Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:40

[1] Marroo jecha jiru’uu ka jalqabaa jalqabee jiruu, ka gurra keennaan dhageenne, ka ila teennaan dhaggine, ka ilaallee fi ka harka keennaan qaqqannee isiniif barreessina.

[2] Jiruun tun mudhifanteerti; nuutille dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Jiruu bara baraa ta Abbaa woliin turtee, nu’utti mudhifante tana isinitti hinna.

[3] Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba’aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin.

[4] Gammadi keenna guutuu akka te’uuf tana barreessina.

[5] Ergaan nuuti isa irraa dhageennee isinitti hinnu, «Waaqi ifa; dukkanti isa keessa ijjumaa hin jirtu» ta jettu tana.

[6] Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu.

[7] Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa.

[8] Cubbuu hin qannu yoo jenne ifi sonna; dhugaalle nu keessa hin jirtu.

[9] Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.

[10] Nuuti cubbuu hunyee hin jirru yoo jenne, Waaqa dharaamessa goona; jechi isaalle nu keessa hin jiru.

1 Yohaannis — Chapters