[1] Naa'omiin lammii abbaa manaa isheetii kan ta'e aantii tokko qabdi turte; inni qomoo Eliimelek keessaa nama guddaa fi jabaa tokko ture, maqaan isaas “Boaz” jedhama.
[2] Gaaf tokko Ruut isheen biyya Mo'aab Naa'omiidhaan,“Ka'een lafa maasiin jiru dhaqee abbaa faara anaaf tole biraa qarmii bu'adha” jette; amaatiin ishees,“Dhaqi intala ko” jetteen.
[3] Ruut kana irratti baatee gara maasii tokkoo dhaqxee, warra midhaan haaman biraa qarmii bu'atte; akkuma ayyaana isheetii immoo maasiin sun hirmaata Boaz isa qomoo Eliimelek sanaa ta'ee argame.
[4] Kana gidduutti Boaz Betlihemii dhufee warra midhaan haamaniin,“Waaqayyo isin bira haa jiraatu!” jedhee nagaa isaaniif dhi'eesse; isaanis,“Waaqayyo si haa eebbisu!” jedhaniin.
[5] Boaz immoo,“Intalli kun kan eenyuu ti?” jedhee naa'oo isaa isa warra midhaan haaman kana irratti aboon kennameef in gaafate.
[6] Naa'ichi inni warra midhaan haaman sana irratti aboon kennameef deebisee,“Isheenoo intala ishee Naa'omii wajjin biyya Mo'aabii dhuftee dha;
[7] isheen,“Hadaraa, qarmii nan bu'adha, warra midhaan haaman booddeedhaanis bissii bissii gidduudhaa nan funaannadha” jettee kadhatte; isa dhuftes ganamaa jalqabdee hamma ammaatti utuu gad hin taa'in, reefuu xinnoo ishee aara galfatti” jedhe.
[8] Boaz yommus Ruutiin,“Mee dhaggeeffadhu intalo! Qarmii bu'achuudhaaf gara maasii biraa dhaquu si hin barbaachisu, asii hin adeemin! Dubartoota maasii koo keessa hojjetan biraas hin hafin!
[9] Maasii isaan keessaa midhaan haaman ijaan qabi, isaan duukaa dhaqi, hojjetoonnis akka si hin tuqneef kunoo ani abboomeera; yommuu dheebottus gara qodaa bishaanii dhaqii isa hojjetoonni waraaban dhugi!” jedhe.
[10] Ruut kana irratti lafa geessee qoommaatee Boaziin,“Attamitti akkas faara anaaf tolte, ana ishee ormas akka firaatti na ilaalte?” jette.
[11] Boaz immoo deebisee Ruutiin,“Erga abbaan manaa kee du'ee wanti ati amaatii keef goote hundinuu, tokko tokkoon anatti himameera; attamitti abbaa kee fi haadha kee, biyya itti dhalattes dhiiftee, gara saba dur hin beeknee akka ati dhufte dhaga'eera.
[12] Gocha keetiif Waaqayyo waan gaarii siif haa deebisu, gatiin kees Waaqayyo gooftaa Israa'el, isa ati bobaa isaa jalatti kooluu galte biraa waan gaariidhaan siif haa guutu!” jedhe.
[13] Isheen yommus,“Ati faara anaaf tolteetta gooftaa ko; ani illee hojjetoota kee keessaa hamma ishee tokkoo iyyuu hin ga'u, ati garuu na jajjabeessitee, waan hojjettuu kee garaa ciibsu dubbatteetta” jette.
[14] Yeroo itti guceedhaaf taa'anittis Boaz Ruutiin,“As dhi'aadhu, buddeenas cabsadhu, cuunfaa waynii isa dhangaggaa'e kanattis cuuphadhu!” jedhe; isheenis warra midhaan haaman bukkeedhaan in teesse; Boaz immoo akaayii itti qabe; isheenis isa fudhattee nyaattee, quuftee, irraa hafes.
[15] Kana booddee isheen kaatee qarmii bu'achuutti deebite; Boaz immoo hojjetoota isaatiin,“Bissii bissii gidduudhaa iyyuu haa bu'attu ishee hin rifaasisinaa!
[16] Kana malee iyyuu isheen haa bu'attuutii duroo duroo keessaa luqqisaatii hambisaaf! Isin immoo hin ifatinaa!” jedhe.
[17] Akkasitti isheen hamma galgalaatti qarmii bu'atte; garbuu bu'atte sanas cagadattee, akka quunnaa sadii ba'eef.
[18] Isheen midhaanicha ol fudhattee mandaratti galte; isa bu'atte sanas amaatii isheetti argisiifte; isa guyyaa nyaattee quuftee irraa hambiftes, gad fuutee amaatii isheetiif in laatte.
[19] Yommus amaatiin ishee Ruutiin,“Har'a eessaa bu'atte” Eessaa waa barbaaddachaa oolte” Namicha karaa kana siif yaade Waaqayyo haa eebbisu!” jette; Ruut eenyu biraa akka bu'achaa ooltee, maqaan namicha isheen biraa hojjetachaa ooltes Boaz ta'uu isaa amaatii isheetti himte.
[20] Kana irratti Naa'omiin haadha manaa ilma isheetiin,“Waaqayyo inni gaarummaa isaa warra jiranii fi warra du'an irraa hin fudhanne, isa haa eebbisu!” jette; itti fuftees,“Namichi kun fira nutti dhi'aatu, barcumas kan qajeelchuu dha” jette.
[21] Ruut isheen biyya Mo'aab kun immoo,“Hamma hojjetoonni koo midhaan koo hundumaa sassaabanii fixanitti, isaan biraa hin hafin anaan jedheera” jette.
[22] Naa'omiinis Ruut haadha manaa ilma isheetiin,“Maasii nama biraa keessa dhaqxee namni si tuquu irra, dubartoota warra isaaf hojjetanii wajjin ba'uun kee ba'eessa yaa intala ko” jette.
[23] Ruut hamma garbuunii fi qamadiin hundinuu sassaabamee galutti, qarmii bu'achuudhaaf dubartoota warra Boaziif hojjetan biraa hin hafne; amaatii ishee wajjin taa'uus hin dhiifne.