[1] Gaaf tokko utuu Yesuus mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisuu, utuu wangeelas lallabuu luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa maanguddoota wajjin gara isaa dhufan.
[2] Isaanis, “Ati akka taayitaa maaliitiin waan kana hojjettu nutti himi. Eenyutu taayitaa kana siif kenne” jedhan.
[3] Innis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo natti himaa:
[4] Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe?”
[5] Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata.
[6] Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoonni hundinuu akka Yohannis raajii taʼe waan amananiif dhagaadhaan nu tumu.”
[7] Kanaaf isaan, “Inni eessaa akka dhufe nu hin beeknu” jedhan.
[8] Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan waan kana hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.
[9] Innis akkana jedhee fakkeenya kana namootatti himuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbatee, qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqee yeroo dheeraa ture.
[10] Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka isaan ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa kennaniif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Qottuuwwan sun garuu tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.
[11] Innis garbicha biraa ergate; isaan garuu isas tumanii, qaanessaniis harka duwwaa of irraa isa deebisan.
[12] Amma illee garbicha sadaffaa ergate; isaan immoo isas madeessanii gad isa darbatan.
[13] “Ergasii abbichi iddoo dhaabaa wayinii, ‘Maal gochuu naa wayya? Kaʼeen ilma koo jaallatamaa itti erga; tarii isa ni kabaju taʼaatii’ jedhe.
[14] “Qottoonni sun garuu yommuu isa arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana; kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun kan keenya taʼaatii’ jedhanii walii wajjin dudubbatan.
[15] Kanaafuu isaan iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan. “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal isaan godhinna laata?
[16] Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.” Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Waaqni waan kana hin fidin!” jedhan.
[17] Yesuusis isaan ilaalee, akkana jedhe; “Egaa inni, “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan dhagaa golee taʼeera jedhamee barreeffame maal jechuu isaati ree’ ?
[18] Namni dhagaa sana irratti kufu hundinuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”
[19] Barsiistonni seeraatii fi luboonni hangafoonni akka inni fakkeenya kana isaaniin mormuun dubbate waan beekaniif yeruma sana isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan.
[20] Jarris isa gaadaa, akka isaan waan inni dubbatuun isa qabanii dabarsanii humnaa fi taayitaa bulchaatti isa kennaniif jedhanii basaastota nama nagaa of fakkeessan ergan.
[21] Basaastonni sunis akkana jedhanii isa gaafatan; “Yaa Barsiisaa, nu akka ati waan qajeelaa dubbatuu fi waanuma qajeelaa barsiiftu, akkasumas akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiisuu malee nama wal hin caalchifne beekna.
[22] Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”
[23] Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe;
[24] “Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?” Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhanii deebisan.
[25] Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
[26] Isaanis waan inni dubbateen fuula namootaa duratti isa qabuu hin dandeenye. Deebii isaas dinqisiifatanii calʼisan.
[27] Saduuqota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan keessaa tokko tokko waa gaafachuuf jedhanii gara Yesuus dhufan;
[28] akkanas jedhan; “Yaa Barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe, akka namichi sun niitii sana dhaalee ijoollee dhalchee obboleessa isaatiif sanyii dabarsu Museen nuu barreesseera.
[29] Kunoo obboloota torbatu ture. Inni hangafni niitii fuudhee ijoollee malee duʼe.
[30] Inni lammaffaan,
[31] inni sadaffaanis ishee fuudhan; haaluma wal fakkaatuun isaan torbanuu utuu ijoollee hin dhalchin duʼan.
[32] Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
[33] Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
[34] Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namoonni addunyaa kanaa ni fuudhu; ni heerumus.
[35] Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis.
[36] Isaan waan akka ergamootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Waaqaa ti.
[37] Garuu Museen iyyuu seenaa waaʼee daggalaa keessatti akka warri duʼan duʼaa kaʼan argisiiseera; inni Gooftaadhaan, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’ jedhee waamaatii.
[38] Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti; hundinuu isaaf jiraatoodhaatii.”
[39] Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko, “Yaa Barsiisaa, dhugaa jette!” jedhanii deebisan.
[40] Namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
[41] Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isaan akkamitti Kiristoos ilma Daawit jechuu dandaʼu?
[42] Daawit mataan isaa iyyuu kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedha; “ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin akkana jedhe; “Karaa mirga koo taaʼi;
[43] hamma ani diinota kee, ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’
[44] Daawit ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
[45] Utuu namoonni hundinuu isa dhagaʼaa jiranuu, Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe;
[46] “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.
[47] Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”