[1] Yehoyaaqiim mootiin biyya Yihudaa mo'ee waggaa sadaffaatti, Nebukadnezaar mootiin biyya Baabilon dhufee mandara Yerusaalem in marse.
[2] Waaqayyo gooftaan yommus Yehoyaaqiim mootiin biyya Yihudaa, qodaa mana qulqullummaa keessaas gar-tokko harka mootii Baabilonitti akka kennamu in godhe; mootiin Baabilonis warra booji'e biyya isaa isa “Shiinaar” jedhamee beekametti geessee, mana waaqayyolii isaatti isaan galche; qodaa sanas lafa qabeenyi waaqayyolii isaatii taa'u in kaa'e.
[3] Mootichi yommus dargaggoota Israa'elii booji'aman warra sanyii moototaa fi gurguddootaa ta'an keessaa akka dhi'eessuuf, Ashfenaaz angafa hojjetoota isaa warra xu'aashii abboome;
[4] dargaggoonni dhi'eeffaman kun warra mudaa hin qabne, ija namaatti miidhagan, ogummaa hundumaa qalbifatan, beekumsa qaban, barumsaa fi mataa qaban, mana mootii keessa hojjechuuf warra malan ta'uun isaan irra jira; isaan caaffataa fi afaan warra Kaldootaa barsiifamuuf turan.
[5] Mootichi nyaata ofii nyaatu irraa daadhii waynii ofii dhugu irraa wanta isaan guyyaa guyyaatti argatan in mureef; isaan kun waggaa sadiif barsiisa kanaan erga guddifamanii booddee, fuula mootichaa duratti dhi'aatanii hojii irra dhaabamuuf turan.
[6] Isaan gidduutti warra Yihudaa keessaa kan argaman Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaa turan.
[7] Angafni hojjetoota warra xu'aashii sunis maqaa isaanii geddaree,“Daani'eliin Belxishaazaar, Hanaaniyaadhaan Shaadraak, Miishaa'eliin Meshaak, Azaariyaadhaan Abed-Neegoo” jedhe.
[8] Daani'el garuu nyaata mootichi nyaatuu fi dhugaatii inni dhugu soorachuudhaan akka of hin xureessineef garaa murate; kanaaf of xureessuu kana keessaa ooluudhaaf angaficha warra hojjetootaa sana in kadhate.
[9] Waaqayyo immoo Daani'el faara tolaadhaa fi gara-laafina angaficha irraa akka argatu godhe.
[10] Namichi Daani'eliin,“Ani mooticha gooftaa koo isa waan isin nyaattanii fi waan isin dhugdan isiniif mure nan sodaadha; sababiin isaas mootichi bifni keessan hiriyoota keessanii gad ta'ee daalachaa'u in arga; kanaanis isin mooticha biraa dubbii sodaachisaa mataa koo irratti in fichisiiftu” jedhe.
[11] Daani'el amma immoo namicha isa angafichi warra hojjetootaa, eegduu Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaa godhe sanaan,
[12] “Mee wanta nyaannu biqiltuu garaa garaa, wanta dhugnus bishaan nuuf haa kennan; atis guyyaa kudhaniif nuyi garboota kee irratti ilaali!
[13] Bifni keenya bifa dargaggoota warra nyaata mootii nyaatanii wajjin si duratti haa ilaalamu; erga kana argitee booddee nun garboota kee akkuma sitti mul'ate godhi!” jedhe.
[14] Kanaaf inni wanta isaan dubbatan kana dhaga'eefii, guyyaa kudhaniif isaan irratti in ilaale.
[15] Guyyaa kudhan booddee bifni isaanii, gabbinni isaaniis kan dargaggoota warra nyaata mootii nyaatanii caalee argame.
[16] Kana irratti eegduun isaanii sun nyaata isaanii, daadhii waynii isaan dhuguuf turanis dhiisee, nyaata biqiltuu garaa garaa isaaniif in kenne.
[17] Waaqayyo yommus dargaggoota arfan kanaaf beekumsa caaffatootaa fi ogummaa hundumaa fi hubannaa isaaniif kenne; Daani'el immoo mul'ataa fi abjuu hiikuuf kennaa in argate.
[18] Barri isaan itti haa dhi'aataniif mootichi mureef geenyaan, angafni hojjetoota warra xu'aashii Nebukadnezaaritti isaan dhi'eesse.
[19] Yommus mootichi isaanii wajjin dudubbatee hunduma isaanii keessaas kan akka Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaa hin argamne; akkasitti isaan mooticha duratti hojiidhaaf in fudhataman.
[20] Dubbii ogummaa fi hubannaa waan ilaalu hundumaatti mootichi yeroo yaada isaanii gaafatetti, guutummaa biyya mootummaa isaa keessaa warra ayyaana hedan,“Beekaa” warra jedhamanis hundumaa irra harka kudhan caalanii argate.
[21] Qiiros mo'ee hamma waggaa tokkootti Daani'el hojii kana irra ture.