Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:37

[1] Waaqaa fi Yesuus Kiristoosii worra jiruu fi worra du’elle’etti muru’uuf jiru duratti, deebi’ee dhufiisaa fi mootummaa isaa yaadataa jabeessee si gorsa.

[2] Jecha Waaqaa lallabi; yennaan toltulle, toluu dhabaattulle qophayi; ossa gudda’aan namoota balleessanu sirreessaa, xixaa, jajjabeessaa barsiis.

[3] Yennaan namooti barsiisa sirrii te’e dhage’uu jibbanu hin dhutti; isaan barsiisota hedduu ta akka fedhii isaaniititti, waan gurra isaaniitiif tolu isaan barsiittu wolitti raratan.

[4] Isaan dubbii dhuga’aa dhage’uu didanee, gurra ifii gara oduu durii deebifatan.

[5] Ati ammoo haala mara keessatti ititi; rakkoo ossadhu; hujii lallaba Oduu Gammadaa huji; hujii itti ergante mara muummessi.

[6] Ani akka dhibaayyu’uu dhibaafamuu geyeera; yennaan ani du’u geetteerti.

[7] Ani akka dansaa wodhaantoo qabadheera; doggommii tiyya fixadheera; dhugeeffannaa tiyyalle eegadheera.

[8] Yoona ammaa achi badhaas balchumma’aa anaaf qophoyeera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi anaaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te’in, worra deebi’ee mudhinnaan dhufa isaa dharra’aan eegatu duudi’iif hin kenna.

[9] Ariiti’iin akka teete te’ii koyi.

[10] Sababille Deemaas biyya lafaa tana jaalatee, ana lakkisee gara qachaa Tasalonqe’ee dhaqeera. Kiresqes biyya Galaatiya’aa, Tiitoos ammoo biyya Dalmaatiya’aa dhaqeera.

[11] Luqqaas qofattuu ana bira jira. Maarqoos huji’iin waan ana qarqaaruu dande’uuf, yennaa dhuttu isa fidii koyi.

[12] Xikiqoos ammoo gara qachaa Efesoonii ergeera.

[13] Yennaa dhuttu gorfa ani Kaarphoos biratti Xiro’aasitti lakkise, kitaabota mara’aalle, keessattuu ka gogaa duugama’aan hujame anaaf fidi.

[14] Iskindiriin sibiila tumu akka malee na miidhe; Goottaan akkuma hujii isaatitti isaaf hin kenna.

[15] Inni dubbii teenna jabeessee waan mormeef, atille isa irraa ifi eegadhu.

[16] Ani waan itti himataameef yennaa ani guyyaa qaraa dhiyaadhee falmadhe, duudiinuu na lakkisane malee, nami tokkolle ana qarqaariisaaf hin dhunne. Tun isaanitti hin laakkowamin!

[17] Ammoo ergaan isaa guutuun karaa kiyyaan lallabantee worri Yihudoota hin te’in duudiin akka dhage’anu, Waaqi cinaa tiyya dhaabbatee hunna anaaf kenne. Afaan neenqaa irralle’ee na hambure.

[18] Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubba’aa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te’u! Ameen.

[19] Phirisqiilaa, Aqiila’aa fi worra mana oneesiforosiititti nageya naa himi.

[20] Erasxoos Qorontoositti hafe; Xirofimoosille waan dhibameeruuf ani qachaa Miilexoosiititti isa lakkise.

[21] Adoo ganni hin dhufin akka teete te’ii koyi. Yubuloos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiya’aa fi dhugeeffattooti dhiibiille nageya sii dhamaneeran.

[22] Goottaan ayyaana keeti woliin jiraatu. Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu. Ergaa PhawuloosGara Tiitoosii Erge

2 Ximootewoosii — Chapters