Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:14

[1] Ana Phawuloosii, waadaa jiru’uu ka Yesuus Kiristoosiin kenname akka himuuf, fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te’e irraa,

[2] ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif: Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadha, mararti’ii fi nageya siif kennu.

[3] Ani yennaa maraa daadimata kiyya ka halkaniif fi guyya’aa keessatti yennaa si qaabbadhu, Waaqa akkuma abbootii tiyyaa wodanaa qullu’uun tajaajilu hin galateeffadha.

[4] Imimmaan teeti qaabbataa, akka gammadaan guutamu, si dhaggiisaaf guddoo barbaada.

[5] Dhugeeffannaa dhuga’aa ta ati qaddu hin qaabbadha; dhugeeffannaa akkasii akkoon teeti Lo’isii fi haati teeti Ewuniiqeen hin qabaniiyyu. Akka atille qaddu hubadheera.

[6] Tanaaf kennaa Waaqi yennaa ani harka kiyya mataa keeti irra keye siif kenne, tuxxee akka gabbittu si qaabachiisa.

[7] Ayyaanni Waaqi nu’uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu’uuti malee, Ayyaana soda’aatii moti.

[8] Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif ana woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin.

[9] Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te’in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu’uun dura kara Kiristoosiitiin nu’uuf kenname.

[10] Amma ammoo karaa dhufiisa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii du’a balleessee, karaa Oduu Gammadaatiin jiru’uu fi badii irraa hafuu, gara ifaa fideetiin, nutti mudhiffameera.

[11] Ani Oduu Gammadaa tanaaf lallabaa, ergama’aa fi barsiisaa te’ee filameera.

[12] Ani tanaaf rakkatiisatti jira. Ammoo eennutti akka dhugeeffadhe waan beekuuf isatti hin fokkifadhu; akkasuma waan maganne’een anatti kenname, haga guyyaa sanii akka inni eeguu dande’u addadheera.

[13] Barumsa fayyaalessa akka fakkeennaatitti hordofiisaaf ana irraa baratte, dhugeeffanna’aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu.

[14] Waan dansaa maganne’een sitti kenname san, hunna Ayyaana Woyyicha nu keessa jiruutiin eegi.

[15] Worri biyya Asiya’aa keessa jiru duudiin, Fiigelosii fi Heromogenesis fa’alle akka ana bagane hin beetta.

[16] Oneesiforos yennaa hedduu waan na jajjabeesseef, Goottaan maatii isaatiif mararuu ti. Inni ani waan hidhameef hin fokkifanne;

[17] ammoo akkuma biyya Rooma’aa geyeen, asii fi achi barbaadee ana dhagge.

[18] Guyyaa muumme’ee san Goottaan marartii isaaf godhu. Biyya Efesooniititti attam akka inni anaaf ergame atinuu akka dansaa beetta.

2 Ximootewoosii — Chapters