Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:17

[1] Phawuloos, Silwaanoosii fi Ximootewoos biraa, wolde’a kiristaanaa, ka Waaqa Abba’aatii fi Goottaa Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf: Badhaadhaa fi nageenni isiniif te’u.

[2] Nuuti daadimata keenna keessatti isin qaabataa, yennaa duudii marroo isin maraatiif Waaqa galateeffanna.

[3] Waaqa Abbaa keennaa duratti hujii dhugeeffannaa teessanii, jaalalaaf jettanee attam akka dadhaddanee fi addiin isin Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti qaddanu attam jadduu akka teete hin qaabbanna.

[4] Obboleeyyan tiyya, akka Waaqi isin jaalatee isin fooyate hin beenna.

[5] Oduun Gammadaa ta nuuti isiniif lallanne hunnaan, Ayyaana Woyyichaa fi mirkaneeffata guutu’uun malee, oduu calla’aan gara keessan hin dhunne. Yennaa isin woliin turre, isiniif jennee attam akka leene hin beettan.

[6] Isin guddoo rakkattanulle, ergaa Ayyaana Woyyicha irraa dhutte gammadaan fudhattanee, nu’uu fi Goottaa keenna fakkaattaneertan.

[7] Maarre isin dhugeeffattoota Maqedooniya’aa fi Akaayyaa keessa jirtu duudi’iif fakkeenna teetaneertan.

[8] Dubbiin Gootta’aa ta isin biraa kaate, Maqedooniya’aa fi Akaayya’atti dhage’amuu callaa adoo hin te’in, dhugeeffannaan isin Waaqatti qaddanu addee mara dhaqqaddeerti. Tanaaf marroo waan kanaa womaa dubbatiisa nu hin barbaachisu.

[9] Yennaa nuuti gara keesan dhunne attam akka nu fudhattane, Waaqa jiraata’aa fi dhugicha tajaajiliisaaf, waaqota dharaa irraa deebitaanee, gara Waaqaa attam akka deebitane isaanuu hin himan.

[10] Akkasumaa isaan Ilma isaa Yesuus, ka ol-gubbaa irraa dhufu, ka inni du’a keessaa kaase, ka mufii Waaqaa ta dhuttu jalaa nu baasu akka eegattanu hin himan.

1 Tasalonqe’ee — Chapters