[1] Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina’a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa’aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te’e qorqora’aatii ilaala’a.
[2] Ayyaana Waaqaa kanaan beettan: Ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugeessu maraa ka Waaqaa ti;
[3] ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin dhugeessine maraa ka Waaqaatii moti; inniin kun ka akka inni dhufu isin dhageettane, ayyaana Kiristoos mormu. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.
[4] Ijoolle! Isin ka Waaqaati; ka isin keessa jiru ka biyya lafaa keessa jiru waan caaluuf, raagota dharaameyyii injifattaneertan.
[5] Raagoti dharaameyyiin ka biyya lafaa waan te’aneef, waan biyya lafaa dubbatan, biyyi lafaalle isaan dhageetti.
[6] Nuuti ka Waaqaa ti. Nami Waaqa beeku maraa nu dhage’a; nami ka Waaqaa hin te’in mara ammoo nu hin dhage’u. Kanaan Ayyaana dhugaamessaa fi ayyaana dharaamessa gargar baannee beenna.
[7] Jaalota tiyya! Jaalalti Waaqa irraa waan teeteef, kowa’a wol jallannaa! Nami jaallatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka.
[8] Waaqi jaalala waan te’eef nami hin jaallanne maraa, Waaqa hin beeku.
[9] Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu’uuf mudhise.
[10] Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaallanne, inni ammoo nu jaallatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma’aa akka te’uuf erge.
[11] Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaallate, nuutille wol jaallatuu qanna.
[12] Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaallanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalalti isaalle nu keessatti guutuu teeti.
[13] Inni Ayyaana ifii irraa waan nu’uuf kenneef, nuuti isa keessa, innille nu keessa akka jiraatu hin beenna.
[14] Abbaan Ilma ifii Fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge nuuti dhaggineerra, dhugaalle hin baana.
[15] Yesuus Ilma Waaqaa akka te’e nami dhugeessu maraa, Waaqi isa keessa, innille Waaqa keessa hin jiraata.
[16] Nuuti jaalala Waaqi nu’uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra. Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata.
[17] Biyya lafaa tana irratti akkuma Kiristoos le’e waan leeneef guyyaa mura’aa ifi-addii hin qabaanna; akka kanaan jaalalti Waaqaa nu keessatti guutanteerti.
[18] Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalalti guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalalti isaa guutu’uu moti.
[19] Waan Waaqi dursee nu jaallateef nuutille hin jaallanna.
[20] Eennulle «Ani Waaqa hin jaalladha» jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaallanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaallatuu hin dande’u.
[21] Nami Waaqa jaallatu, obboleessa ifiille jaallatuu qaba, ajaja jedhu Kiristoos nu’uuf kenneera.