Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:27

[1] Eega Kiristoos nafa ifiitiin rakkate, isinille akka nama meya woraanaa hidhatee yaada kanaan jabaadha’a; sababille nami nafa ifiitiin rakkatu cubbuu dhiiseera.

[2] Haganaa achi bara le’ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te’in akka fedhii Waaqaa le’uu qaba.

[3] Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudooota hin te’in huju: baalagumma’aan, halchaa baddu’uun, machi’iin, akka malee nyaataa caaqu’uun, akka malee uniisaa fi waaqeffannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu’uun dabarsitane hin geya.

[4] Amma lansooti teessan ta durii waan isin isaan woliin samaamuruu dhaddaneef maadeffatanee, isin arrassan.

[5] Isaan ammoo waan godhane kanaaf, Waaqa worra jiruu fi du’etti muriisaaf qophoyeef, deebii mataa ifii hin kennan.

[6] Tanaaf Oduun Gammadaa worra du’anelle’eef lallabante; akka kanaan akkuma nama maratti murante nafa isaaniititti hin muranti; ayyaanaan ammoo akka Waaqi jiraatutti jiraatan.

[7] Muummeen waan maraa dhikaateerti; tanaaf akka daadimatiisa dandeettanu, worra ifi qabatuu fi dammaqe te’a’a.

[8] Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha’a.

[9] Adoo hin gungumin keessumummaa wol fudhadha’a.

[10] Akka towataa addatamaa kennansa Waaqaa ka adda addaa hujii irra oolchu tokkoo, tokko tokkoon keessan kennansa adda addaa ka Waaqa irraa fudhataneen wol tajaajila’a.

[11] Nami lallabu akka Jecha Waaqaatitti lallabuu ti; ka tajaajilu hunna Waaqi isaaf kenneen tajaajiluu ti; maarre Waaqi waan duudi’iin karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galatateeffama. Isaaf ulfinnii fi hunni baraa haga bara baraatitti te’u! Ameen.

[12] Obboleeyyan tiyya! Rakkoon jadduun ta akka ibiddaa guddu haga isin ilaaliisaaf yoo isin dhaqqadde, wonni teetee hin beenne akka isin irra dhaqqaddeetitti hin baaseffatina’a.

[13] Addee akkasii yennaa Kiristoos ulfinna ifiitin mudhatu gammadi keessan guddaa akka te’u, rakkoo isaa worra qoodamu waan teetaneef gammada’a.

[14] Maqaa Kiristoosiitiif yoo arraffantane, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Waaqaa waan isin irratti foorfatuuf isin worra badhaadhe.

[15] Isin keessaa nami rakkoo fudhatu tokko, nama ijjeessee yookiin hatee yookiin yakkee yookiin waan isa hin galchine keessa galiisaan rakkoo hin fudhatin.

[16] Kiristaana waan te’eef nami rakkinna fudhatu yoo jiraate, marroo maqaa Kiristoosiitiif Waaqa galateeffatuu ti malee, hin fokkifatin.

[17] Guyyaan muraan jalqabantu geetteerti; muraan tun worra mana Waaqaa keessa jiru irratti jalqabanti. Eega muraan nu irratti jalqabantu teete, mummeen worra Oduu Gammadaa ta Waaqaatiif hin ajajannee maan te’itti ree?

[18] Barreeffam Woyyichi, «Nami balchaanuu eega rakko’oon fayyu teete, nami Waaqa malee jiraatuu fi cubbamaan attam te’uu jira ree?» jedha.

[19] Maarre worri akka fedha Waaqaatitti rakkatu, ifi Abbaa dadaa addatama’atti magannee kennatee, waan dansaa ittuma hujuu ti.

1 Pheexroos — Chapters