Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:35

[1] Ati garuu wanta barsiisa sirrii sanaa wajjin wal fudhatu dudubbadhu!

[2] Maanguddoonni warri dhiirri warra dhugaatiitti of hin ganne, warra ulfina nama irraa qaban, warra of qaban, amantiidhaa fi jaalalatti obsattis warra seelkoo hin qabne haa ta'an!

[3] Akkasuma immoo dubartoonni dullooman amala warra akka qulqullootaatti fudhatamanii haa argisiisan! Wanta gaarii ta'e haa barsiisan malee, maqaa namaa balleessuun, dhugaatiidhaaf garboota ta'uun isaan irra hin jiru.

[4] Akkasitti abbaa manaa, ijoollees akka jaallataniif, dubartoota warra gara ijoollee in gorsu.

[5] Dubbiin Waaqayyoo maqaa gadhee akka hin godhannetti, warra of qaban, warra gaa'ela isaaniitti amanaman, warra mana isaaniitiif ba'eessa godhanii eeggatan, warra abbaa manaa isaaniif abboomaman akka ta'an haa gorsan!

[6] Akkasuma immoo dhiironni warri gara ijoollee akka of qaban gorsi!

[7] Waan hundumaa keessatti hojii gaarii hojjechuudhaaf fakkeenya ta'i! Barsiisa kee keessatti dubbii akka waliin hin makne, salphaatti akka hin fudhannes argisiisi!

[8] Warri garasii nutti gara galan, waan gadhee ittiin nu irratti dubbatan akka hin arganne, dubbii sirrii sanaanis waan ittiin jedhan akka hin qabaanne godhi!

[9] Warri garbummaa jala jiraatan waan hundumaatti ajaja warra isaan bulchanii haa fudhatan! Itti haa tolan, dubbii isaaniitiinis hin mormin!

[10] Barsiisichi waa'ee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mul'atu gochuudhaaf, isaan guutummaatti amanamummaa gaarii haa argisiisan malee, warra waa miliqsan hin ta'in!

[11] Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul'iseera.

[12] Ayyaanni Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf gorsee, gara gaariitti nu deebisa.

[13] Achumaanis abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.

[14] Inni seera irra-daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo'amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.

[15] Yeroo gorsa kennitu, yeroo balleessaa namatti mul'iftus yaada muramaadhaan kana dubbadhu; namni tokko illee si hin tuffatin!

Ergaa Phaawulos Gara Tiitoositti Erge — Chapters