Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:35

[1] Phawuloos, Sillaasii fi Ximootewoos biraa, wolde’a kiristaanaa ka Waaqa Abbaa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf:

[2] Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos nageyaa fi badhaadha isiniif kennu.

[3] Obboleyyan tiyya! Nuuti marroo teessaniif yennaa mara Waaqa galateeffatiisa qanna. Dhugeeffannaan teessan akka malee guddataa, jaalaltiin isin woliif qaddanulle ittuma waan dabalamiisatti jirtuuf, akkas tolchuun keenna sirri’i.

[4] Tanaaf miidha’aa fi rakkoo isin dhaqqadde duudii keessatti waan ossattanee fi dhugeeffanna’aan jabaattaneef, nuuti wolde’ota kiristaanaa, ka Waaqaa keessatti isiniin ifi jajanna.

[5] Wonni kun maraa, muraan Waaqaa qajeeltuu akka teetee fi isinille mootummaa Waaqaa ta rakkatiisatti jirtanuuf, ka maltane akka te’uuf jirtanu mirkaneessa.

[6] Waaqi waan sirrii te’e huja; inni worra isin rakkisutti rakkoo fida.

[7] Isin worra amma rakkatiisatti jirtanu, Yesuus ergantoota ifii hunnaameyyii woliin ol-gubbaa irraa yennaa mudhatu nu woliin tana jalaa isin baasa.

[8] Inni ibidda bobe’uun mudhata; gaafa san worra Waaqa hin beennee fi Oduu Gammadaa ta Goottaa keenna Yesuusiitiif hin ajajane hin adaba.

[9] Isaan fuula Gootta’aatii fi ulfinna hunna isaa irraa gargar bayanee, badii bara baraatiin adabaman;

[10] tun guyyaa inni woyyoota ifii irraa ulfinna dhaggatiisaa fi worra dhugeeffatu duudii biralle’etti baaseffatamiisaaf dhufutti teeti. Isinille dhugaa baya teenna waan dhugeeffattaneef, woyyoota isaa woliin laakkowantan.

[11] Waaqi keenna worra waamicha isaatiif male akka isin godhuuf, waan dansaa godhiisaaf halchaa qaddanuu fi hujii dhugeeffannaa teessanii mara hunna ifiitiin akka muummessuuf, nuuti yennaa mara isiniif daadimanna.

[12] Akkasuma maqaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isiniin akka ulfaatuu fi isinille karaa badhaadha Waaqa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitin, akka isaan ulfaattanuuf daadimanna.

2 Tasalonqe’ee — Chapters