aa in ta'a” jedhe.
[59] Kun seera uffanni rifeensa irraa yookiis quncee talbaa irraa hojjetame, uffanni dha'ame yookiis harkaan wal keessa naqamee hojjetame, mi'i gogaa irraa hojjetame hundinuus lamxiidhaan tuqamee xuraa'aa yookiis isa irraa qullaa'aa ta'uun isaa ittiin beekamuu dha.