Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:02

[1] Obboloota nana! Kana irraa kan hafe immoo Waaqayyoon gammachiisuudhaaf attamitti jiraachuun akka isin irra jiru barumsa nu irraa argattaniittu; akkuma amma itti jirtan iyyuu caalchiftanii akka itti fuftan maqaa Yesus gooftaatiin isin in kadhanna, isin in gorsinas.

[2] Waan gochuun isiniif ta'u maqaa gooftaa Yesusiin gorsa akka isiniif kennine in beektu.

[3] Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha.

[4] Dhiirri adduma addaan haadha manaa qabaatee qullaa'ummaa fi ulfinatti dhagna isaa eeggachuu haa beeku!

[5] Akka saba warra kaanii warra Waaqayyoon hin beeknetti kajeellaa dhagnaatti, hawwasaattis of hin kenninaa!

[6] Egaa namni kana irra darbee dubbii kanatti hiriyaa isaa hin gowwoomsin; gooftaan warra balleessaa akkasii hojjetan in adaba jennee duraan dursinee isinitti himneerra, dhugaa isinitti baaneerras.

[7] Xuraa'ummaatti utuu hin ta'in, qullaa'ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo nu waame.

[8] Egaa namni gorsa kana tuffatu, Waaqayyoon isa hafuura isaa qulqulluu isiniif kennu tuffata malee, nama tuffata miti.

[9] Waa'ee obboloota jaallachuu immoo isiniif caafuun barbaachisaa miti; wal jaallachuun akka isin barbaachisu Waaqayyo isin barsiiseera.

[10] Isinis kanuma duukaa buutanii obboloota guutummaa kutaa biyya Maqedooniyaa keessa jiran hundumaa in jaallattu; ammas immoo caalchiftanii akka itti fuftan isin in gorsina, yaa obboloota ko.

[11] Akkuma nuyi dur isinitti himnetti jireenya gabii jiraachuu, maayii keessan dhimma baafachuu, waan ittiin jiraattan argachuudhaaf harka keessaniin itti dadhabdanii hojjechuu ulfinatti lakkaa'adhaa!

[12] Akkasitti yoo jiraattan warra alaa biratti ija ulfinaatiin in ilaalamtu; waan isin barbaachisuufis harka nama tokkoo iyyuu hin eeggattan.

[13] Obboloota nana! Akka namoota abdii hin qabnetti akka hin gaddinetti, waa'ee warra obbaafataniif abdii jiru akka beektan in barbaanna.

[14] Yesus du'ee du'aa akka ka'e erga amannee akkasuma immoo Waaqayyo warra obbaafatan karaa Yesus, isumaa wajjinis deebisee akka fidu in amanna.

[15] Nuyi amma dubbii gooftaa keessaa waan arganne isinitti himuuf jenna; nuyi warri gaafa gooftaan deebi'ee dhufu utuu hin du'in jirru, warra obbaafatan dura hin buunu.

[16] Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu.

[17] Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna.

[18] Kanaafis dubbii kanaan wal jajjabeessaa!

Ergaa Phaawulos Gara Warra Tasaloniiqeetti Erge Isa Duraa — Chapters