Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:36

[1] Obboleeyyan tiyya! Marroo baraa fi yennaa wonni kun itti teetuu isiniif barreessuun hin barbaachisu.

[2] Guyyaan Gootta’aa akka hattuu halkaniin dhuttuu akka dhufu isinuu akka dansaa beettan.

[3] Namooti, «Wonni duudiin nageya, qabbana» adoo jedhanuu, akkuma ciniinissuun dubartii ulfaatitti dhuttu, badiin tasa isaanitti dhutti; ijjumaa jalaa hin bayanu.

[4] Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattu’uu isinitti hin dhufu.

[5] Isin duudiin ijoollee ifaatii fi guyya’aati. Nuuti worra halkanii yookiin worra dukkanaatii moti.

[6] Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuuti malee, akka worra dhibi’ii mee rannuu ti.

[7] Worri rafu halkan rafa; worri machowulle halkan machowa.

[8] Nuuti ammoo worra guyya’aa waan teeneef, ifi qabannee hagatti leenuu ti; dhugeeffanna’aa fi jaalala akka qomoo sibiilaa, addii fayyinnaalle akka gullee sibiilaa keyannuu ti.

[9] Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi’iif nu hin waanne.

[10] Nuuti jiraannulle yookiin duunulle isa woliin akka jiraannuuf, Kiristoos nu’uuf du’e.

[11] Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara’a.

[12] Obboleeyyan tiyya! Worra odduu teessanitti jabaatee hujaa, karaa Gootta’aatiin isin sooressuu fi gorsu akka ulfeessitanu isin kadhanna.

[13] Sababa hujii isaan hujanuutiif jaallaan guddisa’aa isaan ulfeessa’a. Isinille woliif nageya qabaadha’a.

[14] Obboleeyyan tiyya! Worra hujii jibbu akka xixxanu, worra yaraa akka jajjabeessitanu, worra dadhabaa akka qarqaartanu, nama maraaf akka ossattanu isin gorsina.

[15] Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi’iif dansaa godhiisaaf yaadadha’a malee, nami tokkolle waan hantu’uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha’a.

[16] Yennaa mara gammada’a;

[17] yennaa mara daadimadha’a;

[18] waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha’a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana.

[19] Ayyaana Woyyicha hin ukkaansina’a;

[20] jecha raagaa hin tuffatina’a;

[21] ammoo waan maraa qorqora’aa ilaala’a; waan dansaa qabadha’a;

[22] waan hantuu duudii irraa fagaadha’a.

[23] Waaqi Abbaan nageyaatuu, guutumatti isin woyyoonsu; ayyaanni keessan, lubbuun teessanii fi nafi keessan duudiin komii malee, guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif eegamu.

[24] Ka isin waame addatamaa waan te’eef, inninuu tana hin godha.

[25] Obboleeyyan tiyya! Nu’uufille daadimadha’a.

[26] Sunqata woyyichaan dhugeeffattoota duudii nageya fuudha’a.

[27] Ergaa tana akka dhugeeffattoota duudi’iif dubbittanu maqaa Gootta’aatiin magane’e isiniin jedha.

[28] Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.

1 Tasalonqe’ee — Chapters