Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:40

[1] Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaallate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.

[2] Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te’uu malee yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna.

[3] Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.

[4] Cubbuun seera balleessiisa waan teeteef, nami cubbuu huju mara seera Waaqaa balleessee yakka.

[5] Kiristoos cubbuu teenna balleessiisaaf akka dhufee fi ifii ammoo akka cubbuu hin qanne isin hin beettan.

[6] Nami Kiristoosiin le’u cubbuu hin huju; nami cubbuu huju isa hin dhaggine, yookiin isaa hin beenne.

[7] Ijoolle! Eennulle mee isin sobuu ti! Akkuma Kiristoos balchaa te’e, nami balchummaa huju balcha’a.

[8] Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.

[9] Nami Waaqa irraa dhalate adabi Waaqaa isa keessa waan jiraatuuf cubbuu hin huju, hujiisaafille hin dande’u.

[10] Nami balchummaa hin hunyee fi nami obboleessa ifii hin jaallanne mara ka Waaqaatii moti; ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Durriisaa kanaan gargar baafamanee beekkaman.

[11] Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, «Wol jaallatuu qanna» ta jettu tana.

[12] Akka Qaayinii te’uu hin qannu; inni ka hamaalessaa te’ee obboleessa ifii ijjeese. Inni maaf isa ijjeese? Hujiin isaa hantuu teetee, hujiin obboleessa isaa balchittii waan teeteef isa ijjeesse.

[13] Obboleeyyan tiyya! Kolbaan biyya lafaa yoo isin jibbite hin maadeffatina’a!

[14] Nuuti obboleeyyan teenna waan jaallanuuf du’a keessaa gara jiru’uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaallane du’a keessatti hafa.

[15] Nami obboleessa ifii jibbu, nama nama ijjeesse; nami nama ijjeese, jiruu bara baraa akka ifi keessaa hin qanne isinuu hin beettan.

[16] Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalalti maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.

[17] Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalalti Waaqaa isa keessa jiraatti ree?

[18] Ijoolle! Dubbi’iin yookiin afaan calla’aan adoo hin te’in, huji’ii fi dhuga’aan wol jaallannuu ti.

[19] Nuuti ka dhuga’aa te’uu keennaa fi fuula Waaqaa dura ifi-addi’iin dhikaatu’uuf akka dandeennu tanaan beenna.

[20] Yennaa wodanaan keenna nutti muru maraa, Waaqi wodanaa keenna waan caaluuf, waan maraa beeka.

[21] Jaalota tiyya! Yoo wodanaan keenna nutti muruu dhabe, Waaqa duratti ifi-addii qanna.

[22] Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna.

[23] Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaallannu.

[24] Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le’a; Waaqille isaan keessa le’a. Ayyaana inni nu’uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna.

1 Yohaannis — Chapters