Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:06

[1] Kana gidduutti Boaz gara karra dallaa lafa namoonni itti wal ga'anitti ol ba'ee taa'e; kunoo, namichi inni barcuma qajeelchuudhaaf ana caalaa itti in dhi'aata jedhee, Boaz waa'ee isaa dubbate sun achiin in darba ture; yommus Boaz,“Abalu, mee as gorii taa'i!” jedhee waame; innis itti goree in taa'e.

[2] Itti dabalees Boaz maanguddoota mandara sanaa keessaa nama kudhan ergee fidatee,“As taa'aa!” jedheen; isaanis in taa'an.

[3] Kana booddee Boaz, namicha barcuma qajeelchuudhaaf caalaa itti dhi'aatu sanaan,“Naa'omiin isheen biyya Mo'aabii deebite sun, lafa hirmaata Eliimelek lammii keenyaa gurgurachuu in barbaaddi;

[4] ammas waa'ee isaatiif kanan yaade mul'inatti sitti nan hima; warra as taa'an kana duratti, angafoota saba kootii duratti lafa kana oolfadhu! Yoo oolfachuu feete, oolfadhu! Yoo fedha isaa hin qabdu ta'e garuu akkan baruuf anatti himi! Namni oolfachuun ta'uuf si malee kan biraa hin jiru; sitti immoo anatu aana” jedhe; namichis,“Nan oolfadha” jedhe.

[5] Boaz immoo,“Egaa Naa'omii harkaa laficha gaafa oolfattu, maqaa namicha du'ee iddoo dhaala isaatiitti deebisuudhaaf, barcuma namicha du'ees qajeelchuudhaaf, Ruut haadha manaa isaa ishee biyya Mo'aabis immoo oolfachuu kee ti” jedhe.

[6] Namichi“Laficha nan oolfadha” jedhe kunis,“Lafa isa ani dhaaluudhaaf bitu kana dhabuuf jira, kanaaf ani danda'ee hin oolfadhu; egaa nama oolfatu ta'uu waanan dadhabeef, waan oolfachuun ana irra ture, ati ofii keetii oolfadhu!” jedhe.

[7] Dur biyya Israa'el keessatti, namni tokko yeroo wanta tokko isa kaan irraa oolfatu yookiis geddaratu, dubbiin isaa dhaabataa akka ta'utti kophee isaa miilla tokkoo ofittii baasee isa kaaniif in kenna ture; kun Israa'el keessatti wanta isaan ittiin dubbii walii galtee isaanii cimsan ture.

[8] Kanaaf namichi“Laficha oolfachuu hin danda'u” jedhe kun Boaziin,“Ati ofii keetii oolfadhu!” jedhee, kophee isaa miilla tokko ofittii baasee itti kenne.

[9] Yommus Boaz maanguddootaaf namoota achi turaniin,“Waan Eliimelek, ilmaan isaas Kiliyoonii fi Maahiloon qabu turan hundumaa, har'a Naa'omii irraa oolfachuu kootiif isin imaanyii koo ti.

[10] Ruut ishee durba Mo'aab ishee Maahiloon irraa du'es, haadha manaa koo akka taatuuf oolfadheera; kanas maqaa isa du'e sanaa iddoo dhaala isaatiitti deebisuudhaaf, maqaan isa du'e sanaa lammii isaa gidduudhaa, wal ga'ii karra mandara isaa keessaas akka hin balleeffamne gochuudhaaf akka ta'e, isin har'a dhugaa in baatu” jedhe.

[11] Yommus warri karra dallaa keessatti wal ga'an, maanguddoonnis,“Nuyi kanaaf imaanyii dha; dubartii haadha manaa kee ta'uuf jirtu kana Waaqayyo, akka Raahel akka Liyaas warra ijoollee Israa'el horan siif haa godhu! Ati immoo qomoo Efraataa keessatti nama jabaa ta'i! Betlihem keessattis gurra godhadhu!

[12] Qe'een kees ijoollee warra Waaqayyo dubartii kana irraa siif kennu kanaan, akka qe'ee Faares isa Taamaar Yihudaadhaaf deessee haa ta'u!” jedhan.

[13] Akka kanatti Boaz Ruutin ofitti fudhatee, haadha manaa godhate; yeroo inni ishee bira ga'etti Waaqayyo ishee eebbisee, in ulfoofte, ilmas in deesse.

[14] Yeroo sanatti dubartoonni mandaraa Naa'omiidhaan,“Waaqayyo inni har'a nama si furu si hin dhabsiisin haa jajamu! Maqaan mucichaas Israa'el keessatti beekamaa haa ta'u!

[15] Mucicha haadha manaa ilma keetii ishee ilmaan torba irra siif caaltu, ishee si jaallatutu siif da'e waan ta'eef, inni muuxxootti si deebisa, bara dulluma keettis si soora” jedhan.

[16] Ergasii Naa'omiin mucicha fuutee, baattee in guddifte.

[17] Dubartoonni ollaa sanaa,“Naa'omiif ilmi dhalateera” jedhanii mucichaaf maqaa kennuu dhaqanii, maqaa isaas “Yoobeed” jedhanii in moggaasan; Yoobeed abbaa Isey, Isey immoo abbaa Daawit ture.

[18] Sanyiin Faares isaan kana; Faares, Hesromin dhalche,

[19] Hesrom, Raamin dhalche; Raam, Aminaadaabin dhalche.

[20] Aminaadaab, Nahaasonin dhalche, Nahaason Salmoonin dhalche.

[21] Salmoon, Boazin dhalche; Boaz, Yoobeedin dhalche.

[22] Yoobeed, Iseyin dhalche; Isey, Daawitin dhalche.

Macaafa Ruut — Chapters