[1] Gaaf tokko warri qaraxa fuudhanii fi cubbamoonni hundi Yesuusin dhaggeeffachuudhaaf isa biratti walitti qabamaa turan.
[2] Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu, “Namichi kun cubbamoota simata; isaan wajjinis ni nyaata” jedhanii guunguman.
[3] Yesuusis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime;
[4] “Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu?
[5] Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee,
[6] mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, ‘Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jedha.
[7] Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.
[8] “Yookaan mee dubartii saantima meetii kudhan qabdu jalaa tokko badeera haa jennuu; isheen ibsaa qabsiifattee, manas hartee hamma saantima sana argatutti jabeessitee hin barbaaddattuu?
[9] Isheenis yommuu argatutti michoota isheetii fi olloota ishee walitti waamtee, ‘Ani saantima koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jetti.
[10] Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif ergamoonni Waaqaa akkasuma ni gammadu.”
[11] Yesuus ittuma fufee akkana jedhe; “Namicha ilmaan lama qabu tokkotu ture.
[12] Ilmi quxisuun abbaa isaatiin ‘Yaa abbaa ko, qabeenya kee irraa qooda na gaʼu naa kenni’ jedhe. Abbaanis qabeenya isaa lamaan isaaniitiif ni hire.
[13] “Ilmi quxisuun sunis utuu hin turin waan qabu hunda walitti qabatee biyya fagoo dhaqe; achittis qabeenya isaa jireenya bashannanuu irratti balleesse.
[14] Erga inni waan hunda fixee booddee beelli hamaan biyya sanatti buʼe; innis rakkachuu jalqabe.
[15] Kanaafuu dhaqee lammiiwwan biyyasii keessaa isa tokkotti gale; namichi sunis akka inni booyyee tiksuuf lafa tikaatti isa erge.
[16] Gurbichis qola booyyeen nyaattu sana nyaatee garaa guutachuu kajeela ture; garuu namni tokko iyyuu waa isatti hin kennu ture.
[17] “Innis yommuu of beeketti akkana jedhe; ‘Tajaajiltoonni mana abbaa kootti qacaraman hammamitu buddeena gaʼee irraa hafu qaba! Ani garuu asitti beelaan nan duʼa.
[18] Ani kaʼeen abbaa kootti deebiʼee akkana jedhaan; “Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera.
[19] Siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu; tajaajiltoota kee keessaa akka isa tokkootti na ilaali.” ’
[20] Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate.
[21] “Gurbichis, ‘Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera; siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu’ jedheen.
[22] “Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dafaatii uffata uffata hunda caalu fidaa isatti uffisaa; quba isaatti qubeelaa, miilla isaattis kophee kaaʼaa.
[23] Dibicha gabbataa fidaatii qalaa; haa nyaannuu; haa gammannus.
[24] Ilmi koo kun duʼee tureetii; amma immoo jireenyatti deebiʼeeraa. Badees ture; amma immoo argameera.’ Isaanis gammaduu jalqaban.
[25] “Yeroo sanatti ilmi inni hangafti lafa qotiisaa ture; innis yeroo dhufee manatti dhiʼaatetti muuziiqaa fi sirba dhagaʼe.
[26] Kanaafuu tajaajiltoota keessaa nama tokko waamee waan taʼaa jiru gaafate.
[27] Tajaajilaan sunis deebisee, ‘Obboleessi kee galeera; abbaan kees waan ilma isaa nagaa fi fayyaadhaan argateef dibicha gabbataa qale’ jedheen.
[28] “Obboleessi hangafni garuu aaree ol seenuu dide; kanaaf abbaan isaa gad baʼee isa kadhate.
[29] Inni immoo deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe; ‘Ilaa ani waggoota kanneen hunda akkuma garbaatti siif hojjechaan ture; ajaja kee illee didee hin beeku. Ati garuu akka ani michoota koo wajjin gammaduuf takkumaa ilmoo reʼee tokko illee naa hin kennine.
[30] Garuu ilmi kee inni sagaagaltoota wajjin qabeenya kee balleesse kun deebiʼee manatti gallaan dibicha gabbataa qalteef!’
[31] “Abbaan isaas akkana jedheen; ‘Yaa ilma koo ati yeroo hunda anuma wajjin jirta; wanni ani qabu hundinuus kanuma kee ti.
[32] Garuu obboleessi kee inni duʼee ture kun waan jireenyatti deebiʼeef nu gammaduu fi ililchuu qabna. Inni badee ture; amma immoo argameera.’ ”