Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:55

[1] Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu!

[2] Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata-hinqabnee, warra wanta qulqullaa'aadhaan morman in ta'u.

[3] Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of-hinqabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban,

[4] warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta'uuf jiru.

[5] Akka bakkeedhaan mul'atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu; warra akkasii irraa fagaadhu!

[6] Isaan keessaa kaan mana namaa lixanii dubartoota dadhaboo warra cubbuun irra tuulamee, kajeellaa garaa garaatiin asii fi achi oofaman in wallaalchisu.

[7] Dubartoonni kun yeroo hundumaa in baru; garuu dhugaa beekuu bira ga'uu matumaa hin danda'an.

[8] Akkuma Yaaneesii fi Yaambres, Museedhaan morman, jarreen sammuun isaanii bade, karaa amantii isaanii qoramanii hin ilaalamin kunis akkasuma dhugaadhaan in mormu.

[9] Garuu akkuma gowwummaan jarreen sana lamaanii irratti beekame, kan isaan kanaas nama hundumaa biratti beekamuuf waan jiruuf, fagoo hin ga'an.

[10] Ammas ati barsiisa koo, amala koo, akeeka jireenya koo, amantii koo, obsaan danda'uu koo, jaalala koo, waanan qabetti cimuu koo caqafteetta.

[11] Ari'atamuu koo, dhiphachuu koos warra Anxokiyaatti, Iqoniiyumitti, Lisxiraatti ana irra ga'an yaadaan qabdeetta; ari'atamuu attamiin danda'es! Kana hundumaa keessaa immoo gooftaan na oolche.

[12] Akkasuma karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo ta'ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ari'atamuuf jira.

[13] Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu; namoota in wallaalchisu ofii isaaniitiis in wallaalchifamu.

[14] Ati garuu isa barsiifamte, cimsitees itti amante sana eenyufa'i irraa akka barte waan beektuuf, isatti qabamii jiraadhu!

[15] Mucummaa keetii jalqabdee caaffata qulqullaa'aa isa Kristos Yesusitti amanuudhaan akka fayyitutti ogummaa siif kennuu danda'u, akka barte in beekta.

[16] Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.

[17] Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda'e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa'e akka ta'u in godha.

Ergaa Phaawulos Gara Thimotewositti Erge Isa Lammaffaa — Chapters