Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:15

[1] Yaa obboloota ko! Waa'ee barichaa fi waa'ee yerichaa garuu isiniif caafuun barbaachisaa miti.

[2] Guyyaan gooftaa akka hattuun halkan dhuftutti akka dhufu isin iyyuu ba'eessa gootanii in beektu.

[3] Namoonni, ?Nagaa dha, gabii dhas? utuma jedhanii, badiifni itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga'a; kana jalaa ba'uunis hin jiru.

[4] Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra ba'uu hin danda'u.

[5] Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra dukkanaa miti.

[6] Egaa kottaa in dammaqna, of in qabnas malee, akka warra kaanii rafuu in dhiifna!

[7] Warri rafan halkan in rafu, warri machaa'anis halkan in machaa'u.

[8] Nuyi garuu warra guyyaa erga taanee of in qabna, maddaa sibiilaa isa kan amantii fi jaalalaa in uffanna, abdii fayyinaas akka gonfoo sibiilaatti mataatti in kaa'anna.

[9] Waaqayyo karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos fayyina akka argannuuf malee dheekkamsaaf yaadee nu hin qopheessine.

[10] Nuyi warri jireenyatti jirrus, warri obbaafannes jireenya isaa akka qabaannuuf, Kristos nuuf du'e.

[11] Kanaaf akkuma amma gochaa jirtan, wal jajjabeessaa, wal cimsaas!

[12] Obboloota nana, warra isin gidduutti hojiitti dadhaban, karaa gooftaas warra isin geggeessanii fi isin gorsan ulfinaan akka ilaaltan isin in kadhanna.

[13] Sababii hojii isaaniitiifis herregaa jaalalaatiin baay'ee ol isaan qabaa; walii keessan gidduuttis nagaa qabaadhaa!

[14] Obboloota nana, warra hojii hojjechuu dhiisan gorsitanii akka qajeelchitan, warra garaan isaanii sodaate akka toosiftan, warra dadhabaniif akka yaaddan, namoota hundumaafis akka dandeessan isin in gorsina.

[15] Yeroo hundumaa walii keessaniif, namoota hundumaafis gaarii gochuu yaadaa malee, namni tokko illee waan hamaadhaaf hamaa akka hin deebifne ilaaladhaa!

[16] Yeroo hundumaa gammadaa!

[17] Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa!

[18] Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa Kristos Yesus kana gochuu keessan in fedha.

[19] Hafuura qulqulluu hin ukaamsinaa!

[20] Wanta Waaqayyo namatti mul'isee himsiisu hin tuffatinaa!

[21] Garuu waan hundumaa qoraa, isa gaarii jabeessaatii qabadhaa!

[22] Waanuma hamaa ta'e dhiisaa!

[23] Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu guutummaatti ofii isaatiif isin haa qulqulleessu; yeroo dhufa gooftaa keenyaa Yesus Kristosittis hafuura keessan, lubbuu keessan, foon keessanis fayyaatti mudaa akka hin godhannettis haa eegu!

[24] Inni isin waame amanamaa waan ta'eef, kana in godha.

[25] Obboloota ko, nuufis kadhadhaa!

[26] Yaada qulqullaa'aadhaan dhudhungachuudhaan obboloota hundumaa nagaa gaafadhaa!

[27] Hadaraa gooftaa, ergaan kun obboloota hundumaaf haa dubbifamu!

[28] Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos isinii wajjin haa ta'u!

Ergaa Phaawulos Gara Warra Tasaloniiqeetti Erge Isa Duraa — Chapters