Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 13:28

[1] Inni anatti dubbachaa ture sun itti dabalee,“Daariyos namni Medoon mo'ee waggaa tokkoffaa isaa keessa, ani ergamaa isa guddaa sanaaf gaachana ta'ee, jabaadhee isa bira dhaabadheen ture.

[2] Ammas wanta dhugaa sitti himuuf nan jedha. Kunoo, si'achi iyyuu mootonni sadii biyya Faares keessaa in ka'u; inni afuraffaan immoo hundumaa caalaa sooressa guddaa in ta'a; sooruma isaatiin erga jabaate, waan hundumaa mootummaa Griikii irratti in kaasa.

[3] Kana booddees mootiin jabaan lola jaallatu tokko in ka'a, mootummaa guddaa irratti in mo'a, waanuma jaallates in hojjeta.

[4] Akkuma inni ka'ee beekametti mootummaan isaa gargar in caba, golee arfanittis gargar in hirama; sanyii isaattis hin darbu, sanyiin mootummaa guddaa inni irratti mo'ees deebi'ee hin argamu; mootummaan isaa isa harkaa baafamee sanyii isaatiif utuu hin ta'in, warra kan biraatti in kennama.

[5] “Mootiin biyya gara mirgaa in jabaata; garuu gurguddoota loltuu isaa keessaa inni tokko isa caalaa in jabaata, in mo'as, mootummaan isaas mootummaa guddaa in ta'a.

[6] Waggaa muraasa booddee mootiin biyya gara mirgaa, mootii biyya gara bitaa wajjin walitti in hidhatu; walii-galtee isaanii jabeessuudhaaf intalli mootii biyya gara mirgaa, gara mootii biyya gara bitaa in dhaqxi; garuu waa gochuuf humni ishee hin jabaatu, mootichis jabaatee waa gochuu hin danda'u; isheen, warri ishee geessanis, mucaan ishee, inni jabeessee ishee gargaarus yeroo sanatti dabarfamanii in kennamu.

[7] Hidda sanyii ishee keessaa kan ba'u tokko iddoo abbaa isaatii in ka'a; inni yommus loltuu isaa wajjin lolatti in ba'a, masaraa mootii biyya gara bitaa in lixa, warra achi keessaa irratti in ka'a, humnas isaanitti in argisiisa.

[8] Waaqayyolii tolfamoo isaanii bifa fakkeenyaa isaan baqsanii tolchan, qodaa isaanii warra gati-jabeeyyii meetiidhaa fi warqee irraa hojjetamanii wajjin booji'ee biyya Gibxiitti in geessa; waggaa muraasaaf mootii biyya gara bitaa loluu in dhiisa.

[9] Mootiin biyya gara bitaas, mootummaa mootii biyya gara mirgaatti in lixa, ba'ees gara biyya isaatti in deebi'a.

[10] “Yeroo sanatti ilmaan mootii biyya gara bitaa lolaaf in qophaa'u, loltuu sonaan baay'ee walitti in qabatu; isaan keessaa inni tokko ba'ee, loltoota isaa akkuma bishaanii isaan irra in dhangalaasa; si'a lammaffaa deebi'u immoo hamma masaraa mootichaatti darbee in lola.

[11] Kana irratti mootiin biyya gara mirgaa aaree boba'ee, mootii biyya gara bitaa sana loluudhaaf in ba'a; mootichi biyya gara bitaas loltoota isaa warra sonaan baay'ee isatti in kaasa; garuu loltuun baay'een sun harka warra loluu dhaqaniitti in kennamu.

[12] Loltoota baay'ee kana booji'uu isaatiifis garaa isaatti ol of in qaba; loltoota kumaatama baay'ee in kukuffisa, garuu akka jabaatetti hin hafu.

[13] Ammas mootiin biyya gara bitaa, loltoota warra duraa caalaa baay'atan in qopheessa; waggaa muraasa booddees humna lolaa guddaa, mi'a lolaa baay'ees fudhatee in dhufa.

[14] “Yeroo sanatti namoonni baay'een mootii biyya gara mirgaa irratti in ka'u; namoota kee keessaa iyyuu warri humnaan nama irratti ka'an wanta mul'ataan himame dhugaa gochuudhaaf in ka'u, garuu in kufu.

