[1] Isin warri gooftummaadhaan nama hojjechiifattan ofii keessaniifis waaqa irraa gooftaa akka qabdan beekaatii, qabaa qajeelaadhaan warra garbummaadhaan isin jalatti hojjetaniif waan isaaniif ta'u godhaaf!
[2] Garaa galateeffatuuf yaada dammaqaadhaan kadhatatti cimaatii itti fufaa!
[3] Nuyis dhoksaa Kristos isa ani amma waa'ee isaatiif hidhamee jiru himuudhaaf Waaqayyo karaa dubbichaa akka nuuf banuuf nuuf kadhadhaa!
[4] Akka dubbachuun anaaf ta'utti dhoksaa kana mul'isee dubbachuudhaaf anaaf kadhadhaa!
[5] Yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuudhaan, namoota waldaa kristiiyaanaa keessa hin jirree wajjin akka itti jiraattan ogummaadhaan amaleeffadhaa!
[6] Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa'aa haa ta'u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta'u beekaa!
[7] Xikiqoos obboleessi jaallatamaan hojii keessattis hidhati amanamaan, waa'ee koo hundumaa isinitti himuuf jira.
[8] Nuyi hundumti keenya attamitti akka jirru isinitti himee garaa keessan akka jajjabeessuuf, ani gara keessanitti isa ergeera.
[9] Oneesimos obboleessi amanamaanii fi jaallatamaan isin keessaa tokko inni ta'e isaa wajjin in dhufa; isaan waan asitti ta'e tokko tokkoon isinitti in himu.
[10] Arisxaarkos inni anaa wajjin hidhamee jiru nagaa isiniif in dhaama. Maarqos inni durbiin Baarnaabaas akkasuma nagaa isiniif in dhaama. Waa'ee Maarqos kanaan dura dhaamsi isin ga'eera; inni gara keessan yommuu dhufu simadhaa!
[11] Yoshuwaan inni Yusxos jedhamus nagaa isiniif in erga; warra seera dhagna-qabaa eegan keessaa isaan kana kophaatu mootummaa Waaqayyootiif anaa wajjin hojjeta; isaan immoo guddaa na jajjabeessan.
[12] Ephafraas hojjetaan Kristos Yesus inni isin keessaa tokko ta'e nagaa isiniif in erga; isin namoota ga'an taatanii wanta Waaqayyo jaallatu jaallachuudhaanis guutamtanii jabaattanii akka dhaabattaniif, inni kadhata isaatiin yeroo hundumaa isiniif in dhama'a.
[13] Inni isinii fi warra Laa'odiiqeyaaf warra Heraapholisiif hojjechuutti jabeessee akka dadhabe ani dhugaa nan ba'aaf.
[14] Luqaas ogeessi qorichaa inni jaallatamaan Deemaasis nagaa isiniif in dhaamu.
[15] Obboloota Laa'odiiqeyaatti aadde Niimfaatti, waldaa mana isheetti walitti qabamuttis nagaa keenya nuuf himaa!
[16] Ergaan kun isin gidduutti erga dubbifamee booddee waldaa Laa'odiiqeyaattis akka dubbifamu godhaa! Ergaa isa waldaa Laa'odiiqeyaatti ergame immoo isin dubbifachuun isin irra jira.
[17] Arkiphosiin immoo, ?Hojicha isa karaa gooftaa fudhatte sana akka raawwattu godhi!? jedhaa!
[18] Ani Phaawulos nagaa kana harka kootiinan isiniif caafa; funyoo sibiilaatiin hidhamuu koo yaadadhaa! Ayyaanni Waaqayyoo isinii wajjin haa ta'u!