Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:24

[1] Belshaazaar mootummaa fudhatee waggaa sadaffaatti, ani Daani'el mul'ata nan arge, kunis isa si'a duraa anatti mul'ate sana booddee dha.

[2] Mul'aticha keessatti ani mandara Susaa, ishee kutaa biyya Elaam keessaa, dallaa dhagaatiin marfamtee keessa akkan ture nan arge; mul'aticha sana keessatti laga Ulaayi bukkee dhaabadhee akkan ture nan arge.

[3] Yommus ani ol jedhee ilaalee, kunoo, korbeessa hoolaa bishaanicha qarqara dhaabatu nan arge; hoolichi gaanfa lama qaba, gaanfi isaa dhedheeraa dha, inni tokko garuu isa kaan caalaa in dheerata; haa ta'u iyyuu malee, inni caalaa dheeratu isa booddee biqilee dha.

[4] Anis korbeessichi gara lixa-biiftuutti, gara bitaatti, gara mirgaattis utuu ha'uu nan arge; horiin tokko illee isa dura dhaabachuu hin dandeenye, humna isaa jalaa baasuu kan danda'us hin jiru; inni akka isatti tole in hojjete; ofii isaas baay'ee of guddise.

[5] Utuun isa kanatti yaadaa jiruu, korbeessi reettii tokko gara lixa-biiftuutii irra lafaa kutee dhufe, miilli isaa garuu lafa hin ga'u ture; reettichi gaanfa tokkicha bakkeetti mul'atu ija isaa lamaan gidduudhaa qaba.

[6] Inni gara korbeessa hoolaa isa ani qarqara lagichaa dhaabate arge, isa gaanfa lama qabu sanaa dhaqee, aaree humnaan gara isaatti in fiige.

[7] Gara korbeessa hoolichaatti dhi'aachuu isaa nan arge; isatti aaree boba'ee, rukutees gaanfa isaa lamaanuu in cabse; korbeessi hoolichaa garuu isa dura dhaabatee ittiin qabuudhaaf humna dhabe; korbeessi reettii sun korbeessa hoolichaa darbatee lafaan dha'ee, asii gad in dhidhiite, tokko illees hoolicha humna isaa jalaa baasuu hin dandeenye.

[8] Yommus korbeessichi reettii sun hammana kan hin jedhamne of-guddise; yeroo inni baay'ee jabaatetti garuu gaanfi isaa inni guddichi in cabe; qooda isaas gaanfonni bakkeetti mul'atan afur gara golee waaqaa arfaniitti in ba'an.

[9] Warra arfan kana keessaa isa tokko irratti immoo gaanfi xinnaan tokko biqilee, dameen isaas gara mirgaatti, gara ba'a-biiftuutti, gara biyya isa Waaqayyo ulfinaan guuteettis hammana kan hin jedhamne in guddate.

[10] Hamma macca waaqaatti iyyuu baay'ee in guddate; macca urjootaa keessaas kaan gad darbatee lafatti isaan dhidhiite.

[11] Inni hamma isa macca waaqa irraa abboomuutti iyyuu of guddiseera; aarsaan walitti fufee isa abboomu sanaaf dhi'eeffamus duraa in fudhatame; lafti iddoo qulqullaa'aa isaas in gara galfame.

[12] Yommus macci sun itti in kenname, inni immoo irra-daddarbuudhaan aarsaa walitti fufee aarfamu irratti dalga hojjete, dhugaas lafatti gad in darbate; wanti inni hojjete immoo wal in qixxaateef.

[13] Yommus inni qulqulluun tokko utuu dubbatuu nan dhaga'e; qulqulluun kan biraa tokkos isa dubbatu sanaan,“Barri mul'ata kanaa, waa'een dhaabachuu aarsaa walitti fufee aarfamuu, waa'een irra-daddarbaa isa ciiggaasisaa, waa'een iddoon qulqullaa'aaniif macci sun dhidhiitamuutti kennamuu, hamma yoomiitti tura?” jedhe.

[14] Inni duraa deebisee isa gaaffii gaafate sanaan,“Hamma ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadiitti in tura; kana booddee iddoon qulqullaa'aan sun qajeeltootti in deebifama” jedhe.

[15] Ani Daani'el mul'ata kana ergan argee booddee, hiikaa isaa hubachuu nan barbaade; kunoos nama kan fakkaatu tokko na dura dhaabate.

[16] Achumaan immoo bishaan Ulaayi irraa waan akka sagalee namaa,“Yaa Gabri'el, wanta inni mul'ataan arge kana namicha hubachiisi!” jedhu nan dhaga'e.

[17] Kana irratti Gabri'el gara iddoo ani dhaabadhuu dhufe; yeroo inni dhufe immoo na'een adda kootiin gad gombifame; inni garuu,“Yaa mucaa namaa, mul'atichi bara gara dhumaatiif ta'uu isaa hubadhu!” naan jedhe.

[18] Yeroo inni anaa wajjin dubbachaa jirutti, ani fuula koo gara lafaatti gad gombiseen of wallaale; inni garuu harka isaatiin na qabee iddoo ani ture na dhaabachiisee,

[19] “Kun gara dhumaatti yeroo muramaa tokko kan ilaalu waan ta'eef, kunoo, yeroo dheekkamsichaa isa gara booddeetti wanta ta'uuf jiru sitti nan beeksisa!

[20] Korbeessi hoolaa gaanfa lama qabu ati argite sun, mootota Medoonii fi Faares in argisiisa;

[21] korbeessi reettii inni dabbasaa qabu sun immoo mootummaa Griikii argisiisa; gaanfi guddaan ija isaa lamaan gidduu tures mootii isaa isa jalqabaa ti.

[22] Gaanfonni afur warri iddoo gaanfa isa cabe sanaa dhaabaman immoo, saba sana keessaa mootummoonni afur dhaabamuuf akka jiran in argisiisa; garuu humni isaanii akka kan isa tokkicha sanaa miti.

[23] “Gara dhuma mootummaa isaan kanaatti, warri irra-daddarbituun safara irra-daddarbaa isaanii yeroo guuttatan, mootiin ija-hin fuuneen, dubbii qabsiisu tokko ka'uuf jira;

[24] inni humna guddaa in argata, badiisa sodaachisaa in fida, wanti inni hojjetu wal in qixxaataaf, namoota jajjaboo saba warra qulqullaa'an sanaas in balleessa.

[25] Haxxummaa isaatiin harka isaa jalatti gowwoomsaan akka wal-qixxaatuuf in godha; yaada ofii isaatiinis baay'ee of in guddisa; utuu nagaatti jiranii namoota baay'ee in balleessa; inni guddaa gurguddootaa irratti in ka'a, inni garuu harki namaa utuu itti hin bu'in in caba.

[26] Inni waa'ee ganamaa fi galgalaa mul'ata keessatti himame sun dhugaa dha; garuu guyyaa baay'ee waan turuuf, mul'aticha cufii kaa'i!” naan jedhe.

[27] Kana irratti ani Daani'el bututee dhukkubsadhees guyyaa baay'ee nan ciise; kana booddee ka'een gara hojii mootichaatti ba'e; mul'aticha immoo ani waanuma isaa nan wallaale, hin hubannes.

Macaafa Daani'el Raajichaa — Chapters