Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:19

[1] Waaqayyo duratti, Kristos Yesus isa warra jiranii fi warra du'anitti faraduuf jiru durattis, maqaa isa deebi'ee mul'atee, mootummaa isaas argisiisu sanaan cimsee sin gorsa.

[2] Dubbicha lallabi, ?Kun yeroo dha, kun yeroo miti? utuu hin jedhin qophaa'ii argami! Nama balleessaa isaa hubachiisi, ifadhu! Obsa hundumaan gorsi barsiisis.

[3] Barri itti namoonni barsiisa sirrii fudhachuu jibban dhufuuf jira; bara sanas akka hawwa isaaniitti, barsiisota wanta gurra isaaniitti tolu isaan barsiisan walitti in sassaabbatu.

[4] Isaan dubbii dhugaa dhaga'uu irraa gara galanii, gara mammaaksa amantiitti in goru.

[5] Ati garuu waan hundumaatti gara itti gortu beeki! Dhiphina obsaan baadhu! Hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun ta'uuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti raawwadhu!

[6] Yeroon dhiigni koo akka dhibaayuutti dhibaafatamu dhi'aateera! Yeroon itti ani jireenya kanattii hiikamus ga'eera.

[7] Wal'aansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera.

[8] Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa'amee jira; gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna; ana duwwaaf utuu hin ta'in, warra deebi'ee mul'inatti dhufuu isaa jaallatan hundumaafis in kenna.

[9] Ariitiidhaan gara koo dhufuuf dhama'i!

[10] Deemaas biyya lafaa kana jaallatee, ana buusee mandara Tasaloniiqee dhaqe; Kresqes biyya Galaatiyaa, Tiitoosis immoo biyya Dalmaatiyaa dhaqe.

[11] Luqaas duwwaatu na bira jira; yeroo dhuftu, Maarqosin of duukaa fidii kottu! Inni anaaf ergamuudhaan waa'ee anaaf in baasa.

[12] Xikiqoosin immoo mandara Efesoonitti ergeera.

[13] Yommuu dhuftu waaroo ani Kaarphos biratti Xro'aasitti dhiise, macaafotas addumaan immoo maraa caaffatoota gogaa duugamaa anaaf fidi.

[14] Iskindir inni sibiila tumu baay'isee hamaa ana irratti hojjete; gooftichi akka hojii isaatiitti isaaf in deebisa!

[15] Inni jabeessee dubbii keenyaan waan mormeef, atis isattii of eeggadhu!

[16] Gaafa ani dura yaa'ii duratti dhi'aadhee falmadhe, hundumtuu na buusan malee, namni na bukkee dhaabate tokko illee hin argamne; gooftaan kana isaanitti hin lakkaa'in.

[17] Garuu wangeelli karaa koo guutummaatti akka lallabamuuf, warri saba Waaqayyoo hin ta'inis akka isa dhaga'aniif gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse; afaan leencaas na oolche.

[18] Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha; na fayyisee mootummaa isaa isa waaqa irraatti na geessa; isaaf baruma baraan galanni haa ta'u! Ameen.

[19] Phrisqiilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesiforosittis nagaa koo anaaf himi!

[20] Erasxos Qorontositti hafe; Xrofimoos immoo dhukkubsannaan ani mandara Miilexositti isa dhiise.

[21] Utuu ganni hin lixin dhufuudhaaf dhama'i! Yubulos, Phudenis, Liinos, Klaawudiiyaan, obboloonni hundinuu nagaa siif ergu.

[22] Gooftaan hafuura kee wajjin haa ta'u! Ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessanii wajjin haa jiraatu!

Ergaa Phaawulos Gara Thimotewositti Erge Isa Lammaffaa — Chapters