Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:57

[1] Guyyoota muume’eetitti yennaan rakkittu akka dhuttu beeki.

[2] Namooti ka mataa ifii jaalatanu, ka beesee jaalatanu, ka ifi saadanu, kijiboota, ka nama arrassanu, ka worra ifiitiif hin ajajanne, ka galata hin qanne, ka woyyummaa hin qanne,

[3] ka jaalala hin qanne, ka hin araaranne, ka maqaa namaa balleessanu, ka ifi hin qabanne, ka gadhaa jabaatanu, ka waan dansaa jibbanu,

[4] ka dabarsanee nama kennanu, jajjartoota, ka ana malee jedhanu te’an; isaan Waaqa caalaa gammada jaalatan;

[5] isaan dugeeffannaa waan qabanu fakkaatan, ammoo hunna isi’ii mormataneeran. Worra akkasii irraa ifi eegadhu.

[6] Isaan keessaa gariin gara mana namaa dhaqaa, dubartoota dadhadduu ta cubbuun irratti tuulantee, halchaa gara garaatiin asii fi achi oofantu, hin qabatan.

[7] Dubartiin akkasii yennaa mara hin baratti, ammoo ijjumaayyuu dhugaa beekiisa bira hin geettu.

[8] Akkuma Yaaneesii fi Yaamberes Muuse’een mormane, kolbaan qalbii isi’ii baddee fi dhugeeffannaa irraa jidde tun dubbii dhuga’aa mormiti.

[9] Gowwummaan Yaaneesiitii fi Yaamberesii, nama duudi’itti akkuma beekkante, ta isaaniille nama duudi’itti waan beekkantuuf isaan ur hin geyanu.

[10] Ati ammoo barsiisa kiyya, adaba kiyya, akeeka jiruu tiyyaa, dhugeeffannaa tiyya, ossata kiyya, jaalala kiyya, fi ciniinnadhee ossatuu kiyya hin beetta.

[11] Miidha’aa fi rakkoo tiyya, ta Anxokiya’atti, Iqoniiyumii fi Lisxira’atti ana dhaqqadde mara ossatuu kiyya hin beetta. Goottaan ammoo san duudii jalaa ana hanbure.

[12] Akkasuma nami karaa Yesuus Kiristoosiitiin nama Waaqaa te’ee le’uu fedhu duudiin hin miidhadhama.

[13] Worri hama’aa fi malaan nyaattuun worra dhibii dokonkorsaa ifille’eef dokonkoraa, hammeenna irraa gara hammeennaa ittuma deeman.

[14] Ati ammoo waan barattee jabeessitee itti dhugeeffatte, eennuu fa’a irraa akka baratte waan beettuuf itti jabaadhu.

[15] Ati Barreeffama Woyyicha, qarooma Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan fayyinni ittiin dhaggamu si’iif kenniisa dande’u ijoollummaa teetiin jalqaddee beetteetta.

[16] Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa.

[17] Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophoye akka te’u godha.

2 Ximootewoosii — Chapters