Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:40

[1] Bara Belshaazaar mootii Baabilon waggaa duraa keessa, Daani'el siree isaa irra ciisee utuu jiruu abjuu arge, mul'annis mataa isaa keessa in dhufe; kana booddees abjuu sana caafee mataa mataa isaa himuutti ka'e.

[2] Daani'el itti fufee,“Kunoo! Qilleensonni bantii waaqaa jalaa golee arfanii qilleensa'anii galaana isa guddaa raasuu isaanii halkan mul'ataan nan arge.

[3] Bineensonni gurguddaan sanyii garaa garaa afur galaana keessaa ba'an.

[4] Bineensi inni duraa leenca in fakkaata; akka joobiraas qoochoo qaba; utuu ani ilaaluus qoochoowwan isaa irraa buqqifaman; bineensichis lafaa ol kaafamee akka namaatti miilla lamaan in dhaabachiifame, qalbiin namaas in kennameef.

[5] “Kunoo, bineensi inni lammaffaan immoo amaaketa in fakkaata; inni immoo gara fuula isaa duraan ol ka'ee, lafee cinaachaa sadii ilkaaniin qabee afaan isaatti in baata ture;“Ka'i, foon baay'ee nyaadhu!” ittiin jedhame.

[6] Kana booddees kunoo, bineensa biraa kan qeerransa fakkaatu nan arge; bineensichi dugda isaa irraa qoochoo isa akka kan allaattii afur, mataa afuris qaba ture; mootummaanis in kennameef.

[7] Kana booddees kunoo, bineensa afuraffaa halkan mul'ataan nan arge; inni bineensa sodaachisaa, naasisaa, gar-malees jabaa ture; ilkaan sibiilaa gurguddaas qaba; bineensichi in nyaate, in caccabse, isa hafe immoo miilla isaatiin irra ejjete; inni bineensota isa dura turan irraa kan gargar ta'ee dha, gaanfa kudhanis qaba ture.

[8] Utuu ani gaanfota kana ilaalee yaaduu, kunoo gaanfi xinnaan kan biraa tokko isaan gidduudhaan quuqee ol ba'e; gaanfota warra duraa keessaa warri fuula isa xinnaa kanaa dura jiran sadan in buqqifaman; kunoo iji akka ija namaa gaanfa xinnaa kanatti ture; afaan dubbii gurguddisee dubbatus isatti ture” jedhe.

[9] Itti fufees,“Mul'ata ani arge keessatti teessonni kaa'amanii, inni bara baay'ee dheeraa jiraate tokko teessoo irra taa'e; uffanni isaa adii calaqqisaa dha, rifeensi mataa isaas akka jirbii hiddamaa in addaata; teessoon isaa akka arraba ibiddaa ti, miilli teessoo isaa inni geengoon akka ibbada boba'uu ti;

[10] yaa'aan ibiddaa isa duraa ba'ee in yaa'a; warri kuma kumaatamatti lakkaa'aman isaaf in hojjetu, warri millionii baay'eetti lakkaa'amanis isa dura in dhaabatu; abboonni firdii in taa'an, caaffatoonni duraan caafamanii jiranis in banaman.

[11] “Utuu ani ilaaluu sababii dubbii gurguddatee afaan gaanfichatti jiruu irraa dhaga'amu sanaaf, bineensichi in ajjeefame; dhagni isaa babballeeffamee gubamuuf ibiddatti in kaa'ame.

[12] Bineensonni warri hafan immoo mootummaan isaanii isaan irraa in fudhatame, ofii isaaniitii garuu yeroodhaaf, kutaa baraafis jiraachuun isaaniif in kenname.

[13] “Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul'ataan nan arge; yommus inni gara isa bara baay'ee dheeraa jiraate sanaa dhaqee isa duratti in dhi'eeffame.

[14] Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootummaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbinee dha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti” jedhe.

[15] Isan arge kana irratti ani Daani'el nan raafame, hafuurri koo ana keessatti in rakkate; mul'anni mataa koo keessa tures na wareerse.

[16] Yommus ani warra achi dhaabatan keessaa isa tokkotti dhi'aadhee, waa'ee wanta kana hundumaa dhugaa isaa akka anatti himuuf isa nan kadhadhe; inni immoo hiikaa wanta kanaa anatti beeksise; dubbii isaa keessatti,

[17] “Bineensi gurguddaan arfan kun, mootota arfan ka'anii lafa kana irratti mo'anii dha.

[18] Warri isa hundumaa gara irraa jiruu fi qulqullaa'an garuu mootummicha in fudhatu; mootummicha yeroo hundumaaf bara baraan in qabaatu” jedhe.

[19] Ergasiis bineensi inni afuraffaan kun maalitti akka hiikamu dhugaa isaa baruu nan barbaade; bineensi kun warra kaan hundumaa irraa kan gargar ta'ee dha, guddaa sodaachisaa dha, ilkaan isaa sibiila, qeensi isaas sibiila diimaa dha; inni in nyaata, in caccabsa, isa hafes miilla isaatiin irra in ejjeta ture.

[20] Akkasuma immoo waa'ee gaanfota kurnan mataa isaa irra jiranii, waa'ee isa booddeedhaan quuqee ba'ee, sadii of duraa kuffisee, dhugaa isaa baruu nan barbaade; gaanfi inni tokkichi sun ija, afaan dubbii gurguddisee dubbatus qaba ture, bifni isaas bifa gaanfota warra kaanii irra in caala ture.

[21] Utuu ani ilaaluu gaanfi kun warra Waaqayyoof qulqullaa'anitti lola kaasee, humnas isaan irratti godhate.

[22] Inni bara baay'ee dheeraa jiraate sun yeroo dhufetti, warra isa hundumaa gara irraa jiruuf qulqullaa'anii fi firdiin in kenname; yeroon warri Waaqayyoof qulqullaa'an itti mootummicha qabaatan in ga'e.

[23] Egaa inni anatti himu sun,“Bineensi inni afuraffaan immoo, mootummaa isa afuraffaa ta'ee biyya lafaa irratti argamuuf jiruu dha; inni mootummoota hundumaa irraa kan gargar ta'ee dha, guutummaa lafaa in liqimsa, gad in dhidhiita in caccabsas.

[24] Gaanfonni kurnan mootota kudhan warra mootummaa kana keessaa ka'uuf jiranii dha; mootota kana booddees isaan irraa garaa gara kan ta'e mootiin biraa tokko in ka'a, mootota sadii gad in deebisa.

[25] Isa hundumaa gara irraa jiru irratti in dubbata, ayyaana beekamaa, seera Waaqayyoos geddaruu in yaada; warra isa hundumaa gara irraa jiruuf qulqullaa'an in dadhabsiisa; isaanis bara tokkoof, bara lamaaf, bara walakkaadhaafis harka isaatti in kennamu.

[26] “Haa ta'u iyyuu malee, abboonni firdii in taa'u, mootummaa isaa irraa in fudhatu; innis balleeffamee badduu in ba'a.

[27] Mootummaan, mo'uun, guddinni mootummoota guutummaa bantii waaqaa jala jiranii, saba warra isa hundumaa gara irraa jiruuf qulqullaa'aniif in kennama; mootummaan isa hundumaa gara irraa jiruu, mootummaa bara baraa ti; warri mo'an hundinuus isa in waaqessu, isaafis in abboomamu” jedhe.

[28] Dubbiin kun kana irratti in dhume; yaadni koo ana Daani'elin baay'ee na raase, bifni koos in geddarame; dubbicha garuu yaadattan qabadhe.

Macaafa Daani'el Raajichaa — Chapters