Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:27

[1] Ani isinii fi warra Laa'odiiqeyaatiif akkasumas warra fuula koo hin argin hundumaaf attam guddisee akkan dhama'aa ture akka beektan nan barbaada.

[2] Kana gochuun koos garaan isaanii ija jabinaan akka guutuuf jaalalaan walitti hidhamanii utuu jiranii, badhaadhummaa amansiisa guutuu qabu isa hubannaa keessaa dhufu, dhoksaa Waaqayyoo isa Kristos keessa jirus beekuu akka argataniif.

[3] Badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuu isa keessa dhokfamee jira.

[4] Kanas namni tokko illee dubbii nama wallaalchisuun akka isin hin gowwoomsineefan dubbadha.

[5] Fooniin yoon isin bira jiraachuu dhabaadhe iyyuu hafuuraan isin biran jira; toora gaarii isin qabdanii fi Kristos Yesusitti amanuutti jabaachuu keessan arguutti nan gammada.

[6] Egaa Kristos Yesus goofticha akkuma fudhattanitti isatti jiraadhaa!

[7] Akkuma barsiifamtanitti hundee keessan gad fageeffadhaa, isatti ijaaramaatii amantiitti dhaabamaa! Galata guutee irra dhangala'us dhi'eessaa!

[8] Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin ta'in, yaada mataa isaa keessaa ba'ee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin booji'in; kana hundumaattiis of eeggadhaa!

[9] Guutummaan waaqayyummaa namummaa Kristos keessa in jiraata.

[10] Isinis isuma warra bantii waaqaa keessatti gooftummaa qabanii fi aboo qaban hundumaaf mataa ta'e sanaan gara guutummaa jireenyaa dhuftaniittu.

[11] Isinis immoo isumaan dhagna qabamtaniittu; dhagna qabaan keessan garuu isa harkaan hojjetame utuu hin ta'in, isa Kristos dhagna qabuu isaatiin namummaa foonii guutummaa isaa balleessee dha.

[12] Cuupphaadhaan Kristosii wajjin awwaalamtanii hojii aangoo Waaqayyoo isa warra du'an keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin, isinis immoo isaa wajjin du'aa kaafamtaniittu.

[13] Isinis irra-daddarbaa keessanii fi dhagna-qabaa dhabuu foon keessaniif hafuuraan du'oo yoo taatan iyyuu, Waaqayyo akka isin Kristosii wajjin jiraatoo taatan godheera; irra-daddarbaa keenya hundumaas nuuf dhiiseera.

[14] Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera.

[15] Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise.

[16] Kanaafis waa'ee nyaataa fi dhugaatiitti, waa'ee guyyaa ayyaanaatti, waa'ee baatii lakkaa'uutti yookiis waa'ee Sanbata eeguutti, namni tokko illee isinitti hin faradin!

[17] Isaan kun gaadidduu wanta dhufuuf jiru sanaa duwwaa dha; wantichi inni dhugaan garuu kan Kristos.

[18] Namni gad deebi'ee ergamoota waaqa irraa waaqessuu jaallatee, mul'ata arge tokko tokkoon himuudhaan sababii ga'u utuu hin qabaatin yaaduma garaa isaatiin of bokoksee, galata isin hin dhabsiisin.

[19] Namni akkasii, Kristos mataa dhagnichaatti, isa guutummaan dhagnaa ittiin sooramee, buusaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee, guddina Waaqayyo biraa argatuunis guddatu sanatti hin jabaatu.

[20] Kristosii wajjin taatanii hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaataman jalaa erga duutanii immoo, maaliif akka waan amma iyyuu kan biyya lafaa taataniitti jiraattu ree? Maaliifis seerrata isaanii jala of galchitu ree?

[21] ?Kana harkaan hin qabin, sana afaaniin hin qabin, isa kaanis hin tuqin!? in jedhu.

[22] Wanti kun hundinuu immoo ittiin hojjetamanii akka dhumaa adeemaniif hin turree ree! Akka ajaja namaa fi akka barsiisa namaattis dubbatame mitii ree?

[23] Seerratoonni akkasii waaqessuu addaan ba'e irra kaa'uu isaaniitiin waan gad deebisan fakkaachuu isaaniitiin, dhagnatti hammaachuu isaaniitiin wanta ogummaa irra dhaabatan in fakkaatu; garuu gara waan gatii qabuutti utuu hin ta'in, gara hawwa foonii raawwachuutti nama in geessu.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Qolosaayisitti Erge — Chapters