Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:11

[1] Ilma kiyya Ximootewoos, yoona badhaadha Yesuus Kiristoosiin dhaggamutti jabaadhu.

[2] Dhugaa baatota hedduu duratti waan ana irraa dhageette, namoota dhibii barsiisiisaaf worra dandeettii qabu, worra addatama’atti magannee kenni.

[3] Akka loltuu dansaa Yesuus Kiristoosiititti, rakkoo nu woliin fudhadhu.

[4] Nami hujii loltumma’aatiin tajaajilu tokko, ajajaa ifii gammachiisiisaaf mixiixxata malee, hujii dhibi’iin ifi hin hidhu.

[5] Akkasuma nami rukke’een doggomu tokko, akka seeraatitti yoo doggome malee, badhaasa injifanno’oo hin dhaggatu.

[6] Qotee bulaan eloyee huju qooda midhaan sanii qara dhaggatuu qaba.

[7] Goottaan waan duudi’iin hubantii waan sii kennuuf, waan ani jedhu qalbeeffadhu.

[8] Akkuma ani Oduu Gammadaa keessatti lallabe, Yesuus Kiristoosii du’a keessaa ka’e, ka sanyii Daawwittii keessaa dhalate, qaabbadhu.

[9] Ani Oduu Gammadaa waan lallabeef akka yakkaamessaa hidhameelle rakkataa jira. Jechi Waaqaa ammoo hin hidhamu.

[10] Tanaaf, worri fooyame fayyinnaa fi ulfinna bara baraa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufu akka dhaggatuuf jedhee waan duuchii hin ossadha.

[11] Dubbiin, «Isa woliin yoo duune, isa wolille’een jiraanna.

[12] Yoo ittuma ossine isa woliin hin moona. Yoo isa mormanne, innille nu hin mormata.

[13] Yoo nuuti addatamuu dhanne, inni waan ifi hin mormanneef, addatamee jiraata» jettu tun dhuga’a.

[14] Waan kana isaan yaadachiis, akka jechoota irratti wol hin mormine Waaqa duratti isaan seeri. Wonni kun worra dhage’u balleessiti malee, dansa’aa moti.

[15] Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri’itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu.

[16] Dubbii Waaqi ittiin hin ulfaannee fi marii gowwittii, ta Waaqa irraa nama fageessitu irraa fagaadhu.

[17] Barsiis akkasii akka madaa foon nyaattee badhataa deentuu ti. Himnewoosii fi Filexoos worra dubbii akkasii dubbatane keessa jiran.

[18] Isaan karaa dhuga’aa lakkisanee, du’aa ka’uun kanaan dura teeteerti jedhaa dhugeeffannaa worra gari’ii balleessaaran.

[19] Teetuu malee hundeen Waaqi keye hin lellexxu; isii irratti, «Goottaan worra isaa ka te’e hin beeka», ammalle «Nami maqaa Gootta’aa wamuu duudiin hammeenna irraa deebi’uu ti» ta jettu barreeffanteerti.

[20] Mana guddaa tokko keessa meyi worqii irraa yookiin meetii irraa hujame callaa adoo hin te’in, meyi muka irraa yookiin faara irraa hujame hin jiraata; meyi kun gariin ulfinnaaf, kuun ammoo tajaajila ulfinna hin qanneef te’a.

[21] Yoona worri waan hantuu duudii irraa ifi qulleessu, waan ulfinnaatiif te’a; sababille isaan fooyamanee, Goottaa isaaniitiif ka bu’aa qabanu waan te’aneef, hujii dansaa duudi’iif qophowaneeran.

[22] Halchaa badduu dargaggumma’aa irraa baqadhu; worra gadhaa qullu’uun Goottaa waammatu woliin balchumaa, dhugeeffannaa, jaalalaa fi nageya hordof.

[23] Moromaan gowwittiin bu’aa hin qanne lola akka fiddu waan beettuuf, irraa ifi eegadhu.

[24] Tajaajilaan Gootta’aa ka lolu te’uu hin qabu. Inni nama duudi’iif arjaa, dansa’aa fi barsiisaa ossataa te’uu qaba.

[25] Worra isa mormulle gadhi-laafinnaan gorsuu qaba. Akka isaan cubbuu irraa deebi’anee dhugaa beekanu, Waaqi carraa isaanii hin kenna fa te’a.

[26] Yoo san isaan qalbii ifiititti deebi’anee, tiyyoo Seexanaa ta isaan qaddee fedha isaatiif akka ajajamanu goote jalaa hin bayan.

2 Ximootewoosii — Chapters