Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:10

[1] Yoona hammeenna duudii, maltummaa duudii, kijibummaa, hinaaffa’aa fi hamii duudii irraa ifi fageessa’a.

[2] Akkuma daa’immaan reefi dhalatte aanan barbaaddu, isinille gara fayyinnaa akka ittiin guddattanu aanan Ayyaanticha hin caamolamin dhara’a’a.

[3] Isin akka Goottaan arjaa te’e waan beettaneertanuuf tana hin gootan.

[4] Maarre gara dhakaa jiraata’aa, gara Goottaa Yesuusii dhiyaadha’a; Inni dhakaa namaan tuffatamee Waaqaan filatamee gatii guddoo qabu.

[5] Isin hayyoota woyyuu te’uuf, ciincaa ayyaanaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa duratti fudhatama qabu dhikeessiisaaf, akka dhakaa jiraata’aa ijaarsa galma ayyaanaatiif te’a’a.

[6] Barreeffam Woyyichi, «Kunoo, dhakaa roga ijaarsaa ka filatamee fi ka gatii guddo’oo qachaa Xiyoonii keessatti hin dhaaba; nami isatti dhugeeffattu tokkolle hin qaanowu» jedha.

[7] Isin worra dhugeeffattanuuf dhakaan kun dhakaa gatii guddo’ooti; worra hin dhugeeffanneef ammoo, «Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te’e» jedha.

[8] Akkasuma Barreeffami Woyyichi dhibiin, «Dhakaan nama gufachiisu, rassaa nama jissu hin te’a» jedha. Isaan Jecha Waaqaatiif waan ajajamuu dhabaneef hin gufatan. Kun duraanuu waan isaaniif yaadameeru.

[9] Isin ammoo sanyii foyante, hayyootaa mooti’ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame.

[10] Tanaan qara isin kolbaa Waaqaatii moti; amma ammoo kolbaa isaa ti; tanaan qara isin marartii Waaqaa hin dhagganne, amma ammoo marartii isaa dhaggattaneertan.

[11] Obboleeyyan tiyya! Biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma’aa irra leetanu tana keessatti, halchaa foonii ta lubbuu teessan aatu irraa akka fagaattanu isin magannifadha.

[12] Worri Yihudoota hin te’in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka’atti amala dansa’aan le’a’a.

[13] Gootta’aaf jedha’aatii lafa tanatti worra baallii qabu maraaf: mootii moototaa ka ballii ol aantuu qabuuf,

[14] yookiin bulchitoota biyyaa ka akka yakkaameyyii adabanuu fi worra dansaa godhanu akka galateeffatanuuf, mootii moototaa biraa ergamaneef ajajama’a.

[15] Sababille Waaqi akka isin waan dansaa hujaa, haasowa worra gowwoole’ee afaan qabachiittanu barbaada.

[16] Akka worra bilisaa, Waaqaaf garboolee te’aatii le’aa malee, bilisummaa teessan gollata waan hantu’uu hin godhatina’a.

[17] Nama duudii ulfeessa’a; dhugeeffattoota jaaladha’a; Waaqa sodaadha’a; mootii ulfeessa’a.

[18] Isin worri garbooleen goottota teessaniif ulfinnaan ajajama’a; goottota dansa’aa fi qajeelota calla’aaf adoo hin te’in, hamaaleyyi’iifille ulfinnaan ajajama’a.

[19] Waaqaaf jettanee, rakkoo sababa malee isin dhaqqaddu yoo ossitane, inni isin hin eebbisa.

[20] Hantuu gootaneef dikantanee yoo ossitane, galata maan qaddan ree? Ammoo dansaa gootanee rakkoo fudhattanee yoo ossitane, Waaqi isin hin eebbisa.

[21] Waaqi waan kanaaf isin waame; Kiristoos ammoo isiniif rakkatee isa faana akka horddottanu fakkeenna isiniif te’e.

[22] Inni ijjumaa cubbuu hin hunye; sobille afaan isaa keessaa hin baane.

[23] Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne.

[24] Akka nuuti cubbu’uuf duunee balchumma’aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba’ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan.

[25] Isin akka hoolee karaa irraa baddee joonjaa turtane; amma ammoo gara tisse’ee fi eegaa lubbuu teessanii deebitaneertan.

1 Pheexroos — Chapters