[1] Ijoolle, akka isin cubbuu hin hunyeef tana isiniif barreessa; eennulle cubbuu yoo huje ammoo, wobii Abbaa biraa qanna; innille Yesuus Kiristoosii balchicha.
[2] Inni woreega gumaa cubbuu teennaa ti; cubbuu biyya lafaa duudi’iif malee, cubbuu teenna calla’aaf moti.
[3] Yoo ajaja isaatiif ajajanne, Waaqa beekiisa keenna hin beenna.
[4] Nami, «Ani isa beeka» jedhaa, ajaja isaatiif hin ajajanne dharaamessa; dhugaalle isa keessa hin jirtu.
[5] Nami jecha Waaqaatiif ajajamu ammoo, jaalalti inni Waaqaaf qabu guutu’u. Isaan jiraatuu keenna tanaan beenna.
[6] Nami «Waaqaan jiraadha» jedhu, akka Yesuus le’e le’uu qaba.
[7] Jaalota tiyya! Ani ka isiniif barreessaaru, ajajuma dullacha dur jalqabaa jalqaddanee isin qaddanu san malee, ajaja haareyaa moti. Ajaji dullachi jechuma isin dhageettane.
[8] Te’uu malee, dukkanti dabariisatti, ifi dhugichi ifiisatti waan jiruuf, Kiristoosii fi isin biratti dhugaa ka te’e, ajaja haareya isiniif barreessa.
[9] Nami, «Ani ifa keessa jira» jedhaa obboleessa ifii jibbu, ammalle dukkanuma keessa jira.
[10] Nami obboleessa ifii jaallatu ifa keessa le’a; wonni nama gufachiisulle isa keessa hin jiru.
[11] Nami obboleessa ifii jibbu ammoo dukkana keessa le’a, dukkana keessa ideema, dukkantille ila isaa waan qaddeef gara itti ideemiisatti jiruuyyu hin beeku.
[12] Ijoolle! Cubbuu teessaniif maqaa Kiristoosiitiin araarri waan kennameef isiniif barreessa.
[13] Abbooti’i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneertanuuf isiniif barreessa. Dargaggoota! Hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.
[14] Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti’i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi Hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.
[15] Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa hin jaallatina’a; nama biyya lafaa jaallatu, jaalalti Waaqa Abba’aa isa keessa hin jirtu.
[16] Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.
[17] Biyyi lafaatii fi halchaan isi’ii marti hin tarti; nami fedhii Waaqaa muumessu ammoo haga bara baraa le’a.
[18] Ijoolle! Sa’aatiin tun ta muumme’ee ti. Ka Kiristoos mormu akka dhufu kanaan duraa dhageettaneertan; ammumaayyuu worri Kiristoos mormu hedduun dhufeera. Maarre akka sa’aatiin muumme’ee geette nuuti tanaan beenna.
[19] Isaan nu keessaa bayane malee, keennaa moti; adoo keenna te’anee sila nu’uma woliin jiraataniiyyu. Isaan ammoo nu lakkisanee deemiisaan keenna te’uu dhabuu isaanii mudhisane.
[20] Isin ammoo Kiristoos Ayyaana Woyyichaan muudeera; waan maraa isin martinuu hin beettan.
[21] Isin dhugaa beekuu dhaddaneef adoo hin te’in, dhuga’aa fi dhugaa keessaa dharti akka hin baane waan beettanuuf isiniif barreessa.
[22] Yesuus Masiihii moti jedhee ka mormatu malee, dharaamessi eennu ree? Ka Abba’aa fi Ilma mormatu kun mormattuu Kiristoosii ti.
[23] Nami Ilma mormatu Abbaa hin fudhatu; nami Ilma dhugeessu Abbaalle hin dhugeessa.
[24] Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa jiraattuu ti! Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa yoo jiraatte, isinille Ilmaa fi Abba’aan hin jiraattan.
[25] Addiin inni nu’uuf kenne tun jiruu bara baraa ti.
[26] Marroo worra isin dokonkorsuutiif, ani tana isiniif barreessa.
[27] Ayyaanni isin Kiristoos irraa fudhattane ammoo isin keessa hin jiraata; inni waan isin barsiisuuf, eennulle akka isin barsiisuuf hin barbaachisu. Inni waan mara isin hin barsiisa; wonni inni barsiisulle dhuga’a, dharti keessa hin jirtu. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi isin barsiisetti Kiristoosiin jiraadha’a!
[28] Yoona, ijoolle! Yennaa Kiristoos mudhatu sodaa malee akka jiraannuu fi guyyaa dhufa isaa akka hin fokkifanne isaan jiraadha’a!
[29] Akka inni balchaa te’e yoo beettane, nami balchumaa huju maraa ilma Waaqaa akka te’e hin beettan.