Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:04

[1] Phaawulos, Silwaanosii fi Ximotewos biraa, gara waldaa warra Tasaloniiqee isa kan Waaqayyoo abbaa fi kan gooftaa Yesus Kristositti caafame. Ayyaannii fi nagaan isiniif haa ta'u!

[2] Nuyi kadhata keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee, yeroo hundumaa waa'ee hunduma keessaniif Waaqayyoon in galateeffanna.

[3] Fuula Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenyaa duratti hojii amantii keessanii, jaalalaaf dadhabuu keessan, gooftaa keenya Yesus Kristosin abdachuutti jabaachuu keessanis in yaadanna.

[4] Obboloota nana! Waaqayyo akka isin jaallate akka isin fo'ates nuyi in beekna.

[5] Wangeelli nuyi isiniif lallabne humnaan, hafuura qulqulluudhaan akkasumas amansiisa guutuudhaan malee, sagalee duwwaadhaan gara keessan hin dhufne; nuyi immoo sababii keessaniif namoota attamii taanee akka isin gidduu turre in beektu.

[6] Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya gooftaa duukaa buutaniittu; yoo baay'ee rakkattan iyyuu, gammachuu hafuura qulqulluu biraa dhufuun dubbicha fudhattaniittu.

[7] Kanaan isinis amantoota warra Maqedooniyaa fi, warra Akaayyaa hundumaaf fakkeenya taatan.

[8] Dubbiin gooftaa inni isin biraa ka'e Maqedooniyaa fi Akaayyaa duwwaatti dhaga'ame miti; amantiin isin Waaqayyotti qabdan iddoo halletti ba'ee barameera; waa'ee kanaafis waan jechuun nu barbaachisu tokko illee hin jiru.

[9] Nuyi attamitti akka isin gidduutti simatamne isinis Waaqayyo isa jiraataa fi isa dhugaadhaaf hojjechuuf attamitti waaqayyolii tolfaman irraa gara Waaqayyootti akka deebitan isaan ofuma isaaniitii iyyuu in himu.

[10] Deebi'uun keessanis ilma isaa isa waaqa irraa dhufu, isa inni warra du'an keessaa kaase Yesus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu oolchu eeggachuudhaaf.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Tasaloniiqeetti Erge Isa Duraa — Chapters