Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:51

[1] Muummeffata irratti, obboleeyyan teenna! Jechi Gootta’aa wodhakkaa teessanitti akkuma te’e, ariifatee akka badhatuu fi ulfaatu nu’uuf daadimadha’a.

[2] Ammalle worri hedduun dhugeeffannaa waan hin qanneef, harka namoota yakkaameeyyi’iitii fi dabaaleyyi’ii irraa akka inni nu baasu nu’uuf daadimadha’a.

[3] Goottaan ammoo addatama’a; inni isin jajjabeessee, waan hantuu irraa isin eega.

[4] Waan isinitti hinne akka hujaartanuu fi gara duraallee ittuma akka hujjanu Gootta’atti addii qanna.

[5] Goottaan gadhaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara ciniinnatee ossiisa Kiristoosii isin qajeelchuu ti.

[6] Obboleeyyan teenna! Kiristaana harka maratee tee’uu fi akka barsiisa nu’u irraa fudhatetti hin leene irraa akka fagaattanu, maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya.

[7] Nuuti yennaa isin bira turre harka marannee hin teenne. Fakkeenna keenna fudhatiisa akka maltane isinuu miidhaassitanee hin beettan.

[8] Nuuti nama tokkolle’etti ba’aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa eloonnee hunye malee, sagalee nama tokkoollee akkasumaan hin nyaanne.

[9] Wonni nuuti tana gooneef fakkeenna keenna akka fudhattanuuf malee, waan nu’uuf barbaachisu isin irraa dhaggatiisaaf baallii dhanneetii moti.

[10] Nuuti yennaa isin bira jirru, «Nami hujiisa jibbu hin nyaatin» jennee ajaja isiniif kennineerra.

[11] Isin keessa worri gariin ka harka maratee tee’u akka jiru waan dhageenneef tana jenna; isaan waan isaan hin galchine keessa galan malee, hujii tokkolle hin hujanu.

[12] Namooti akkasii, miiranee akka hujatanuu fi waan ittiin bulanu akka dhaggatanu maqaa Goottaa Yesuusiitiin isaan ajanya; hin gorisinalle’e.

[13] Obboleyyan tiyya! Isin ammoo waan dansaa hujiisa hin dadhabiina’a.

[14] Ergaa nuuti xalayaa kana keessatti isiniif ergineef, nami hin ajajanne yoo jiraate, hubadha’aa beeka’a; akka inni qaanowuufille waan tokkolle isa woliin hin tolchina’a.

[15] Teetuu malee akka obboleesaatitti itti gorsa’a malee, akka diinaatitti hin laakkoyina’a.

[16] Goottaan abbaan nageyaa, yennaa mara karaa maraan, inninuu nageya isiniif kennuu ti. Gottaan isin mara woliin jiraatu.

[17] Ani Phawuloos harkuma kiyyaan nageya kana barreesse. Beessis ergaa tiyya mara keessatti dhaggamu kana; akki ani barreessulle akkana.

[18] Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu.

2 Tasalonqe’ee — Chapters