[1] Egaa Kristosii wajjin du'aa erga kaafamtanii, wanta waaqa keessaa, iddoo Kristos gara mirga Waaqayyoo taa'ee jirutti barbaadaa!
[2] Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa!
[3] Isin duutaniittu; jireenyi keessan Kristosii wajjin Waaqayyo keessa dhokateera.
[4] Kristos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu isinis immoo isaa wajjin ulfinaan mul'achuuf jirtu.
[5] Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu halalummaa fi xuraa'ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa'amus, of keessaa ajjeesaa.
[6] Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo [warra isaaf hin abboomamne irratti] in dhufa.
[7] Namoota waan akkasii hojjetan gidduu yommuu jiraattan isinis immoo yeroo sana akkasumatti deddeebi'aa turtan.
[8] Amma garuu isin dheekkamsa, aarii, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin ba'in!
[9] Soba walitti hin dubbatinaa! Namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baaftaniittu.
[10] Namummaa haaraas uffattaniittu; inni hubannaa isa akka fakkaattii isaatti isa uume bira ga'uudhaaf yeroo hundumaa haareffamuutti jira.
[11] Egaa si'achi Griikii fi Yihudii, nama dhagna qabatee fi nama dhagna hin qabatin, wallaalaa, isa jireenya isaa hin qajeelfatin, garba, birmaduu jechuun hin jiru; Kristos garuu hundumaaf jira, inni nama hundumaaf waan hundumaa ti.
[12] Isin warra fo'aman, warra Waaqayyoof qulqullaa'an, warra jaallatamanis erga taatanii, araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa!
[13] Waliif danda'aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa!
[14] Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!
[15] Nagaan Kristos, inni isin dhagna tokko ta'uudhaaf itti waamamtan, garaa keessan keessatti haa mo'u; warra galata galchanis ta'aa!
[16] Dubbiin Kristos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas. Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa!
[17] Dubbiidhaan yookiis gochaadhaan waanumti isin hojjettan hundinuu maqaa gooftaa Yesusiin haa ta'u; isumaanis Waaqayyo abbaadhaaf galata dhi'eessaa!
[18] Gooftaa duratti fudhatamaa akka ta'utti, haati manaa abbaa manaa isheetiif haa abboomamtu!
[19] Atis abbaan manaa, haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin!
[20] Ijoollee! Waan hundumaatti abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaatti in tola.
[21] Isin immoo abboota nana! Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa!
[22] Isin warri garbummaa jala jirtan! Biyya lafaa kana irratti warra isin hojjechiifataniif akka isa nama gammachiisuuf ija ilaalattanii hojjettaniitti utuu hin ta'in, gooftaa sodaachaa garaa qulqulluudhaan abboomamaa!
[23] Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta'in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!
[24] Isin Kristos gooftaadhaaf waan hojjettaniif, isa gooftaan ijoollee isaatiif qopheesse akka gatiitti isa biraa akka argattan beekaa!
[25] Namni balleessaa hojjetu balleessaa isa hojjetu sanaaf gatii isaa in argata; nama wal caalchisuun immoo isa bira hin jiru.