Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:41

[1] Kana booddee Naa'omiin amaatiin ishee Ruutiin,“Yaa intala ko, mana akka godhattuuf“Uffee” jettees sitti akka toluuf, karaa siif barbaaduun ana irra jira mitii ree”

[2] Boaz inni ati dubartoota isaaf hojjetan bira oolaa turte, lammii keenya mitii ree” Ilaa inni har'a galgala lafa oobdiitti garbuu in qulleeffata;

[3] kanaaf ati dhiqadhuu, dibadhuu, uffadhuu, wayyaa kees fudhadhuu, lafa oobdii sanatti gad bu'i! Garuu erga namichi nyaatee dhugee booddee malee, itti hin mul'atin!

[4] Yeroo inni dhaqee rafu immoo iddoo inni ciisu sana hubadhu, kana booddees dhaqiitii miilla isaa irraa wayyaa saaqi, achumas ciisi! Inni yommus maal akka gootu sitti in hima” jette.

[5] Ruut deebiftee,“Waan hundumaa akkuma ati jette nan godha!” jetteen.

[6] Kana irratti Ruut gara lafa oobdii itti midhaan qulleessan sanatti gad buutee, akkuma amaatiin ishee itti himte goote.

[7] Boaz nyaatee dhugee erga garaa ciibsatee, dhaqee tuullaa midhaanii garasiin in ciise; ergasii Ruut suuta jettee dhuftee, miilla isaa irraa wayyaa saaqxee achuma in ciifte.

[8] Gara halkan walakkaatti namichi“Birr” jedhee, gara galee yommuu ilaalu, dubartiin tokko gara miilla isaa jalaan utuu ciiftuu argee,

[9] “Eenyu ati?” jedhe; isheen immoo deebiftee,“Ana Ruut hojjettuu kee ti; aantiin barcuma qajeelchu si waan ta'eef, amma golgaa kee hojjettuu kee irra diriirsi!” jette.

[10] Innis,“Waaqayyo si haa eebbisu, intalo! Hiyyeessotas haa ta'anii, sooressootas haa ta'anii, ati warra dargaggoota duukaa hin buune; kanaan isa dura argisiifte caalaa gaarii gochuu kee argisiifteetta.

[11] Ammas hin sodaatin yaa intalo! Ati dubartii ba'eettii ta'uu kee namni karra mandara kanaatiin ol galu hundinuu waan beekuuf, anis waanuma ati dubbatte siif nan godha.

[12] “Ani aantii barcuma qajeelchu ta'uun koo illee dhuguma, garuu barcuma qajeelchuudhaaf ana caalaa kan dhi'aatu tokko jira.

[13] Edanaaf asuma turi! Ganamas namichi“Barcuma nan qajeelcha” yoo jedhe, silaa in tole haa qajeelchu! Inni barcuma qajeelchuudhaaf fedha hin qabu yoo ta'e garuu, harka Waaqayyo isa jiraataa, ani barcuma nan qajeelcha; hamma bari'utti immoo achuma ciisi!” jedheen.

[14] Isheen hamma lafti bari'utti achi gara miilla isaa jalaan in ciifte; garuu Boaz,“Dubartiin lafa oobdii dhufuun ishee akka hin beekamne” jedhee waan tureef, Ruut utuu lafti ifee iji namaa wal hin hubatin kaate.

[15] Inni Ruutiin,“Wayyaa kee isa irra keessatti uffattu diriirsii as qabi!” jedhe; isheen immoo wayyaa ishee itti qabde; achumaanis garbuu qodaa safaraa ja'a itti naqeefii, ol fuudhee in baachise; akkasitti isheen deebitee mandaratti in galte.

[16] Yeroo isheen galtes amaatiin ishee,“Intala ko attam taate?” jetteen; yommus isheen immoo wanta namichi isheedhaaf godhe hundumaa itti himtee,

[17] “Inni,‘Harka kee duwwaa gara amaatii keetiitti hin deebi'in!’ jedhee, kunoo garbuu qodaa safaraa ja'an kana anaaf kenne” jetteen.

[18] Yommus Naa'omiin,“Yaa intala ko, namichi kun har'a dubbii kana utuu hin raawwatin hin boqotu, kanaaf hamma gara dubbichi itti deebi'u bartutti, calluma jedhii taa'ii ilaali!” ittiin jette.

Macaafa Ruut — Chapters