[1] Waaqayyo itti fufee Museedhaan,
[2] “Ati namoota Israa'elitti dubbadhu, isaaniin,“Waaqayyo:- Guyyoonni ayyaaneffamuudhaaf ana Waaqayyoof fo'aman, isinis guyyoota wal ga'ii qulqullaa'ootti jettanii kan beeksiftan warra kanatti aananii jiranii dha; guyyoonni koo warri fo'aman kanatti fufanii jiru.
[3] Guyyaa ja'a hojiin in hojjetama; guyyaa torbaffaan garuu guyyaa Sanbataa ti, guyyaa boqonnaa ti, guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa tis; gaafas waan tokko illee hin hojjetinaa! Inni lafa isin jiraattan hundumaatti Sanbata ana Waaqayyoo ti” jedha” jedhi!
[4] Itti fufees,“Guyyoonni ayyaanaa warri Waaqayyoof fo'aman, guyyoonni wal ga'iin qulqullaa'oon itti waamaman, warri isin yeroo isaan ayyaaneffaman beeksiftan kanatti aananii kan jiranii dha.
[5] Faasiikaan Waaqayyoo ji'a isa duraa, ji'ichattiis gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa jalqaba.
[6] Ji'a kanattii guyyaan kudha shanaffaan immoo guyyaa ayyaana Maxinoo isa kan Waaqayyoo ti; yommus guyyaa torba maxinoo nyaadhaa!
[7] Guyyaa isa duraatti wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa!
[8] Isin guyyaa torba aarsaa gubamu Waaqayyoof dhi'eessaa! Guyyaan torbaffaan guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa ti; gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!” jedhe.
[9] Waaqayyo ammas Museedhaan,
[10] “Ati namoota Israa'elitti dubbadhu, isaaniin,“Waaqayyo akkana jedha:- Yeroo biyya ani isiniif kennu sanatti galtanii midhaan irraa galfattan, bissii mataa midhaan galfattanii gara lubichaatti fidaa!
[11] Akka isiniif fudhatamuttis lubichi ana Waaqayyo duratti bissii sana haa sochoosu! Inni guyyaa Sanbataa sana booddee ganama isa haa sochoosu!
[12] Gaafa bissii sochoofamu sana dhi'eessitan korbeessa hoolaa waggaa tokkoo mudaa kan hin qabne, qalma anaaf gubamu aarsaa dhi'eessaa!
[13] Aarsaan midhaanii inni isaa wajjiniis daakuu ba'eessa dhadhaa ejersaatiin sukkuumamee, harka kurnan eefaa tokko keessaa harki lama, ibiddaan gubame inni fooliin isaa garaa ciibsu ana Waaqayyoof haa dhi'aatu! Akkasumas kennaan dhugaatii isaa wajjin dhi'aatu daadhii waynii harka afuraffaa hiini tokko haa ta'u!
[14] Hamma gaafas aarsaa kana ana Waaqayyo keessaniif dhi'eessitanitti immoo buddeena, akaayii midhaanii yookiis asheetii hin nyaatinaa! Kun iddoo jiraattan hundumaatti dhalootaa hamma dhalootaatti seerrata dhaabataa dha.
[15] “ ‘Guyyaa Sanbatatti aanu, guyyaa bissii kennaa sochoofamu fiddan sanaa jalqabdanii torban torba guutuu lakkaa'aa!
[16] Hamma guyyaa isa Sanbata torbaffaatti aanutti guyyaa shantama lakkaa'aa! Yommus midhaan isa haaraa keessaa kennaa midhaanii ana Waaqayyoof dhi'eessaa!
[17] Isin iddoo jiraattanii aarsaa sochoofamuuf buddeena lama fidaa! Isaanis daakuu ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harki lama raacitiidhaan tolfamanii mataa midhaanii ana Waaqayyoof dhi'eeffaman haa ta'an!
[18] Buddeena kanaa wajjinis ilmoolee hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo mudaa kan hin qabne torba, tuntunoo tokko, korbeeyyii hoolaa lama dhi'eessaa! Isaan kunis aarsaa midhaanii fi kennaa dhugaatii duukaa kennamuu wajjin aarsaa gubamee fooliin isaa garaa ciibsu ta'anii ibiddaan gubamanii ana Waaqayyoof haa dhi'eeffaman!
[19] Kana booddee korbeessa reettii tokko aarsaa sababii cubbuutiif akkasumas ilmoolee hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo lama qalma araaraaf dhi'eessaa!
[20] Lubichi buddeena mataa midhaanii sana ilmoolee hoolaa lamaanii wajjin ana Waaqayyo duratti haa sochoosu! Isaan anaaf aarsaa qulqullaa'oo kan ta'an qooda lubichaa ti.
[21] Gaafasuma labsaatii wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa! Kun iddoo jiraattan hundumaatti dhalootaa hamma dhalootaatti seerrata dhaabataa dha.
[22] “ ‘Ani Waaqayyo gooftaa keessan waanan ta'eef, isin lafa keessan irraa yeroo midhaan sassaabbattan, daarii maasii keessan irraa hin sassaabbatinaa! Qarmii midhaan keessaniis warra deegaadhaa fi ormaafis hambisaa malee, keessa deebitanii hin funaaninaa!” jedhi!” jedhe.
