[1] Ati immoo ilma ko! Ayyaana isa Kristos Yesus nuuf kennutti jabaadhu!
[2] Dhuga-baatota baay'ee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra kaan barsiisuufis ta'anitti hadaraa kenni!
[3] Akka loltuu Kristos Yesusitti dhiphina sana keessaa qooda qabaadhu!
[4] Namni loltuu ta'ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf hojii warra kaanitti lixuu in dhiisa.
[5] Namni dorgomeetti jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo mo'ichaa hin argatu.
[6] Qottuun hojii isaatti dadhabu duraan dursee ija midhaan isaatii irraa nyaachuun in ta'aaf.
[7] Wanta ani dubbadhu kanas itti yaadi, gooftaan waan hundumaaf hubannaa siif in kenna.
[8] Yesus Kristosin isa warra du'an keessaa kaafame, isa sanyii Daawit keessaa dhalate, akka ani wangeela koo keessatti lallabetti yaadadhu!
[9] Sababii wangeela isa ani lallabe kanaaf, akkuma nama hamaa godheetti hidhamee dhiphachaan jira; dubbiin Waaqayyoo garuu hin hidhamu.
[10] Kanaafis, warri fo'aman fayyina isa karaa Kristos Yesus dhufu ulfina bara baraa wajjin akka argatanitti, isaaniif jedhee waan hundumaa obsaan nan baadha.
[11] Dubbichi amanamaa dha; innis, ?Kristosii wajjin duuneerra yoo ta'e, isaa wajjin immoo in jiraanna;
[12] obsaan yoo dandeenye, isaa wajjin immoo in moona; yoo nuyi isa ganne, innis immoo nu ganuuf jira;
[13] yoo nuyi amanamoo ta'uu dhabaanne, inni ofii isaa ganuu waan hin dandeenyeef, inni akkuma amanamaa ta'etti in hafa? in jedha.
[14] Wal diduun namootaa warra dhaga'an diiga malee, waan tokkoof waa'ee akka hin baafne isaan yaadachiisi! Waaqayyo durattis isaanitti dhugaa ba'i!
[15] Ati akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeella'u hin qabneetti, akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti, Waaqayyo dura of dhaabachiisuudhaaf dhama'i!
[16] Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa'aadhaan mormu irraa fagaadhu! Inni ittuma caalchisee nama Waaqayyoo ta'uu irraa nama fageessa.
[17] Dubbiin akkasii akka madaa foon nyaatee bal'achaa adeemuu ti; Himnewosii fi Filexoos warra dubbii akkasii dubbatan keessa jiru.
[18] Isaan kun ?Du'aa ka'uun kanaan dura ta'eera? jechuudhaan dhugaa irraa kaataniiru; amantii warra kaaniis gara galchaniiru.
[19] Haa ta'u iyyuu malee, hundeen Waaqayyo kaa'e jabaatee in dhaabata. Mallattoo, ?Gooftichi warra kan isaatii in beeka? kana malees, ?Namni goofticha maqaa dha'atu jal'ina irraa haa deebi'u!? jedhus in qabaata.
[20] Mana guddaa tokko keessa qodaa warqee irraa yookiis meettii irraa tolfame duwwaa utuu hin ta'in, qodaan muka irraa yookiis suphee irraa tolfames jira; kaan qodaa hojii ulfinaa itti hojjetanii dha, kaan immoo qodaa hojii salphinaa itti hojjetanii dha.
[21] Ammas namni warra wanta salphinaa hojjetan irraa yoo of qulleesse, qodaa ulfinaa in ta'a; akkasittis qodaa addaan ba'ee, gooftaa isaatiif waa'ee baasu, hojii gaarii hundumaafis qophaa'aa in ta'a.
[22] Ati immoo kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu, warra garaa qullaa'aadhaan maqaa gooftaa waammatanii wajjin qajeelina, amantii, jaalala, nagaa duukaas bu'i!
[23] Qoccolloo akka kaasan waan beektuuf, morkii gowwummaa isa toora hin qabnettis hin lixin!
[24] Hojjetaan gooftichaa nama hundumaatti gaarummaa argisiisuun, namoota barsiisuu danda'uun, waan hamaa obsaan namaaf danda'uun isaaf in ta'a malee, nama qoccoluun isaaf hin ta'u.
[25] Inni warra ittiin morman hafuura gara-laafinaatiin gorsee gara gaariitti deebisuun in ta'aaf; isaan dhugaa beekuu bira ga'uudhaaf yaada garaa isaanii akka geddarataniif Waaqayyo karaa in kennaaf ta'a.
[26] Yoos isaan qalbii godhatanii, Seexana isa jaalala isaa akka godhaniif kiyyoo isaatti isaan galche harkaa in ba'u.