Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:31

[1] Amos ammas,“Waaqayyo akka jedhu! “Warri biyya Mo'aab lafee mootii Edoom gubanii nooraa mana diban waan godhataniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

[2] Kanaaf, ani biyya Mo'aab irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjaboo mandara Keriyot in fixa; warri duulaa utuu wacanii, sagalee fiinoos dhageessisanii, namoonni Mo'aab goolii keessa in du'u.

[3] Isa biyya seerratus ishee keessaa nan balleessa, gurguddoota ishee hundumaas isaa wajjin nan ajjeesa” jedha Waaqayyo” jedhe.

[4] Waaqayyo akka jedhu!“Warri biyya Yihudaa seera koo seera Waaqayyo isaanii tuffatanii seerrata koos eeguu didanii, waaqayyolii sobaa warra abboonni isaanii duukaa bu'aa turaniin waan wallaalchifamaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

[5] Kanaaf,“Ani biyya Yihudaa irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjaboo Yerusaalem in fixa” jedha” jedhe.

[6] Waaqayyo akka jedhu! “Warri Israa'el irra-daddarbaa isaanii keessa waan deddeebi'aniif, adabni akka irraa deebi'u ani hin godhu! Isaanoo nama qajeelaa meetiitti, nama dhabaa immoo gatii kophee baaqqee cimdii tokkoof jedhanii in gurguru.

[7] Isaanoo mataa warra dadhaboo awwaara keessatti lafatti dhidhiitan; warra gad qabamoos karaa irraa in daddarbatu; maqaa koo isa qulqulluu xureessuudhaaf, ilmis abbaanis dubartii ejjituu tokko bira in ga'u.

[8] Isaan iddoo aarsaa hundumaa bukkeetti immoo, uffata qabsiisaaf fuudhan irra in ciisu; daadhii waynii warra adabaman biraa dhufes, mana Waaqayyo isaanii keessatti in dhugu.

[9] “Ani immoo,“Amoorota warra akka birbirsaa dheeratan, warra akka muka hoomii jabaatan fuula isaanii duraa hundeedhaan buqqisee sanyii isaaniis lafa irraa balleesseen ture.

[10] Lafa warra Amoorotaa kan keessan akka godhattaniif, anatu biyya Gibxiitii ol isin baasee, lafa onaa keessa waggaa afurtama isin geggeesse.

[11] Ilmaan keessan keessaa raajota, dargaggoota keessan keessaas warra addaan baafamanii:- Naaziroota jedhamanii beekaman nan kaase; kun dhuguma akkas mitii ree, yaa warra Israa'el” Kanas ana Waaqayyo keessantu isin gaafata!

[12] Isin garuu Naaziroota daadhii waynii akka dhugan in gootan; raajotaanis:- Raajii hin dubbatinaa! jettanii abboomtan.

[13] “ ‘Ammas akkuma konkolaataan bissii midhaanii baatu wal rigee iyyu, kunoo, anis gidiraa jalaa akka iyyitan nan godha.

[14] Namni fiigicha danda'u lafa itti baqatu hin qabu; jabinni nama jabaa in laafa; jagni lubbuu isaa hin oolfatu.

[15] Inni iddaa qabu achi hin dhaabatu, inni fiigicha danda'us miilla isaatiin of hin baasu; abbaan fardaas lubbuu isaa hin oolfatu.

[16] Guyyaa sanatti jagnoota keessaa inni laphee-jabeessi iyyuu harka qullaa in baqata” jedhee dubbateera Waaqayyo” jedhe.

Macaafa Amos Raajichaa — Chapters