[1] Yommus raajichi, “Yaa namoota Israa'el, dubbii Waaqayyoo isa inni isin irratti, guutummaa saba inni ofii isaatii biyya Gibxii baase irratti dubbate dhaggeeffadhaa!
[2] Innoo,“Saba lafa irraa hundumaa keessaa ba'eessa godhee beekee isin duwwaa ofitti qabeera; kanaafis ani yakka keessan hundumaa isinitti nan ilaala” jedheera” jedhe.
[3] Namoonni lama walitti dhufanii utuu waliif hin galin walii wajjin dhimma tokkoof adeemuu ree”
[4] Leenci yoo waa qabachuuf utaale malee, caakkaa keessaa aadee of dhageessisaa ree” Leenci saafelli yoo waa hin qabanne ta'e, mann'ee isaa keessaa sagalee isaa dhageessisaa ree”
[5] Allaattiin waan isheen barbaaddu kiyyoo keessa yoo jiraachuu dhabaate, isa keessa galtii ree” Futtaasaan, wanti qabamu utuu itti hin bu'in lafaa futta'aa ree”
[6] Fiinoon lolaa mandara keessatti yeroo afuufamu namoonni hin wareeranii ree” Utuu Waaqayyo biraa hin dhufin, wanti hamaan mandara tokko irra ga'aa ree”
[7] Waaqayyo gooftaan murtoo isaa isa dhokatee jiru hojjetoota isaa warra raajotatti utuu hin mul'isin, tokko illee hojii irra hin oolchu.
[8] Leenci in aada, egaa eenyu ree kan hin sodaanne” Waaqayyo gooftaan in dubbachiisa, egaa eenyu ree raajii kan hin dubbanne?
[9] Mana jajjaboo mandara Ashdood keessa, mana jajjaboo biyya Gibxii keessas warra jiraataniin, “Tulloota naannoo Samaariyaa gubbaatti walitti qabamaatii raafama gurguddaa namoota ishee gidduutti ta'uu fi cunqurfamuu ishee keessatti ta'u ilaalaa!” jedhaatii dhageessisaa!
[10] “Isaan wanta qajeelaa akka itti hojjetan hin beekan; wanta humnaan nama irratti ka'anii saamanii argatan manneetii isaanii warra jajjaboo keessa tuullatan” jedha Waaqayyo.
[11] Sababii kanaaf Waaqayyo gooftaan, “Diinni biyyicha in marsa, aangoo kees in cabsa; manneetiin kee warri jajjaboonnis in saamamu” jedha.
[12] Waaqayyo,“Akkuma tiksituun horii leenci qabatu irraa kottee lama yookiis cittuu gurraa buufatee dhi'eessu, hafteen namoota Israa'el warra Samaariyaa keessa afata gaggaarii irratti aara-galfachuudhaan itti tolee jiraataniis akkasuma in ta'a” jedha.
[13] Waaqayyo gooftaan maccaa akka jedhu! “Dhaggeeffadhaa, sanyii Yaaqoobis gorsaa!
[14] Guyyaa ani irra-daddarbaa Israa'el ilaalutti, iddoo aarsaa mandara Bet'el diiguudhaaf nan dhufa; gaanfonni iddoo aarsaas muramanii lafa in bu'u.
[15] Mana yeroo qorraa keessa taa'anii fi mana yeroo bonaa keessa taa'an nan jijjigsa, manneetiin ilka arbaatiin miidhagfamanis iddoodhaa in badu, manneetiin warri jajjaboonnis deebi'anii hin argaman” jedha; Waaqayyo kana dubbateera.