[1] Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe.
[2] Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame.
[3] Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe.
[4] Yoosefis manaa fi sanyii Daawit keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawit ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe.
[5] Innis kaadhima isaa Maariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe.
[6] Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe.
[7] Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
[8] Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture.
[9] Ergamaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan.
[10] Ergamaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii.
[11] Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha.
[12] Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu.”
[13] Ergamaa sana wajjinis raayyaan samii irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Waaqa galateeffachaa akkana jedhan;
[14] “Samii gubbaatti ulfinni Waaqaaf, lafa irrattis nagaan namoota inni itti gammaduuf haa taʼu.”
[15] Erga Ergamoonni tiksoota dhiisanii gara samiitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan.
[16] Isaanis dafanii dhaqanii Maariyaamii fi Yoosefin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan.
[17] Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan;
[18] warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan.
[19] Maariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte.
[20] Tiksoonnis sababii waan dhagaʼanii fi arganiitiif Waaqaaf ulfina kennaa, isa jajachaas deebiʼan; wanni hundinuu akkuma isaanitti himame sana tureetii.
[21] Innis guyyaa saddeettaffaatti, akkuma yeroon dhagna qabaa isaa gaʼeen maqaa utuu haati isaa iyyuu isa hin ulfaaʼiniin dura ergamaan Waaqaa isaaf baaseen Yesuus jedhamee moggaafame.
[22] Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan.
[23] Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.”
[24] Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama” aarsaa dhiʼeessuu dhaqan.
[25] Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture.
[26] Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Kiristoos Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture.
[27] Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Yesuus yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Yesuus mucicha baadhatanii ol seenanitti,
[28] Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Waaqa galateeffate:
[29] “Yaa Gooftaa, akkuma dubbii keetiitti, ati garbicha kee amma nagaan geggeessis.
[30] Iji koo fayyina kee isa ati
[31] saba hundumaa duratti qopheessite argeera;
[32] innis mulʼata Namoota Ormaatiif ifa; saba kee Israaʼeliif immoo ulfina.”
[33] Abbaa fi haati isaas waan waaʼee isaa dubbatame sana ni dinqifatan.
[34] Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Maariyaamiinis akkana jedhe; “Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera;
[35] kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana.”
[36] Gosa Aasheer keessaas raajittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte;
[37] isheenis hamma umuriin ishee waggaa 84 guuteetti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte. Utuu mana qulqullummaatii hin dhabaminis soomaa fi kadhannaadhaan halkanii guyyaa waaqeffachaa turte.
[38] Yeruma sanas isaanitti dhiʼaattee Waaqaaf galata galchite; warra furama Yerusaalem eeggachaa turan hundattis waaʼee daaʼima sanaa odeessite.
[39] Yoosefii fi Maariyaamis waan seerri Gooftaa ajaju hunda raawwatanii gara Galiilaatti gara magaalaa isaanii Naazreetitti deebiʼan.
[40] Mucichis guddatee jabaachaa deeme; ogummaadhaanis ni guutame; ayyaanni Waaqaas isa irra ture.
[41] Abbaa fi haati isaa wagguma waggaan Ayyaana Faasiikaatiif jedhanii Yerusaalem dhaqaa turan.
[42] Yommuu umuriin mucaa sanaa waggaa kudha lama guutettis akkuma sirna Ayyaanichaatti Yerusaalemitti ol baʼan.
[43] Erga ayyaanichi raawwatee booddee utuu abbaa fi haati isaa gara mana isaaniitti deebiʼaa jiranuu, Yesuus mucichi Yerusaalemitti isaan biraa hafe; isaan garuu waan kana hin hubanne.
[44] Isaanis waan inni miiltoo isaanii wajjin jiru seʼanii guyyaa tokko deeman. Ergasiis firoota isaaniitii fi michoota isaanii keessa isa barbaaduu jalqaban.
[45] Yommuu isa dhabanittis, isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebiʼan.
[46] Guyyaa sadii booddee utuu inni barsiistota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu, gaaffiis isaan gaafatuu mana qulqullummaa keessatti isa argatan.
[47] Warri isa dhagaʼan hundinuus hubannaa isaatii fi deebii inni kennu ni dinqifatan.
[48] Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, “Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!” jetteen.
[49] Innis deebisee, “Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?” isaaniin jedhe.
[50] Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne.
[51] Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte.
[52] Yesuusis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.