[15] Mootiin biyya gara bitaas in dhufa, mandara masaraa qabus in marsa, koobii itti tuuluudhaanis in qabata; humni biyya gara mirgaas isa dura hin dhaabatu, loltoonni warri fo'aman iyyuu isa dura dhaabachuudhaaf humna hin qaban.

[16] Inni itti dhufu sun akka isatti tolu in hojjeta, namni ittiin qabuudhaaf isa dura dhaabatus hin jiru; inni biyya Waaqayyo ulfinaan guute keessa iyyuu in ejjeta, harki isaas garuma adeemutti in balleessa.

[17] Inni humnaan guutummaa mootummaa biyya gara mirgaa waliin ga'uudhaaf fuula isaa itti in qajeelfata; inni mootichaa wajjin waliif in gala, dubartoota keessaas intala tokko in kennaaf; innis mootummicha ittiin balleessuudhaaf ture; garuu kun wal hin qabanne, hin taaneefis.

[18] “Kana booddees fuula isaa gara biyya daarii galaanaa jiraniitti in deebifata, baay'ee isaaniis in qabata; ajajjuun waraanaa tokkos tuttuqee obsa nama dhowwuu isaa kana gab in godha; wanta inni ittiin nama tuttuqus mataa isaatti in deebisa.

[19] Mootichi biyya gara bitaa sun gara masaraa biyya isaatiitti fuula in deebifata, garuu gufuun isa in argata in kufa, deebi'ees hin argamu.

[20] Iddoo isaa immoo mootiin tokko in ka'a; innis nama ulfina mootummaa isaatiin giddisiisee gibira fuudhu biyya keessa in adeemsisa; mootichi guyyaa muraasa keessatti in balleeffama, garuu aariidhaan yookiis lola keessatti miti” jedhe.

[21] Inni anatti dubbachaa ture sun itti fufee,“Iddoo mootichaa namni tuffatamaan tokko in ka'a; ulfinni mootummaa isaaf hin kennamu; utuu namoonni of irraa bu'anii jiraatanii dhufee, afaan toluudhaan mootummaa in fudhata.

[22] Loltuu warra akkuma bishaanii lafa irra dhangala'an of duraa in haxaa'a; isaan, luba isa kakuu qulqullaa'aa eegus in balleessa.

[23] Erga yeroo isaan isaa wajjin walii galanii jalqabee, gowwoomsaadhaan in hojjeta; inni ol in ka'a, namoota muraasaa wajjinis humna in argata.

[24] Utuu namoonni of irraa bu'anii jiraatanii, inni gara kutaa biyyaa isa lafti isaa coomaa ta'etti in lixa; wanta abboonni isaa yookiis abaabiliin isaa takkaa hin hojjetin in hojjeta; inni wanta saame, wanta booji'e, mi'a garaa garaas namoota isaatti in bittimsa; inni masaraa jiran irratti mala in qopheessa; kana gochuun isaa garuu yeroodhumaaf ta'a.

[25] “Inni humna isaa, onnee isaas in kaasa, loltuu baay'ees mootii biyya gara mirgaa sana irratti in baasa; mootiin biyya gara mirgaa immoo loltuu sonaan baay'eedhaa fi jabaa lolaaf qopheessee in kaasa; garuu waan isaan isa irratti malaniif jabaatee dhaabachuu hin danda'u.

[26] Warri isaa wajjin nyaata ba'eessa nyaatan iyyuu isa in balleessu; loltuun isaa in haxaa'amu, baay'een isaaniis waraanamanii in kukkufu.

[27] Mootonni lamaan garaa isaaniitti hamaa in yaadu, wal bira taa'anii soba walitti in dubbatu; dhumni waan tokkoo yeroo muramaa waan qabuuf, isaan kana keessaa bu'aa hin argatan.

[28] Mootiin biyya gara bitaa mi'a baay'ee fudhatee biyya isaatti in deebi'a; inni garaa isaatti kakuu isa qulqullaa'aadhaan waan mormuuf, akkuma garaa isaatti yaade kanas erga godhee booddee, biyya isaatti in deebi'a.

[29] “Mootichi yeroo ofii isaatii muretti deebi'ee biyya gara mirgaa sanatti in dhufa; alana garuu akka isa yeroo duraa hin ta'uuf.

[30] Markaboonni Kiitiim biyya qarqara galaana isa gidduudhaa isatti in dhufu, yeroo sanatti inni daboomee of irra in deebi'a; kakuu isa qulqullaa'aatti aarii in ba'a; deebi'ees warra kakuu qulqullaa'aa sana irraa gara galan yaadaan in qaba.

