Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:04

[1] Muummee irratti, obboleeyyan tiyya, Waaqa gammachiisiisaaf attam akka leetanu nu irraa barattaneertan. Ammaa tana dhugumaan akka san le’iisatti jirtan; tana caalaale akka gootanu, maqaa Goottaa Yesuusiitiin isin kadhataa isin gorsina.

[2] Nuuti baallii Goottaa Yesuusiitiin ajaja isinii kennine hin beettan.

[3] Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyontanu fedha.

[4] Nami duudiin haadha manaa woyyumma’aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti.

[5] Akka worra Yihudoota hin te’inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin.

[6] Nami tokkolle waan kana irra taree dhugeeffataa dhibii hin yakkin. Akkuma tanaan qara isin ifi eegachiinne, worra waan kana godhu Goottaan hin adaba.

[7] Waaqi woyyumma’aan akka leenu malee, akka battumma’aan leenuuf nu hin waanne.

[8] Tanaaf, nami barsiisa kana tuffatu, nama adoo hin te’in, Waaqa Ayyaana Woyyicha ifii isiniif kennu tuffata.

[9] Marroo wol jaalatiisaa isinuu Waaqa irraa waan barattaneef attam akka wol jaalattanu barreesiisa hin barbaachisu.

[10] Isin dhugumaan dhugeeffattoota biyya Maqedooniya’aa keessa jirtulle duudii jaalattan. Maarre obboleeyyan tiyya, kana caalaalle akka jaalattanu isin gorsina.

[11] Akkuma tanaan dura isinitti hinne sirnaan le’iisaaf, haajaa keessan baafatiisaa fi harkuma keessaniin hujatiisa yaada qabaadha’a.

[12] Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu.

[13] Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du’ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna.

[14] Yesuus du’ee, du’a keessaa akka ka’e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du’e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna.

[15] Akka barsiisa Gootta’aatitti waan isinitti hinnu qanna: nuuti worri guyyaa Goottaan deebi’ee dhufu adoo hin dui’in jirru, worra du’eeru hin dursinu.

[16] Qoonqoo ajaja gudda’aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du’e, dursee hin ka’a;

[17] achiin duuba nuuti worri adoo hin du’in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta’aan wolde’iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraallee Goottaa woliin leena.

[18] Tanaaf jecha kanaan wol jajjabeessa’a.

1 Tasalonqe’ee — Chapters