Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:28

[1] Yaa warra biyya Israa'el, dubbii ani boo'aa isin irratti dubbachuuf ka'u kana dhaggeeffadhaa!

[2] Israa'el isheen akka durbaa lafa dhoofteetti, deebitees hin kaatu; biyya ofii ishee keessatti kuftee ciifti, kan ishee kaasus hin jiru.

[3] Waaqayyo gooftaanoo, “Biyya Israa'el keessaa mandarri tokko nama kuma, duulatti yoo baase, isaan keessaa namni dhibbi in hafaaf; mandarri tokko immoo nama dhibba tokko duulatti yoo baase, namni kudhan in hafaaf” jedheera.

[4] Waaqayyo, warra biyya Israa'eliin, “Ana barbaaddadhaa, jiraadhaas!

[5] Iddoo sagadaaf beekaman Bet'elin hin barbaadinaa! Giilgalin hin dhaqinaa! Bersheebaattis hin ce'inaa! Warri Giilgal boojuutti in galu, Bet'el gad deebitee wanta waa'ee hin baafne in taati” jedha.

[6] Egaa Waaqayyoon barbaaddadhaa, jiraadhaas! Kanaa'achi inni akka ibiddaatti mana Yoseef irra in bu'a, xaph in godhas; Bet'el irraa kan dhaamsus hin argamu.

[7] Isin warra dhugaa namaa dubbii hadhaa'aatti geddartanii, qajeelinas lafatti gattaniif wayyoo!

[8] Inni urjoota “Torbii” jedhaman, urjoota “Sadee” jedhamanis uume, inni dukkana ifa ganamaatti diddiiru, guyyaas dukkaneessee halkan godhu, inni bishaan galaanaa waamee, irra lafaatti lolaasus, maqaan isaa Waaqayyoo dha!

[9] Inni isa jabaa irratti badiisa in bobeessa, masaraattis balleeffamuu in fida.

[10] Isin isa wal ga'ii karra dallaa keessatti dhugaadhaaf falmuu in jibbitu, nama dubbii hir'ina hin qabne dubbatus in ciiggaatu.

[11] Isin nama dadhabaa dhidhiittanii bulchitanii, midhaan isaas karaa malee waan irraa fudhattaniif, dhagaa soofamaadhaan mana in ijaarrattu, garuu keessa hin jiraattan; iddoo dhaabaa waynii ija namaa harkisus in qopheeffattu, garuu daadhii waynichaa hin dhugdan!

[12] Isin warri nama qajeelaa cunqursitanii gabbarsuus fudhattanii, nama dhabes firdii akka hin arganne gootan, irra-daddarbaan keessan attam akka baay'atu, cubbuun keessanis attam akka guddatu ani beeka!

[13] Kanaafis kun yeroo hamaa waan ta'eef, namni hubataan yeroo akkasiitti calluma in jedha.

[14] Isin akka jiraattanitti wanta gaarii barbaadaa malee, wanta hamaa gochuu hin barbaadinaa! Yoos akkuma isin jettan in ta'a; Waaqayyo gooftaan maccaas dhuguma isinii wajjin in jiraata.

[15] Wanta hamaa jibbaa, wanta gaariis jaalladhaa! Wal ga'ii karra dallaa keessatti dhugaan jabaatee akka dhaabatu godhaa! Yommus Waaqayyo gooftaan maccaa, sanyii Yoseef keessaa warra hafanitti araara in argisiisa ta'a.

[16] Amma garuu Waaqayyo gooftaan maccaa gooftichi, “Wal ga'ii karaa hundumaa irratti in boo'u, karaa jiru hundumaa irrattis, wayyoo! wayyoo! in jedhu; warra qotiisa qotan gaddaaf, boossiftuus boo'ichaaf in waamu.

[17] Iddoo dhaabaa waynii hundumaatti iyyuu boo'ichi in ta'a; ani isin adabuudhaaf isin gidduu waanan darbuuf kun hundinuu isinitti in dhufa” jedhe; inni kana dubbate Waaqayyoo dha.

[18] Isin warra guyyaa Waaqayyoo hawwaan eeggattaniif wayyoo! Guyyaan Waaqayyoo maal isiniif godha” Inni isiniif dukkanaa'aa dha malee ifaa miti!

[19] Akka nama leenca jalaa utuu baqatuu amaaketi itti dhufutti, isa jalaa ba'ees manatti galee keenyan yommuu qabatu bofni harka isaa iddu in taatu.

[20] Guyyaan Waaqayyoo sun ifaa utuu hin ta'in dukkanaa'aa dha mitii ree” Innoo duumessaa'aa dha aduus hin qabu.

[21] Waaqayyo, “Ani ayyaana ayyaaneffachuu keessan nan jibbe, waa'ee isaas nan dhiise, wal ga'iin keessanis anatti in ajaa'e.

[22] Qalma gubamuu fi kennaa midhaanii anaaf yoo dhi'eessitan iyyuu ani itti hin gammadu; horii coccoomoo qalma galataaf dhi'eessitanis ani hin ilaalu.

[23] Iyya faarfannaa keessanii ana irraa fageessaa! Sagalee maseenqoo keessaniis ani dhaga'uu hin barbaadu.

[24] Qooda kanaa bulchi qajeelaan akka bishaaniitti, qajeelummaanis akka laga yeroo hundumaa yaa'uutti haa burqu!

[25] “Yaa warra Israa'el, yeroo lafa onaa keessa waggaa afurtama turtan, qalma, kennaas anaaf dhi'eessitaniittu moo ree”

[26] Ammas isin waaqayyolii tolfamoo keessan “Saakuut” isa akka mootiitti fudhattan, “Kiiyoon” isa bifa urjii laattaniifii itti sagaddan ol fudhattanii in baadhattu.

[27] Kanaaf ani biyyaa isin baasee mandara Damaasqoo garasitti boojuutti isin nan dabarsa” jedhee dubbateera; inni immoo maqaan isaa Waaqayyo gooftaa maccaa ti.

Macaafa Amos Raajichaa — Chapters