[31] Loltoonni isa biraa dhufanii dhaabatan immoo mana qulqullummaa, masaraa naannoo isaas in xureessu; aarsaan walitti fufee aarfamus akka balleeffamu in godhu; wanta jibbisiisaa nama rifachiisu sana achi in kaa'u.

[32] Inni afaan toluudhaan warra kakuu qulqullaa'aa irratti waan hamaa hojjetan gowwoomsee, jireenya xuraa'aa akka jiraatan in godha; warri Waaqayyo isaanii beekan garuu ittuma jabaatanii, wanta ta'u in hojjetu.

[33] Ogeessonni saba keessatti argaman namoota baay'ee in hubachiisu; haa ta'u iyyuu malee, guyyaa muraasaaf billaadhaan, arraba ibiddaatiin, booji'amuudhaan, saamamuudhaanis gad in qabamu.

[34] Isaan kufaatii isaanii keessatti xinnoo yaadaan in gargaaramu; garuu namoonni baay'een afaaniif isaanitti in dabalamu;

[35] warra ogeessota keessaa kaan kufaatii isaaniitiin qoramanii calalamanii in qulleeffamu; dhumni wanta kanaas yeroo muramaa qaba, hamma sanatti immoo in tura.

[36] “Mootiin biyya gara bitaa sun akkuma isatti tole in hojjeta; waaqayyolii hundumaa gara irraatti ol of in qaba, of in gurguddisa; Waaqayyo isa waaqayyolii hundumaa gara irraa jiru irrattis arrabsoo sodaachisaa in dubbata; hamma dheekkamsichi guutummaatti raawwatamutti, wanti inni hojjetu wal in qixxaataaf; Waaqayyo biraa kan murame immoo hojii irra in oola.

[37] Inni waaqayyolii abboonni isaa waaqeffatan, Waaqayyo tolfamaa isa dubartoonni jaallatanis yaadatti hin fudhatu; inni hunduma isaanii gara irraatti waan of gurguddisuuf, tokko isaanii waaqayyummaatti hin fudhatu.

[38] Qooda isaan kanaa Waaqayyo tolfamaa “Isa masaraa eega” jedhamuuf ulfina in kenna; inni warqee, meetii, dhagaa gati-jabeessa, kennaa gati-qabeessas ulfina Waaqayyoo isa abboonni isaa hin beekiniif in kenna.

[39] Namoonni Waaqayyo ormaa sana duukaa bu'an, masaraawwan akka eegan in godha; warra isa beekanii fudhataniif ulfina in baay'isaaf, namoota baay'ee akka seerratan in godha, isaan gonfuudhaafis lafa in hiraaf.

[40] “Bara gara dhumaatti mootiin biyya gara mirgaa isa biyya gara bitaatti in bu'a; mootiin biyya gara bitaa immoo konkolaattota, abboota fardeenii, markaboota baay'ees didichiisee akka qilleensaa isa irra in ba'a; inni biyya garaa garaatti lixee, keessas darbee loltuu isaa akkuma bishaanii isaan irra in dhangalaasa.

[41] Biyya Waaqayyo ulfinaan guutetti in lixa, namoota ishee keessaas baay'een in kukkufu; garuu warri Edoom, warri Mo'aab, warra Amoon keessaas garri-caalu harka isaa jalaa in ba'u.

[42] Inni biyya baay'ee harka isaa jala in bulcha, biyyi Gibxiis isa jalaa hin baatu.

[43] Badhaadhummaa warqee fi meetii isa dhokataa, wanta gati-jabeessa biyya Gibxii hundumaas harka isaa jala in galfata; warri Liibiiyaa, warri Kuushis faana isaa duukaa in bu'u.

[44] Oduun inni ba'a-biiftuutii fi gara bitaatii dhaga'u isa in naasisa; inni namoota baay'ee fixuudhaaf, lafa irraas balleessuudhaaf aarii guddaadhaan in ba'a.

[45] Inni galaanaa fi tulluu isa qulqullaa'aa ulfina-qabeessa gidduu dunkaanota mootummaa isaa in dhaabbata; namni isa gargaaru tokko illee isa bira hin jiru, kanaanis jireenyi isaa in dhuma” jedhe.

Macaafa Daani'el Raajichaa — Chapters