[23] Waaqayyo itti fufee Museedhaan,
[24] “Ati namoota Israa'elitti dubbadhu, isaaniin,“Waaqayyo akkana jedha:- Ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa duraa Sanbata godhadhaa! Innis guyyaa seenaa malakanni afuufamee wal ga'iin qulqullaa'aan waamame haa ta'u!
[25] Gaafas aarsaa ibiddaan gubamu ana Waaqayyoof dhi'eessaa malee, hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!” jedhi!” jedhe.
[26] Waaqayyo ammas Museedhaan,
[27] “Ji'a torbaffaa kanattii guyyaan kurnaffaan guyyaa araarri bu'uu dha; inni guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa isiniif haa ta'u! Guyyaa sanatti isin soomuudhaan gad of deebisaatii aarsaa ibiddaan gubamu ana Waaqayyoof dhi'eessaa!
[28] Inni guyyaa itti araarri bu'u, guyyaa itti ana Waaqayyo gooftaa keessan duratti araarri isiniif buufamu waan ta'eef, gaafa sana hojii tokko illee hin hojjetinaa!
[29] Namni gaafas soomuudhaan gad of hin deebifne garuu saba isaa keessaa haa balleeffamu!
[30] Akkasumas nama guyyaa gaafasii hojii tokko illee hojjete, ani saba isaa keessaa isa nan balleessa.
[31] Kanaaf gaafas hojii tokko illee hin hojjetinaa! Kun lafa isin jiraattan hundumaatti, dhalootaa hamma dhalootaatti isiniif seerrata dhaabataa dha.
[32] Kun guyyaa Sanbataa, guyyaa itti boqottan isiniif haa ta'u! Isin soomuudhaan gad of deebisaatii ji'ichattii gaafa guyyaa salgaffaa galgalaa hamma galgala isatti aanee dhufutti guyyaa Sanbata keessanii eegaa!” jedhe.
[33] Waaqayyo itti fufee Museedhaan,
[34] “Ati namoota Israa'elitti dubbadhu! Isaaniin,“Waaqayyo:- Ji'a torbaffaa kanattii guyyaa kudha shanaffaadhaa jalqabee guyyaan torba ana Waaqayyoof ayyaana Gordommaa ti.
[35] Guyyaa inni duraa guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa ti; gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa!
[36] Guyyaa torbanuu aarsaa ana Waaqayyoof ibiddaan gubamu dhi'eessaa! Guyyaa saddeettaffaatti wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaatii, aarsaa ibiddaan gubamu anaaf dhi'eessaa! Guyyaan sun guyyaa wal ga'iin ulfina-qabeessi itti godhamu waan ta'eef, gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa!
[37] Guyyoonni ayyaanaa warri ana Waaqayyoof fo'aman, aarsaa ibiddaan dhi'aatu, aarsaa gubamu, aarsaa midhaanii, kennaa garaa garaaaf kennaa dhugaatii adduma addaan guyyaa isaaf kaa'ametti ana Waaqayyoof itti dhi'eessuudhaaf, yeroo wal ga'ii qulqullaa'aa ta'uu isaaniis kan itti beeksiftan isaan kana.
[38] Isaan kun immoo guyyoota Sanbata koo, guyyoota kennaa keessan garaa garaa, guyyoota aarsaa wareega keessanii, guyyoota aarsaa fedha keessaniin ana Waaqayyoof dhi'eessitan hundumaa irratti kan dabalamanii dha.
[39] “ ‘Ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kudha shanaffaatti, wanta laficha irraa argattan yeroo galfattanitti, ayyaana guyyaa torbaa ana Waaqayyoof ayyaaneffadhaa! Guyyaa duraatti guutummaatti boqonnaan haa ta'u! Akkasuma guyyaa saddeettaffaatti raawwatee boqonnaan haa ta'u!
[40] Isin guyyaa duraa sanatti ija mukkeetii gaggaarii, damee muka meexxii, damee mukkeetii baala-qabeeyyii, alaltuu bishaan qarqaraas fudhadhaatii fuula ana Waaqayyo gooftaa keessanii duratti guyyaa torba gammadaa!
[41] Waggaa waggaatti ayyaana guyyaa torbaa ana Waaqayyoof ayyaaneffadhaa! Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti seerrata bara baraa isiniif haa ta'u! Ji'a torbaffaa keessa isa ayyaaneffadhaa!
[42] Guyyaa torbaaf gordommaa keessa taa'aa! Dhalootaan nama Israa'el kan ta'e hundinuu gaaddisa gordommaa keessa haa taa'u!
[43] Kunis saba Israa'el biyya Gibxiittii yommuun baase gordommaa keessa akkan isaan jiraachise dhaloonni keessan akka beekuuf ta'a jedha” jedhi! Ani Waaqayyo gooftaa keessan” jedhe.
[44] Museen akkasitti guyyoota ayyaanaa warra Waaqayyoof fo'aman namoota Israa'elitti in beeksise.