[1] Ani Phaawulos amantii fi dhugaa beekuu warra Waaqayyoof fo'amanii, akka namoota Waaqayyoof ta'utti dammaqsuudhaaf, hojjetaa Waaqayyoo fi ergamaa Yesus Kristos ta'ee kana caafuu koo ti;
[2] abdii jireenya bara baraa, isa Waaqayyo inni matumaa hin sobne, bara durii jalqabee abdachiise yaadachiisuu koo ti.
[3] Yeroo isaaf ta'ettis Waaqayyo fayyisaan keenya karaa lallaba isa abboommii isaatiin hadaraa anatti kenname sanaa, dubbii abdii sana mul'iseera.
[4] Gara Tiitoos isa karaa amantii walii wajjin qabnu, ilma koo dhugaa ta'e! Waaqayyo abbaan, Kristos Yesus fayyisaan keenyas ayyaanaa fi nagaa siif haa kennu.
[5] Sababiin ani Qareexis biyya bishaan keessaatti si hambiseefis wanta toora hin qabatin hafe akka toora qabsiiftuuf, mandaruma mandarattis akkuma ani si argisiisetti jaarsolii hojii waldaa geggeessuu irra akka dhaabduuf ture.
[6] Namni hojii akkasii irra dhaabatu immoo waan ittiin jedhan kan hin qabne, nama haadha manaa tokkittii, ijoolleen isaa kan amanan malee, gad-dhiisatti jiraachuu isaaniitiin yookiis abboomamuu diduu isaaniitiin kan hin hadheeffamin haa ta'u!
[7] Ilaaltuun hojii waldaa tokko, hojii Waaqayyoo in adeemsisa erga ta'ee, waan ittiin jedhan kan hin qabne ta'uun isa irra jira; ofii isaa malee warra kaan kan hin gammachiifne yookiis nama dafee aaru yookiis machaa'aa yookiis nama lola jaallatu, nama bu'aa karaa dalgaa argachuuf sassatu ta'uun isa irra hin jiru.
[8] Nama keessummaa simachuu jaallatu, nama waan gaarii jaallatu, nama of qabu, nama qajeelaa, qullaa'aa, nama adaba qabus haa ta'u;
[9] barsiisa sirrii sanaan gorsuu, warra isaan mormanitti immoo balleessaa isaanii itti mul'isuu akka danda'utti, akka barsiisicha ofii fudhatetti dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatee qabamuun isa irra jira.
[10] Namoonni hin abboomamne, warri dubbii midhaan hin qabne dubbatan, warri nama wallaalchisan baay'een jiru; addumaan immoo isaan kun warra garee seera dhagna-qabaa eegan keessaa ti.
[11] Isaan bu'aa nama yeellaasisu argachuudhaaf waan barsiisuun isaaniif hin taane barsiisuudhaan, mana guutuu waan gargar diiganiif, afaan isaan qabachiisuun in ta'a.
[12] Isaanuma keessaa tokko, raajiin ofii isaanii, ?Warri Qareexis yeroo hundumaa sobduu dha, bineensota hamoo dha, albaadhota, dhibaa'oo dhas? jedhee ture.
[13] Kanas dhugaa dubbate; kanaafis amantii isaaniitti seelkoo akka hin qabaannetti, cimsii balleessaa isaanii itti mul'isi!
[14] Si'achis mammaaksa amantii isa kan Yihudootaa, abboommii namoota warra dhugaa irraa gara galanii duukaas akka hin buune godhi!
[15] Warra qullaa'aniif wanti hundinuu qullaa'aa dha, warra xuraa'oodhaaf warra hin amanneef garuu, wanti tokko illee qullaa'aa miti; sammuun isaanii fi yaadni garaa isaanii iyyuu xuraa'aa dha.
[16] Isaan Waaqayyoon in beekna jedhu, hojii isaaniitiin garuu isa in ganu; isaan ofii isaaniitii jibbamoo, warra hin abboomamne, warra qoramanii hojii gaarii tokkoof illee gatii dhabanii dha.