Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 11:44

[1] Yesuusis ergasii wangeela mootummaa Waaqaa lallabaa magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraatti, ganda tokko irraas gara ganda biraatti naannaʼaa ture. Warri Kudha Lamaanis isa wajjin turan;

[2] dubartoonni hafuurota hamoo fi dhibee irraa fayyifaman tokko tokkos isa wajjin turan; isaanis Maariyaam ishee Magdalaa kan hafuuronni hamoon torba ishee keessaa baʼan,

[3] Yohaanaa niitii Kuuzaa isa eegduu mana Heroodis turee, Suusanaa fi dubartoota biraa baayʼee turan. Dubartoonni kunneenis waan qabaniin Yesuusii fi barattoota isaa tajaajilaa turan.

[4] Yeroo tuunni guddaan walitti qabamee namoonnis magaalaa gara garaatii gara isaa dhufanitti Yesuus akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime:

[5] “Namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe. Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼee irra ejjetame; simbirroonnis nyaatanii fixan.

[6] Kaan immoo lafa kattaa irra buʼe; innis waan jiidha hin qabneef yeroo biqiletti ni goge.

[7] Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis biqiltuu sana wajjin guddatee isa hudhe.

[8] Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ijas dachaa dhibba naqate.” Innis yommuu waan kana dubbatetti lallabee, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu” jedhe.

[9] Barattoonni isaas hiikkaan fakkeenya kanaa maal akka taʼe isa gaafatan.

[10] Innis akkana jedhe; “Icciitii mootummaa Waaqaa beekuun isinii kennameera; warra kaanitti garuu ani fakkeenyaan nan dubbadha; kunis, “ ‘Akka isaan utuma ilaalanuu hin argineef, utuma dhagaʼanuus, hin hubanneef.’

[11] “Hiikkaan fakkeenyichaa kanaa dha: Sanyiin sun dubbii Waaqaa ti.

[12] Sanyiin karaa irraa sun namoota dubbicha dhagaʼanii garuu akka isaan amananii hin fayyineef diiyaabiloos dhufee dubbicha garaa isaanii keessaa fudhatuu dha.

[13] Sanyiin lafa kattaa irraa sunis warra yommuu dubbicha dhagaʼanitti gammachuudhaan fudhatanii dha; isaan garuu hidda hin qaban. Yeroof amanu malee yeroo qorumsaatti ni ganu.

[14] Sanyiin qoraattii keessa buʼes warra dubbicha dhagaʼanii dha; isaanis akkuma karaa isaanii itti fufaniin yaaddoo jireenyaatiin, badhaadhummaa fi qananiidhaan hudhamu; hin bilchaatanis.

[15] Sanyiin biyyoo gaarii irraa garuu warra garaa tolaa fi gaariidhaan dubbicha dhagaʼanii jabeessanii qabatanii obsaan ija naqatan argisiisa.

[16] “Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee okkotee keessa hin dhoksu yookaan siree jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa arguu dandaʼaniif baattuu ibsaa irra kaaʼu.

[17] Wanni dhokfamee utuu hin mulʼifamin hafu, wanni haguugamee utuu hin beekamin hafu yookaan utuu ifatti hin baafamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii.

[18] Kanaaf akkamitti akka dhaggeeffattan qalbeeffadhaa. Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne kam iyyuu garuu wanni inni waan qabu of seʼu iyyuu isa irraa fudhatama.”

[19] Haatii fi obboloonni Yesuus isa arguu dhufan; garuu sababii baayʼina namaatiif isa bira gaʼuu hin dandeenye.

[20] Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si arguu barbaadanii ala dhadhaabatanii jiru” jedhee isatti hime.

[21] Innis, “Haati kootii fi obboloonni koo warra dubbii Waaqaa dhagaʼanii hojii irra oolchanii dha” jedhee deebise.

[22] Gaaf tokko Yesuus barattoota isaatiin, “Kottaa galaana gama ceenaa” jedhe. Kanaafuu isaan bidiruu yaabbatanii qajeelan.

[23] Inni utuu isaan bidiruudhaan deemaa jiranuu hirribni qabee rafe. Bubbeen tokkos galaana sana irratti kaʼee, bidiruun sun bishaaniin guutamuu jalqabe; isaanis balaa guddaa keessa seenan.

[24] Barattoonnis dhaqanii, “Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu dhumuuf jirra!” jedhanii isa dammaqsan. Innis kaʼee bubbee fi bishaan raafamaa ture sana ifate; bubbeen sunis gab jedhe; wanni hundinuus ni tasgabbaaʼe.

[25] Barattoota isaas, “Amantiin keessan eessa jira?” jedhee gaafate. Isaanis sodaa fi dinqifannaadhaan, “Namichi bubbee fi bishaan illee ajaju kun eenyu? Isaanis ni ajajamuuf” jedhanii wal gaafatan.

[26] Isaanis gara biyya Gergeesenoon ishee galaanaan gama fuullee Galiilaatti argamtuutti bidiruudhaan ceʼan.

