Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:59

[1] Wanta Waaqayyo gooftaan mul'ataan anatti argisiise isinitti himuufan jira. Kunoo! Marga isa duraa mootichaaf erga haamanii booddee, marga isa deebi'ee biqilutti gurmuu hawaannisaa yaase.

[2] Hawaannisichi biqila lafaa nyaatee fixuuf jennaan, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, Yaaqoob ilma xinnaa waan ta'eef, attamitti kana dura dhaabachuu danda'a ree” Ati dhiisiif!” nan jedhe.

[3] Yommus Waaqayyo isa itti fiduuf yaade in dhiise; gooftichi, “Kun itti hin dhufin!” jedhe.

[4] Wanta Waaqayyo gooftaan mul'ataan anatti argisiise dabalee isinitti nan hima; kunoo, Waaqayyo gooftaan firdii biyya sana irratti raawwachuudhaaf, ibidda irratti in waame; ibiddichis galaana guddaa isa lafa jalaa gubee fixee, lafa qotiisaas xaph gochuuf jedhe.

[5] Kana irratti,“Yaa Waaqayyo gooftaa, Yaaqoob ilma xinnaa waan ta'eef, attamitti kana dura dhaabachuu danda'a ree” Ati wanta kana irraa ittisi!” nan jedhe.

[6] Yommus Waaqayyo isa itti fiduuf yaade in dhiise; Waaqayyo gooftichi,“Kunis immoo itti hin dhufin!” jedhe.

[7] Waaqayyo waan tokko immoo mul'ataan anatti argisiiseera; kunoo, gooftichi fo'aa tumbii isa ittiin masaraa qajeelchanii ijaaran harkatti qabatee, masaraa akkasitti ijaarame irra in dhaabata ture.

[8] Inni,“Yaa Amos, maal argita?” naan jedhe; Kana irrattan,“Tumbii nan arga” jedhee deebiseef; gooftichi immoo,“Ilaa, tumbii ittiin jal'inni saba koo Israa'el qoramee ilaalamu isaanitti nan qaba; ani deebi'ee irra isaaniif hin darbu.

[9] Iddoon ol jedhoon warri maatiin Yisihaq irratti sagadan hundinuu in onu; iddoo qulqullaa'oon warri kan Israa'el in diigamu; mana Yerobi'aam irrattis billaadhaan nan ka'a” jedhe.

[10] Kana booddees Amaasiyaan lubni Bet'el, Yerobi'aam mootii Israa'elitti ergee, “Amos namoota Israa'el gidduu dhaabatee sitti korateera; wanta inni dubbates lafti baachuu hin danda'u.

[11] Namichi,“Yerobi'aam billaadhaan in du'a, namoonni Israa'elis biyya isaaniitii inuma baafamu, inuma booji'amus” jedheera” jedhe.

[12] Amaasiyaan yommus Amosiin, “Yaa namicha mul'ata argituu, asii adeemi, biyya Yihudaatti baqadhu! Achitti raajii dubbadhuu ittiin buddeena nyaadhu!

[13] Bet'el iddoo manni qulqullummaa inni mootichi keessatti sagadu, manni sabni mootummaa kanaa itti wal ga'us jiruu dha; asitti matumaa deebitee raajii hin dubbatin!” jedhe.

[14] Ammas immoo deebisee Amaasiyaadhaan, “Ani horii nan horsiisa, harbuus dhaabee nan guddisa malee, hojiin koo raajii dubbachuu miti, sanyiin koos raajii hin dubbanne.

[15] Waaqayyo garuu horii ani tiksu biraa na fudhatee, “Dhaqii saba koo Israa'elitti raajii dubbadhu!” naan jedhe.

[16] Ati immoo,“Israa'el irratti raajii hin dubbatin, mana Yisihaq irrattis hin lallabin!” anaan jetteetta; egaa amma dubbii Waaqayyoo dhaggeeffadhu!

[17] Waaqayyo, “Haati manaa kee mandara keessatti ejjituu in taati, ilmaan kee fi intaloonni kee billaadhaan in kufu, lafti kee funyoo safaraatiin in hirmama, atis ofii keetii biyya xuraa'aa keessatti in duuta; namoonni Israa'elis biyya isaaniitii inuma baafamu, inuma booji'amus” siin jedha” jedhe.

Macaafa Amos Raajichaa — Chapters