Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:28

[1] Goottolle’e! Isinille ol-gubba’atti Goottaa akka qaddanu beeka’aatii, tajaajiltoota teessan qajeelumma’aa fi wol qixxumma’aan bulcha’a.

[2] Waaqa jabaattanee galateeffatiisaan, adoo addaan hin kutin daadimadha’a.

[3] Akkasuma dhossaa Kiristoosii, ka ani marroo isi’iitiif hidhamee jirulle lallabiisaaf akka dandeennu, Waaqi ergaa ifiitiif akka karaa nuu banu daadimadha’a.

[4] Anille akka maltetti ifa tolchee ergaa isaa akka dubbadhu anaaf daadimadha’a.

[5] Yennaa daguu teete maratti fayyadamaa, worra hin dhugeeffanne biratti qaroomaan le’a.

[6] Nama tokko tokkoofuu deebii malte deebisiisa akka beettanu, haasonni keessan yennuma maraa ka gurratti toluu fi ka akka sooddaa mi’awu te’uu ti.

[7] Tikiqoos, marroo waan kiyyaa waan mara isinitti hin hima; inni tajaajilaa addatama’aa fi lansa kiyya ka hujii Gootta’aa ana woliin huju.

[8] Akka inni marroo teenna isinitti himuu fi gadhaa keessan jajjabeessuuf, isa gara keessan erge.

[9] Isa wolille’een nama keessan ka te’e, obboleessi addatama’aa fi jaallatamaan Oneesimoos gara keessan hin dhufa; isaan waan asitti te’iisatti jiru duudii isinitti hin himan.

[10] Arisxaarkosiin ana woliin hidhameeru nageya isiniif dhaama. Durriin Baarnaabaasii Maarqoosiin ani duraan, «Yennaa inni gara keessan dhufe fudhadha’a jedhee isin yaadachiiselle» nageya isiniif dhaama.

[11] Yoshu’aan Yusxos jedhamulle nageya isiniif erga; worra marroo mootummaa Waaqaatiif ana woliin huju keessaa, worri Yihudootaa kana qofa; isaan analle jajjabeessaneeran.

[12] Akkasuma Ephafraasiin nama keessan te’e, tajaajilaan Kiristoos Yesusii nageya isiniif erga; jiruu ayyaanaatiin guddatiisaan jabaattanee, akka dhaabbattanuu fi fedha Waaqaa mara akka muummessitanu, inni yennaa mara isiniif jabaatee daadimata.

[13] Inni isinii fi worra qachoota Laa’odiiqeya’aatii fi Heraapholisii keessa jiruuf guddoo akka eloye aninuu dhugaa hin bayaaf.

[14] Cidheessi jaallatamaan Luqaasii fi Deemaas nageya isiniif dhaaman.

[15] Obboleeyyan Laa’odiiqeyaa keessa jirtu Niimfa’aa fi wolde’a kiristaanaa ka mana isi’iititti wolitti qabamuuf nageya naa hima’a!

[16] Xalayaa kana ifii dubbiffattaneen duuba, wolde’a kiristaanaa ka Laa’odiiqeyaa keessa jirulle’etti akka dubbifamu godha’a. Isinille xalayaa Laa’odiiqeyaa irraa ergamu dubbifadha’a.

[17] Arkiphosille’een, «Hujii karaa Goota’aatiin fudhatte san akka muummessitu te’i» jedha’aa naa hima’a.

[18] Ani Phawuloos nageya kana harkuma kiyyaan isiniif barreesse; akka ani wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiru yaadadha’a! Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.

Qolosaayisii — Chapters