[27] Yommuu Yesuus qarqara galaanaatti buʼettis namichi magaalaa sanaa kan hafuura hamaadhaan qabamee ture tokko isatti dhufe. Namichi kun yeroo dheeraadhaaf uffata hin uffatu ture; awwaala gidduu jiraata malee mana keessa hin jiraatu ture.

[28] Innis yommuu Yesuusin argetti iyyee miilla isaa irratti kufe; sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Ani sin kadhadha; na hin dhiphisin!” jedhe.

[29] Yesuus akka hafuurri xuraaʼaan sun namicha keessaa baʼu ajajee tureetii. Hafuurri sunis yeroo baayʼee itti kaʼaa ture; namichi sun yoo harkaa fi miilli isaa foncaan hidhamee eegamaa ture iyyuu, hidhaa isaa of irraa kukkutee, hafuura hamaa sanaan gara lafa namni hin jirreetti geeffamaa ture.

[30] Yesuusis, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis sababii hafuuronni hamoon baayʼeen isatti galanii turaniif, “Leegewoon” jedhee deebise.

[31] Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan Qilee keessa buʼan isaan hin ajajneef Yesuusin kadhatan.

[32] Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara irra achi dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan booyyeewwan sanatti galaniif isaanii eeyyamu Yesuusin kadhatan; innis ni eeyyameef.

[33] Yommuu hafuuronni hamoon sun namicha keessaa baʼanii booyyeewwanitti galanitti, hoomaan sun ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.

[34] Warri booyyeewwan tiksan sunis yommuu waan taʼe sana arganitti, baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan;

[35] namoonnis waan taʼe sana ilaaluu baʼan. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha hafuuronni hamoon keessaa baʼan sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee miilla Yesuus jala taaʼee argan; ni sodaatanis.

[36] Warri waan kana arganii turanis namichi hafuura hamaan qabame sun akkamitti akka fayye namootatti odeessan.

[37] Kana irratti namoonni biyya Gergeesenoon hundinuu waan sodaadhaan guutamaniif akka Yesuus isaan biraa deemu isa kadhatan. Innis bidiruu yaabbatee achii deeme.

[38] Namichi hafuuronni hamoon keessaa baʼan sun Yesuus wajjin deemuuf isa kadhate; Yesuus garuu akkana jedhee of biraa isa deebise;

[39] “Mana keetti deebiʼiitii wanni Waaqni siif godhe hammam guddaa akka taʼe odeessi.” Namichis dhaqee wanni Yesuus isaaf godhe hammam guddaa akka taʼe magaalaa sana hunda keessatti odeesse.

[40] Yommuu Yesuus deebiʼetti namoonni baayʼeen isa simatan. Hundi isaanii isa eeggachaa turaniitii.

[41] Namichi Yaaʼiiros jedhamu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee miilla Yesuus irratti kufee akka inni mana isaa dhaqu isa kadhate;

[42] sababiin isaas intalli isaa tokkittiin, durbi umuriin ishee gara waggaa kudha lamaa taʼu tokko duʼuu geessee turte. Utuu Yesuus deemaa jiruu namoonni qixa hundaan dhiibanii hafuura isa kutuu gaʼan.

[43] Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte; garuu namni tokko iyyuu ishee fayyisuu hin dandeenye.

[44] Isheenis dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe; dhiigni ishees yommusuma cite.

[45] Yesuusis, “Eenyutu na tuqe?” jedhee gaafate. Yommuu hundi isaanii haalanitti Phexros, “Yaa barsiisaa namoonni tuuttaʼanii si dhiibaa jiru” jedhe.

[46] Yesuus garuu, “Namni wayii na tuqeera; ani akka humni na keessaa baʼe nan beekaa” jedhe.

[47] Dubartittiinis akka utuu hin beekamin deemuu hin dandeenye hubannaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte. Isheenis maaliif akka isa tuqxee fi akkamittis akka yommusuma fayyite namoota sana hunda duratti dubbate.

[48] Kana irratti inni, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi” jedheen.

[49] Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namni tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufee, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi barsiisicha hin rakkisin” jedhe.

[50] Yesuus garuu yommuu dhagaʼetti Yaaʼiiroosiin, “Amani malee hin sodaatin; isheen ni fayyitii” jedhe.

[51] Inni yommuu mana Yaaʼiiroos gaʼetti Phexros, Yohannisii fi Yaaqoob akkasumas abbaa fi haadha intalattii malee akka namni tokko iyyuu isa wajjin ol seenu hin eeyyamne.

[52] Kana irratti namoonni hundinuu isheef wawwaachaa, faarsaas turan. Yesuus garuu, “Hin booʼinaa; isheen ni rafti malee hin duuneetii” jedhe.

[53] Isaan immoo akka isheen duute waan beekaniif isatti kolfan.

[54] Inni garuu harka ishee qabee, “Intala ko, kaʼi!” jedhe.

[55] Hafuurri ishees ni deebiʼe; isheenis yommusuma kaatee dhaabatte. Ergasii Yesuus akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.

[56] Abbaa fi haati ishees ni dinqifatan; inni garuu akka isaan waan taʼe sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.

Wangeela Luqaas — Chapters