Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:01

[1] Obboleeyyan tiyya! Marroo dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi marroo isa woliin wolitti qabamiisa keennaa akka beettanuuf, waan isin kadhannu qanna:

[2] raagaan yookiin jechaan akka himametti, yookiin akka ergaa nu’u irraa isiniif barreeffantee gootanee «Guyyaan Gootta’aa dhiyaateera» jedhaa dattanee yaadaan hin raafamina’a, yookiin rifatina’a.

[3] Finqilli adoo hin ka’in dura jallichi ilmi badi’iille adoo hin mudhatin guyyaan sun waan hin dhunneef, nami tokkolle karaa kamiinuu isin hin wollalchisin.

[4] Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille’een, «Ani Waaqa» jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa.

[5] Ani yennaa isin woliin jiru waan kana duudii akka isinitti hime hin qaabattanuu?

[6] Yennuma isaatitti akka inni mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan.

[7] Hunni dhossa’aa ta jallu’uu ammumaa hujiisatti jirti; ammoo wonni amma isa dhooggu haga karaa irraa kaatutti wonni sila te’uu malte hin teetu.

[8] Achiin duuba jallaamessi sun hin mudhata; Goottaan Yesuus hafuura afaan ifiitiin isa ijjeessee, ulfinna deebi’ee dhufiisa ifiitiin isa balleessa.

[9] Jallaamessi sun hunna Seexanaatiin bilbaasota, beessisaa fi baasota dharaa duudii hujaa dhufa.

[10] Akkasuma isaan waan hantuu mara hujiisaan worra badu gowwoonsan. Isaan dhugaa isaan fayyittu jaalatanee fudhatuu waan didaneef badan.

[11] Tanaaf waan dhugaa hin te’in akka dhugeeffatanuuf, Waaqi hunna isaan wollalchittu isaanitti erga.

[12] Worra hantu’utti gammadee dhuga’atti hin dhugeeffanne duudi’itti akka murantuuf, wonni kun teete.

[13] Obboleeyyan Gootta’aan jaalatantane, Ayyaanaan kolbaa woyyittii isaa teetanee, dhuga’atti dhugeeffatiisaan akka fayyitanuuf Waaqi worra jalqabaa godhee waan isin fooyateef, yennaa maraa marroo teessaniif, nuuti Waaqa galateeffatiisa qanna.

[14] Ulfinna Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii akka dhaggattanuuf, karaa Oduu Gammadaa ta nuuti lallannuutiin Waaqi isin waameera.

[15] Yoona obboleeyyan teenna, jabaadha’aa dhaabbadha’a; barsiisa jecha afaaniitiin yookiin ergaa barreeffamaan nu biraa isiniif ergantelle jabeessa’aa qabadha’a.

[16] Amma Goottaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Waaqi Abbaan keenna ka nu jaalatee, badhaadha ifitiin jajjabeenna bara baraatii fi addii jadduu nu’uuf kenne,

[17] waan dansaa mara akka gootanuu fi akka dubbattanu gadhaa keessan jajjabeessee, isin jabeessa.

2 Tasalonqe’ee — Chapters